Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hongee Somaaliyaa: ‘Amma tarkaanfii fudhadhaa ykn ijoolleen 350,000 hongeen dhumu’
Gogiinsa ogeeyyiin waggoota 10 darban keessatti Somaaliyaa keessatti mul'ate isa hamaadha jedhaniin, daa’immaan hedduun hanqina nyaataan miidhamaa jiru. Maatiin daa’imman isaanii soruu waan dadhabaniif, daa’imman biyyattii umurii ganna shan gadii keessa walakkaa kan ta’an Waxajabbii irraa eegalee hanqina nyaataan hubamuu malu.
Nimkoo Abdii daa’ima ishee umurii ji’a ja’aa yeroo ulfaatina ishee safarsiistu, kg 4 qofa taate. Kun ulfaatina daa’imni kun qabaachuu qabdurraa walakkaan kan xiqqaatedha.
Umurii isheef baay'ee xiqqoodha. Ijishee gadi galee, lafeen ishee gadi babba’ee, gogaan ishees shunturee fi addaatee jira.
"Harma nan hoosisan ture. Garuu hanqina nyaataan ani baay'een dhukkubsadhe. Isheenis baay'ee huuqqatte, kanaaf as ishee fiduufan murteesse. Yoo xiqqaate qorichaa fi annaan argachuu dandeessi" jetti Nimkoon.
Nimkoon wiirtuu to’annoo hanqina nyaataa Luuq, kan magaalaa gudditti Somaaliyaa Moqadishuu irraa km 500 fagaate jirtu seentee, sireen dubartii biraa waliin fayyadamtu kennameeraafi.
Seenaanshee kun seenaa haadhoolii hedduu sababa hanqina nyaataan du’a daa’imman isaaniif yaadda’anii keessaa tokkodha.
“Homtuu hin godhamu yoo ta’e, dhuma waggaa kanaatti, daa’imman biyya kana keessatti hanqina nyaataan hubaman miiliyoona 1.4 keessaa 350,000 kan ta’an ni du’u,” jechuun UNtti waajjira gargaarsa namoomaa qindeessu OCHA irraa Adam Abdelmolaa akeekkachiiseera.
“Ammumaan biyya kana keessatti barattooti %70 ta’an mana baruumsaa hordofaa hin jiran. Jubaa Laand qofa keessatti, sababa gogiinsa uumameen manneen barnoota 40 ta’an cufamaniiru.
"Kun ammoo nannoolee gogiinsa kanaan miidhaman biroottis waan uumamuu maludha" jechuun, shamarraan tokko tokko maatiin isaan sooru waan hin dandeenyeef dursaanii akka heeruman taasifamaa jiru jedheera.
Gandoolee qullaa hafan
Faatumaa Mohaammed, wiirtuu Luuq keessatti narsii yoo taatu, sireen 18 qofti jiraatus daa’imman 50 fi haadholii isaanitu wiirtuu kana keessa jira jetti.
"Yaddoon keenya lakkoofsa dabalaa deemudha. Nutti bayy'atee dandeettii keenyaa olitti hojjechaa jirra. Hanqinni meeshalee wal'aansa fayyaas nu qunnamaa jira,” jetti.
Daa’imman tokko tokko baay'ee hubamanii, karaarratti du’u.
"Dubartoonni kunneen daa’imman hanqina nyaataan baay'ee hubaman qabatanii dhufu. Baay'een isaanii garaa kaasaa fi dhibee gifiraa qabu" jetti.
Gogiinsa kanaan Somaaliyaa keessatti namootni miiliyoona 4.5 ta’an hubamaniiru.
Lagi guddichaa Somaaliyaa, lagi Juubaa, gogee bishaan bicuu qaba.
Akka UN jedhutti, namootni 700,000 ta’an nyaataa fi bishaan ofiifi beeyladootaa isaaniif barbaaduuf jecha qe’ee isaani gadhiisanii ba’uuf dirqamaniiru, lakkoofsi kun ammoo dabalaa deemaa jira.
Waaqtiilee afuriif roobni utuu hin roobiin ho’iinsiis guddaa dabaleera - %90 biyyichaa gogeera.
Daandilee baaddiyyaa irratti reeffi beeyladootaa akka reettii, haarree fi gaalaa kukkufanii jiru. Kun lammilee Somaaliyaa hedduu beeyladoota horsiisuun jiraataanif rakkoo guddaadha.
Gatiin nyaataa fi bishaanii dabalaa dhufeera. Namootni gargaarsa barbaacha gara magaalotaatti waan godaananiif gandooliin qullaa hafan jiru.
Kan boodatti hafan maanguddoota rooba eegan ykn ijoolleen isaani bishaan fidanii akka deebi’aniif eeganidha.
Gogiinsi kun Somaaliyaa qofa osoo hin taane, Gaanfa Afrikaa fi kutaalee ardii Afrikaa hedduutti waan umamedha.
Koreen Fannoo Diimaa Idil Addunyaa (ICRC) akka jedhutti yoo xiqqaate lammileen Afrikaa %25 ta’an hanqina nyaataan hubamaniiru.
Lakkoofsi namoota qe’ee isaanirra buqqa’aniis haalaan dabaleera. Rakkoon beelaa jirus sababa waraana Raashiyaa fi Yuukireeniin gargaarsi fi fandiin achitti xiyyeeffateeruuf dagatameera.
Wiirtuuleen namoota qe’ee isaaniirra baqatanii biyyattii keessatti bakkeewwaan hedduu jiru. Namootni tokko tokko beela bara 2017 irraa utuu hin bayyanatiin, isa kanaan hubamaa jiru.
Waan hamaa dhufuuf jira
Wiirtuu Galkaayoo jirutti, ulfa ji’a torbaa kan taate Hawaa Faargod, ijoollee ishee lamaa waliin jirti.
Godoon ishee xiqqoon, akkuma namoota dhibbaan lakka’amanii wiirtuu kana jiranii biroo, mukaa fi huccuu moofaa irraa kan ijaaramedha. Guyyootii hedduuf qorra keessa turte.
Ollaashee kan jirtu, Hawaa Shariif, ijoollee ishee shan waliin gaariidhaan imala guyyaa sadii akka taasifte himti. Harreen gaarii isaani harkisaa ture akka wiirtucha ga’aniin du’e.
"Harreen kun beeyladoota keenya keessa isa lubbuun hafe isa dhumaa ture. Kan hafan hundi du’aniiru" jetti.
Gogiinsi kun maatilee gargar diigeera – dhiirootni galii argachuuf gara magaalotaatti yoo deeman, dubartootii fi daa’imman ammoo bakka gargaarsa argachuu danda’aniitti imalu.
Dhabbileen gargaarsa akka jedhanitti rakkoon hanqina fandii guddaan jira. Biyyittii keessatti gargaarsa taasisuuf fandii isaan barbaachisu keessaa % 3 qofa qabu.
Konkolaatotaan bishaan fe’anii, gargaarsa nyaataa fi fayyaa erguuf yaalaa jiru. Garuu hunda bira ga’uu hin danda’ani – torbanoota muraasa dhufan keessatti ammoo yoo fandii ykn gummachi jiraachuu baate kanayyu gochuu hin danda’an.
Tilmaami rooba Eblaa giddugaleessa ykn xiqqaa waan jedhameef, wanti hamaa kan caalu uumamuu mala yaaddoon jedhu jira.
Hawaa Fargood, ofii dhibee kaleen rakkachaa, ijoolleen ishees dhukkubsatanii waan jiraniif, egeree isheef abdii hin qabdu.
“Ijoolleekoofan sodaadha,” jetti.