Filannoo pireezidantummaa Somaaliyaaf uggurri sochii labsame, al-Shabaab haleellaa raawwate

Filannoo pireezidantummaa Somaaliyaa Dilbata dhufu gaggeefamuuf ergamni ce'umsa Somaaliyaa kan Gamtaa Afrikaa (African Union Transition Mission in Somalia (Atmis)) galma filannoon itti gaggeefamuu fi naannoo sanitti uggura sochii labse.

Filannoon kun magaalaa guddoo biyyattii Moqaadishootti gamoo buufata humna qilleensaa Afisyoni keessatti gaggeefama.

Uggurri sochii kun Kibxataa qabee hanga Wiixata torbee dhufuutti labsame.

Pireezidantiin Somaaliyaa miseensota paarlaamaa ji'oota muraasa dura filataman 300 ta'aniin kan filatamu yeroo ta'u, miseensotni paarlaamaa kunniin gamoo humna qilleensaa filannichi itti gaggeefamutti walitti qabamaniiru.

Filannoo kana irratti morkattoota jaboo ta'uu warri jedhaman pireezidantii ammaa Mohaammad Abdullaahii Farmaajoo, fi pireezidantoota lama isa dura turan, Hasan Sheek Mohaammudifi Sharriif Sheek Ahimadi.

Filannoon kun yeroo gaggeefammuun irra ture irra sababa wal-dhibdee namoota siyaasaa gidduutti dhalateen ji'oota 15'n boodatti harikafatee gaggeefama.

Kun kanaan osoo jiru, magaalaa guddoo biyyattii Moqaadishoo keessatti boombiin of wareegaa dhooyee namoota hedduu miidhuun dhagaahameera.

Haleellaan kun kan raawwate galma buufata xiyyaaraa idila addunyaa Aden Addee jedhamurratti ta'uufi xiyyeeffannoon isaas konkolaattota ta'uun himameera.

Maddeen naannichaa akka himanitti haleellaa bakka 'Kilometre-Four Junction' jedhamutti raawwatame kanaan qaamole nageenyaa fi namoota nagaarra miidhaan qaqqabeera.

Bakki haleellaan kun itti raawwate buufata kaadhimamtootni filannoo pireezidantii duula na filadhaa itti gaggeessan irraa 5km qofa fagaatee argama.

Filannoo kanaaf kaadhimamtootni 39 dhiyaataniiru.

Ji'a darbe bakka miseensotni paarlaamaa haaraa filataman galanitti haleellaan moortaarii raawwatamee ture. Namootni hedduunis madaa'aniiru.

Gareen finxaaleyyii al-Shabaab haleellaa har'aa namoota hedduu miidhe duuba akka jiru beeksiseera.

Al-Shabaab haleellaa Moortaarii ji'a darbee san duubas akka jiru beekameera.

Filannoo pireezidantummaa Somaaliyaan lammiileen biyyattii kallattiin filuuf hiree hin qabaanne kana irratti miseensota manneen maree biyyattii lamaaniitu hiree qaba. Isaan ammoo kan filataman hooggantoota gosaa Somaaliyaaa keessa jiraataniini.

Kaadhimatoota 39 pireezidantii biyyattii ta'uuf duula isaanii miseensota Paarlaamaaf gaggeessaa jiran keessa dubartii tokko qofatu argama, Fawziyaa Yusuuf Adam.

Kaadhimatootni kunneen haasaa na filadhaa isaanii isa guddaa Roobiifi Kamisa gaggeessu. Pireezidantiin haaraan filatamu biyyattii waggoota afuriif bulcha.