Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aangoo pirezidantii dheeressuurratti qaamoleen nageenyaa Somaaliyaa wal-hadhuu eegalani
Mgaalaa guddoo Moqaadishootti humnoota nageenyaa biyyattii gidduutti lolli ka’ee jira.
Akka gabaasonni mul’isanitti, meeshaaleen waraanaa gurguddoon faayidaarra kan oolan yoo ta’u, masaraa mootummaa biratti dhukaasni dhaga’amaa ture.
Gareewwan waraanaa muraasni Pirezdanti Mohaammad Abdullaahii Mohaammad kan deeggaran yoo ta’u, kuun garuu nimormuuni.
Namni maqaa Faarmaaoo jedhuun beekaman kun torbee darbe keessa haala mormisiisaa ta’een ganna lamaaf angoosaanii Guraandhala keessa dhumate dheeressuu beeksisanii turani.
Gochi isaanii kunis UN fi Gamtaa Afriikaa dabalatee qaamolee idil-addunyaan akka malee qeeqamaa ture.
Lolli Dilbata kaleessaa ka’es walitti bu’iinsa namoota muraasa gidduutti turetu babal’atee hanga walakkeessa magaalattiitti babal’ate.
Lola hamaa Moqaadishootti dhalateen daran kan yaadda'e mootummaan UK biyyattiin saffisaan gara mariitti akka seentu gaafateera.
Imbasiin Biriteen kan Moqaadishoo jiru waraanni amma uumamee jiru ''baay'ee kan nama yaaddessuudha,'' jedheera.
Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti, lolli kun humnoota waraanaa mootummaafi mormitoota deeggaran gidduutti kan raawwate yoo ta’u, ajajdoonni waraanaa duraaniifi dursitoonni gosootaas keessatti hirmaachuutu himame.
Namni lubbuu dhabuusaa wanti beekame hin jiru.
Marsariitiin nama dhuunfaan bulu ‘Caasimada Online’ akka jedhetti, namoonni gommaa gubuun mootummaa mormuun daandiitti kan ba’an yoo ta’u, hooggantoonni riphee loltootaa gariin Kaaba Moqaadishoo to’ataniiru.
Mormitoonnis: "Turtiin angoo akka dheeratu hin feenu. Faarmaajoos hin feenu. Abbaa irree hin feenu," wayita jedhan dhaga’amaniiru jedhame.
Pirezidantiin duraanii Hasan Sheek Mohaammud fi dursaan mormituu Abdiraahmaan Abdishaakur loltoonni mootummaa deeggaran mana jireenyaa keenya haleelalniiru jedhani.
Ibsa Tiwiitara gubbaa baasaniin: ‘‘mormitoonni humna waraanaa siyaasaaf fayyadamuun akka ooluuf akeekkachiisaa turaniiru,’’ jedhani.
Minstirri nageenyaa Somaaliyaa Hasan Hundubeey ibsa Dilbata baasaniin, ‘‘biyyoonni maqaa hin dha’amne hokkora biyyattiitti mudate duuba jiru,’’ jedhani.
Ibsa TV irratti dabarsaniin, gareewwan milishaa gurmaa’an gara Moqaadishootti ergamuun hokkora akka kaasan taasifamuufi, boodarra humni nageenyaa to’achuunii dubbatani.
Biyyi waggoota kurnan hedduuf lolaan unkuramaa turte, 2012’tti mootummaan qaamolee idil-addunyaan deeggaramu angoo erga qabatee as gara nagaatti tirachaa turteetti.
Haata’u malee, angoon Faarmaajoo dhumachuun wal-qabatee filannoon geggeeffamuu qabu dabarfamuu isaatti biyyattiin wal-dhabdee biraa keessa seentee irti, dhaabbileen gargaarsaas deeggarsa waan dhaabaniif mootummaatti maallqni hanqateera.
Filannoon Somaaliyaatti adeemsa wal-xaxaa keessa darba, jalqaba dursitoonni gosootaa bakka bu’oota filachuun isaan ammoo pirezidantii achi keessaa filatu.
Qoodiinsa angoo ilaalchisuun wal-dhabdeen kan ture yoo ta’u, komishiniin filannoos waliigaltee hin qabu.
Manni Maree Nageenyaa UN akka Jimaata darbe jedhetti, wal-dhabdee siyaasaa kun dhimmoota ciccimoo kan akka weerara Covid, weerara awwaannisaa fi loltoota Islaamummaa irraa xiyyeeffannoon akka fuudhamu gochaa jira.