Somaliyaa: Biyya sagalee ummata malee filannoon itti gaggeeffamu

    • Barreessaa, Mohaamud Alitin
    • Gahee, BBC News, Nairobi irra

Daandiiwwan Moqaadishoo biilboordiiwwan gurguddaa kaadhimamtoota pirezidaantummaa Somaaliyaatiin faayamaniiru.

Namoonni wayita tiraafika daandii rakkisaa magaalatiin dhaabsiifamaniitti, poostariiwwan filannoo baayyee ni ilaalu. Garuu ammoo filachuuf sagalee kan kennu ummataa miti.

Kunis sababii Somaaliyaan sirna siyaasaa walxaxaafi al kallattii ta'eetti fayyadamtuufidha. Kanaafuu paartileen siyaasaa filannichaaf hin dorgaman. Yookaanis kenninsi sagalee nama dhunfaa hin raawwatamu.

Bakkasaa miseensoonni mana marii 275 bakka bu'oota jaarsoolii gosaa fi miseensoota waldaalee siiviilitii kanneen qondaaltota bulchiinsa naannooleetiin filatamaniin bakka buufamu.

Akkasumas miseensoonni mana maree federeshinii 54, seeneetii, bakka bu'oonni naannoolee Somaaliiyaa shanis jiru.

Isaan boodas miseensonni mana maree lamaanuu pirezidaantii biyya ummata miiliyoona 16.3 hogganuuf sagalee kennu ykn filatu.

Kaadhimamtooti eenyudha?

Somaaliyaan filannoo Pirezidaantii yeroo dheeraaf harkifataa ture Caamsaa 15 gaggeessuuf jirti. Kun ammoo yeroo silaa itti gaggeefamuu qabaatu irraa waggaa tokkoon booda barfate jechuudha.

Mohaamad Abdullaahi Mohaammad kan Faarmaajoo jedhamuun beekamu dabalatee, galmeen kaadhimamtoota 39 kan filannoo pirezidaantummaatiif dorgamanii ifa ta'eera.

Kunis erga bulchiinsi soshaalistii Si'aad Baarreen hogganamu bara 1991tti kufeen booda kaadhimamtoota pirezidaantiif dorgoman isa olaanaadha.

Dorgomtoota keessa pirezidaantii duraanii Shaariif Sheek Ahimad fi Ministirri Mummee duraanii Haasan Sheek Mohaammad Ali Kheyre ni argamu.

Akkasumas Faawziyaa Yusuuf Adaam, dorgomtuun dubartii kanaan dura akka ittaantu MM fi Ministira Dhimma Alaatti tajaajilte turte ni argamti.

Pirezidaantii Bulchiinsa ammaa, Puntiland kan wallakkaan walabaa Sa'iid Abdullaah Deeniis dorgomichatti makamaniiru.

Pirezidaantiichi yeroo waggoota afuriitiif kan biyyatii bulchi yoo ta'u, yoo barbaadee deebii'ee filatamuf dorgomu ni danda'a. Haata'u malee, erga sirni filannoo alkallattii kun bara 2000tti hojiirra oolfamee kaasee pirezidaantiin irra deebiin filatame kamuu hin jiru.

Lammiileen maaliif pirezidaantiisaanii hin filanne?

Namni dhuunfaan bahee sagalee kennuu dhabuun isaa Somaaliyaa keessatti aangoo gosti qabu agariisa. Gosatu dugugguruu hawaasaa cimaa ijaara. Kana jechuunis sirni dimokraasii warra lixaa biyyattii keessatti hundee gadi hin fageeffanne.

Isaanis bakka qullaa sababa dhabamuu mootummaan mudates ni guutu. Somaaliyaan erga bara 1991 as mootummaa jabaa hojiirra ture tokko hin horanne.

Gosawwan Somaaliyaa jidduu wal dhabdee cimaan waan jiruuf, sirnichi qooddachu aangoo irratti bu'uureeffata. Kanaanis gosoonni gurguddoon afur teessuma miseensota paarlaamaa wal qixa ta'e qabaatu. Gosootni kaan ammoo bakka tokkotti walitti qabamuun lakkoofsa wallakkaan kennamaaf.

Kunis gosootni Somaaliyaa bakka bu'oota siyaasaa mootii hundeessan taasisa.

Erga manneen maree lamaaniif filannoon gaggeeffameen booda miseensoonni mana maree 300 ta'an kakuu raawwataniiru.

Filannichis malaamaltummaa olaanaa, aangootti haala malee fayyadamuufi dambiiwwan filannoo cabsuu hedduun mudateera. Darbee darbee ammoo bakka bu'oota bitachuuf doollaarri miiliyoonni baasii taasifameera.

Haata'u malee, biyyattiin dhaabbata malaamaltummaa irratti qabsaa'u danda'u hin qabdu.

Kaataar taatee siyaasaa keessatti gahee olaanaa baahaa jirti. Xinxaltoonnis duula filannoo bara 2017tti pirezidaanti ammaa Faarmaajoo maallaqaan akka deegarteefi bulchiinsa isaa keessatti harka akka qabdu amanu.

Maaliif hangas yeroo dheeraa fudhate?

Barri aangoo Faarmaajoo Guraandhala 2021tti xumurame. Haata'u malee sababii waliigaltee dhabu siyaasaatiin hanga ammaatti aangoorra ture.

Bakka bu'oota dhabuun filannoo miseensoota paarlaamaa tursisee, kun ammoo pirezidaantichifi miseensonni mana maree hojii malee akka turan taasise.

Filannoon paarlaamaa dhiibbaa arjoomtoota warra Lixaa olaanaatiin dhumarratti gaggeeffame. Fakkeenyaaf US qondaaltota adeemsa filannichaa akka turu taasisaanitti ilaalaman irratti dhorkaa viizaa keesse turte.

Kenniinsi sagalee mataansaa baatiiwwan afur: Muddee irraa hanga Bitooteessatti harkiifame.

Akkasumas Dhaabbanni Maalaqa Adduunyaa (IMF) yoo filannoon xumuramu baatee wallakkaa Caamsaa irraa kaasee deeggarsa maallaqaa Somaaliyaaf taasisu akka dhaabu hime ture.

Mootummaa haaraan tokkicha aangoo qabannaan, hongee dabalatee rakkoolee biyyattiif furmaata barbaaduutu irraa eegama.

Hongeen waggoota sadan darban keessaa cimaa dhufun dhaabbileen gargaarsaa beelli mudachu akka danda'u akeekkachisaa jiru.

Somaaliyaatti ummanni miiliyoona 3.5 ol deeggarsa nyaataa kan barbaadu yoo ta'u, daa'immanni miiliyoona 1.4 ta'an ammoo hir'ina soorataa cimaaf saaxilaman.

Fedhiin warri lixaa Somaaliiyaa keessa qaban maali?

Yaaddoon isaanii inni olaanaan milishooti Islaamaa dabaluudha.Somaaliyaan waajjira Olaanaa hidhattoota akka al-shaabaab, al-qaa'idaa kanneen Afriikaa keessatti balaafamo jedhamaniitti.

Milishoonni iislaamaa kunneenis erga loltoonni Itoophiyaa Ameeriikaan deeggarame Gamtaa Mana Murtii Islaamaa (UIC) aangoorraa aari'achuuf magaalaa Guddoo biyyattii Moqaadishoo haleellan waggoota digdama keessa dabalaa dhufan.

Gamtaan Mana Murtii Islaamaa (UIC) mo'atamuunsaa akka al-shaabaab cimina argatu taasise. Kanaanis milishoonni 'weerartoot' ari'anii baasuuf dhaadachu eegalan.

Har'a al-shaabaab Somaaliyaa keessatti eddoowwan hedduu to'achuun, motummaa aangoorraa buusuun bulchiinsa Islaamaa mataasaa hundeessuuf kaayyeffachuun irra deddeebiin haleellawan raawwataa jira.

Filannoowwan bara 2012 fi 2016tti, al-Shaabaa dorsisawwan raawwachuun, sirumaa, erga filannoo faallaa -Isilaamaa keessatti hirmaataniiru jechuun balaaleeffateen boodas jaarsoolii gosaa ukkaamsuun fudhatee ture.

Ammaan tana ammoo, yaadni gareen kun filannoo irratti qabu irra caalaan ukkaamfameera. Kunis yaaddoo miseensoonni fi deeggartoonni gariichaa dhoksaan teessuma paarilaamaatiif dorgomuun keessa taa'anii sirnicha diiguu danda'u jedhu irraa kan madde.

Sodaan kunis pirezidaantii biyya ollaan kan taate Jabuutti, Omar Gullehn bara 2020 keessa ifatti ka'ee ture. Innis: ''Sababii al-shaabaab miseensoota paarilaamaa muraasa bitateefu, harka wayyaa jalaatiin manni marichaa isaaniin qabama jedhee sodaataan jira,'' jedhanii ture.

Xinxaltoonni muraasnis, Mr Gulleeh haala al-shaabaab paarilaamaa itti seenuu danda'u ni harbeessan jechuun qeequ. Garuu ammo Somaaliyaa keessatti human siyaasaa cimaa akka ta'e shakkiin hin jiru.

Somaaliyaan dimokiraatawa ta'u dandeessi?

Faddaaloonni aangoo Somaaliyaa yeroo dheeraan dura ture bara kana keessa filannoon uummata hirmaachu akka gaggeefamuuf kan waliigalanii turan, garuu waadaa seenan eeguu hindandeenye.

Sababii galmee paartiilee siyaasaa fi karaa rifarandamiitii heera motummaa haaraa ragaasisuu dabalatee, ulaagaaleen ijoon muraasni hin raawwatamneefu inni kunis waan dinqii miti.

Ammas motummaa ittaanu, kan rakkoolee gurguddoo hedduun eeggataniif, dhimmoonni kunneen hagam akka dhimmoota dursi kennamaniif akka ta'an ifa miti.