Xiinxala: Muddamni filannoo Somaaliyaa gara waraanaatti ce'e, akkamiin as gahe?

Somaaliyaatti muddamni yeroon filannoo darbuun jalqabe hammaachuun, namoota siyaasaa gidduutti walamanuu dhabamsiisee, magaalaa guddittii Moqadishoo keessa lolli jabaan dhalateera. Kunis biyyattii gara jeequmsa siyaasaatti ceesiseera.

Lola humnoota federaalaa fi humnoota mormitootaaf amanamoo tahan gidduu Ebla 25 dhalate kana hordofee yoo xiqqaate namoonni kudhan du'aniiru. Jiraattoonni dhibbatti lakka'aman ammoo sodaaf jecha gara mandaroota nagaa qabanitti baqachaa jiru.

Waldhabdee amma ka'e kana gareen al-Qaayidaa wajjin hidhata qabu al-Shabaab biyyattii Gaanfa Afrikaa kana hokkoratti naquuf itti dhimma ba'uu mala. Ji'oota dhiyoo keessa hidhattoonni kun, bakka mariin waa'ee filannoo itti gaggeeffamu garagaraa haleelaniiru.

Waldhibdeen siyaasaa ittuu kan baddubahe gaafa Ebla 12 erga Paarlaamaan biyyattii, aangoo mootummaa Pireezidadnt Mohaammad Abdullaahii Farmaajoo ganna lamaaf dhereessuuf erga labsii dabarse boodadha.

Labsii Ebla 13 ragga'e kanaan dura muddama filmaataa hammaachaa dhufeef furmaata fiduuf mariin gaggeeffamaa tureera - tahus otoo hin milkaa'in hafe. Labsin kun mootummaan federaalaa waggoota lama keessatti filannoo akka gaggeessuus ni ajaja.

Michuuwwan idiladdunyaa biyyattiifi mormitoonni siyaasaa aangoo dheereffame kana mormuun, Farmaajoo saamicha aangoon himatu.

Muddamni kun morkii gosoota Somaaliifi sirna federaalaa dadhabbina qabuunis kan ittuu hammaate oggaa ta'u, biyyattii waraana waggoota hedduun booda tasgabbii argatte kana gara duubaatti harkisuu mala.

Eenyufaatu kana keessaa qooda qaba?

Morkattoonni siyaasaa aangoon pireezidantichaa Guraandhala 8 waan xumurameef, Farmaajoo akka pireezidaantitti hin fudhannu jedhu.

Foramii Naashinaal Saalveshin jedhamus hundeessan. Waltahinsi kunis namoota siyaasaaa jajjaboo kanneen akka dubbihimaa Seeneetii Abdii Hashii Abdullaahii fi hooggantoota naannolee ciccimoo Jubaalaand fi Puntilaand ofkeessaa qaba. ''Aangoo dheereessuu heeraan ala tahe kanaratti tarkaanfii barbaachisu ni fudhanna,'' jechuun dhaadatan.

Dubbihimaan Seeneetii Abdullaahii aangoo dheereeffachuun kun heeraan ala ittiin jedhu - sababni isaas pireezidantichi Mana maree isa Olaanaa (Upper House) irra ce'uun labsicha raggaasisan jedhu.

Pireezidantiin Puntilaand Sayid Abdullaahi Denii fi gitnisaanii Jubaalaand Ahimad Mohaammad Islaam bakka bu'oota hawaasa idiladdunyaa Moqaadishootti wayita arganii turanitti, kufaatii hinoollerraa ''Somaaliyaa akka baraaran'' gaafatan.

Waltahinsi kanneen pireezidanticha bakka bu'uuf kaayyoo qaban - Manni Maree Kaadhimamtoota Pireezidaantummaa jedhaman, pireezidant Farmaajoon ''abbaa irree waraanaan bulchu'' ittiin jedhaniiru.

Gosti dhageettii guddaa qaban Hawiye jedhaman, dhimmicharratti erga marii taa'an booda murtoo kana mormaniiru.

US, UK fi Gamtaan Awurooppaa murteen aangoo dheeressuu kun, adeemsa Somaaliyaan gara nagaafi ijaarsa biyyaatti gootu kan balaaf saaxiludha jechuun, walitti dhufeenya isaanis keessa deebiin akka ilaalan himan. Ameerikaan dabaluun kanneen aangoo dheeressuu kana keessaa qooda qaban irratti qoqqobbiin kaa'a jechuun sodaachiste.

Manni Maree Nageenyaafi Tasgabbii Gamtaa Afrikaas murtoo aangoo dheeressuu kana mormuun, dureewwan Somaaliyaa keessaa muddama filannoo kanarratti akka mari'atan gaafate.

Mormiin keessaafi alaan daran itti hammaatus, Farmaajoon deeggarsa Miseensota Mana Maree Gadaanaa (Lower House) fi nannoolee sadii qabu. Isaanis Galmudug, Hirshabelle fi Naannoo Kibba Lixaati.

Siyaasa gosaafi waldhibdee

Gargar qoodamuun dhimma filmaataarratti mul'ate, eenyummaan gosaa eenyummaa biyyaalessaarraa akka caalu kan mul'isedha.

Walamanuu dhabuun gaafa guddachaa dhufe, namoonni siyaasaafi qondaaltonni nageenyaa olaanoon, gara gosa isaanitti mil'atan. Gosoonni kunniin milishaa gosaa, finciltootaafi dureewwan hidhattootaa duraanii kan ofkeessaa qabanidha.

Mormitoonni gariin waraanaa qophiirraa jiru - akkamiin jennaan: kaan meeshaa waraanaa hidhachaafi konkolaattota waraanaa bitachaa jiru.

Bitootessa 15 poolisiifi loltoota fincilan gidduutti waraanni dhalate - loltoonni kunniin namoota filannoon maaliif ture jechuun daandiiwwan Moqaadishootti bahan kan deeggaran turan.

Poolisoonni addaa Harma'ad jedhaman kunniin kanneen tarkiin leenji'anidha. Amma dura garee addaa akana mootummaan naannoleerratti dhiibbaa uumuuf itti fayyadameera.

Ebla 13, dureen poolisii duraanii Moqaadishoo Sadaq Omaar Hasan, yaa'ii paarlaamaa waa'ee filannoo mari'achuuf ture danquun mootummaa morme. Nama kana sadarkaa aangoosaa hunda irraa mulquun, hari'an.

Guyyootaan booda qondaalli poolisii duraanii kun, loltootaafi milishoota gosa isaarraa tahaniifi fincilan wajjin ta'uun, Naannoo Daynile keessa kaampii hundeessan.

Mootummaan humnoota haalaan hidhatan gara naannichaatti bobbaasuu hordofee magaalaa guddittii keessa muddamatu dhalate.

Haalli kun garuu boodarra tasagabbaa'eera. Tahus garuu fincilli haaraa Farmaajoorratti kahe kun, gara waraana gosaatti cehuun, walwaraansi akka dhalatu taasisuu mala.

Siyaasaa fi nageenyarratti dhiibaa akkamii qaba?

Erga al-Shabaab Moqaadishoo keessaa bara 2011tti ari'amee, yeroo jalqabaaf magaalattiin zoonii waraanaa taateetti.

Gareen jihaadistii kun magaalota gurguddaa keessaa gara caalu hari'amus, naannolee giddugaleessaafi kibbaatti argaman keessatti ammallee humna guddaa qaba. Humnoonni mootummaa biyyaalessaa, Ergamni Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa keessaa (AMISOM) akkasumas Ajajni US Afrikaa keessaa garee kanaan lolu.

Al-Shabaab magaalaa Moqadiishoo keessatti haleellaawwan garagaraa kan raawwatu oggaa tahu, tasgabbii dhabuu amma jiru fayyadamuun, sochii dabaluu mala.

Miidiyaaleen biyyattii, gamoowwan meeshaalee waraanaan haleelaman, loltoota hidhatanii taankii gubbaa taa'aniifi daannoowwan ittisaa daandii gubbaatti ijaaraman mul'achuu gabaasaniiru.

Gaazexeessaan raadiyoo dhuunfaa Kulmiye jedhamu akka himutti, konkolaattonnifi miseensonni poolisii magaalattii daandii gubbaatti hin mul'atan. Kana malees, kaameraan haleellaa al-Shabaab qolachuuf daandiiwwan gurguddoo gubbaatti midhaaffaman barbadaa'aniiru jedhan.

Fincilli hidhannoo kun muddama fudhatamummaa Pireezidant Farmaajoon kan hammeessu oggaa tahu, atakaaroo filmaataa mariin hiikuuf carraa jirus akka cufamu taasisa.