Google Afaan Oromoo dabalatee afaanota Afrikaa kudhaniin tajaajila kennuu eegale

Madda suuraa, Getty Images
Jaarmiyaan teeknolojii 'Google' afaanota Afrikaa kudhan tajaajila afaan tokkorraa biraatti hiikuu 'Google Translate' jedhamutti akka dabale Roobii kaleessaa beeksise.
Afaanoti Afrikaa tajaajila kana akka fayyadaman dabalamanis Afaan Oromoo, Afaan Tigree, Tiwii, Baambaaraa, Ewee, Kiriyoo, Lingaalaa, Lugaandaa, Sepedii fi Tsoongaa jedhamanii dha.
Bambaaraan, Maalii keessatti namoota afaanicha dubbatan miiliyoona 14 kan qabu yoo tahu, Eween Gaanaa keessatti namoota miiliyoona torba tahaniin dubbatama.
Afaan Oromoo Itoophiyaaa fi Kaaba Keeniyaatti namoota afaanicha dubbatan miiliyoona 37 qaba. Afaan Tigree immoo Ertiraafi Naannoo Tigraayitti namoota miiliyoona saddeetiin dubbatama.
Afaan Lingaalaa Giddugaleessa Afrikaa- Ripaabilika Dimokiraatawaa Koongoo, Angoolaa, fi Sudaan keessatti namoota miiliyoona 47n dubbatama, Afaan Tiwii ammoo Gaanaa keessatti namoota miiliyoona 11n dubbatama.
'Google Translate' tajaajila af-danuu 'Google' dhaan kalqame yoo tahu barreeffama, sanadoota fi marsariitiiwwan afaan tokkorraa gara kaanitti hiika. Tajaajilichi marsariitii fi appii mobaayilii irratti argama.
Abdiisaa Bancaan ogeessa ICT yooo tahu, bara 2006 dhaabbata 'oroict.com' jedhamu hundeessee hojiiwwan teeknolojiidhaan walqabatan hedduu hojjechaa ture.
'Google Translation' irratti Afaan Oromootiin tajaajilli akka jalqabuuf hiikaa jechootaa irratti namoota afaanicha hiikan qindeessaa jira.
Gareen Abdiisaan qindeessu, 'adeemsa hiikkaa jechaa kanarratti, keewwataafi gaaleewwan gara kuma 280 irra geenyeerra,'' jedha.
Yeroo hojiin hiikuun kuni jalqabe hayyoota seer-luga afaanii beekan hirmaachisuuf karoorsanillee qaamota hojii kanaaf deeggarsa gaafatanirraa ijaa hin arganneef namoota intarneetii fayyadamaniifi fedhii qaban qofa akka hirmaachisan hima.
Kanaanis,''hiikkaa hojjetame baayyeensaa namoota fedhii qabaniin malee hayyoota seer-luga afaanichaa beekaniin gatii hin hojjetamneef, hiikkaan kenname sirrii tahuu mirkaneessuutu hojii guddaa fudhate,'' jedha.
Hojii hiikkaa kuma 280 tahu hojjetame keessa gara kuma 220 kan tahu 'validate' ykn sirrii tahuu mirkaneessuu irratti kan xiyyeefate tahuu ibsa.
Hiikkaa jechootaa, gaaleewwanii, fi keewwataan hojjetame gara kuma 60 ammallee sadarkaa hiikkaa namoonni hirmaatan kennan irra akka jiru Abdiisaan nu dubbata.
''Google waggoota shanan darban keessatti afaanota shan qofa afaan hojii isaatti dabale, ji'oota muraasaan dura afaanota gurguddoo 25 akka dabalu yeroo himu, Afaan Oromoos carraa kana argachuu isaan hawaasa keenya bira gammachuu guddaaatu ture,'' jedha.
Dogoggora hiikkaa irratti mul'atu
Abdiisaan hiikkaa kanarratti namoota seer-luga afaanii beekan osoo hin taane, kanneen fedhii qabaniifi afaanichi Google'n tajaajila jalqabuuf jechuun gammadanii warreen hirmaataa turaniin waan dalagamaa tureef dogoggora godhatee jedha.
''Furmaata kennuufis garee uumnee wal-dubbisaa hojjechuuf yaallee turre,'' kan jedhu Abdiisaan, ''hayyoonni yunivarsiitiifi kaan illee hojii hiikkaa kanarratti akka hirmaataniif mootummaa dabalatee qamolee gargaraa gaafannullee hamma yoonaa qabatamaan kan nu gargaare hin jiru,'' jedha.
Google Afaan Oromoon tajaajila jalqabuun maal buusa jechuun kan gaafanne Abdiisaan,''addunyaa teeknolojiidhaan ganda tokko taha, haala jireenya wal-fakkaataa geggeessa jirtu kana keessatti abbaa jabaatetu dabalama,'' jedha
Guddina teeknolojii kanatti dabalamuufis, afaan keenya qabannee deemuu qabna kan jedhu Abdiisaan, ''sababiinsaas afaan keenya qabannee yoo deemne safuu, aadaafi eenyummaa keenya waliin dabalamna, kanaachi garuu Afaan Ingiliizii ykn kaaniin tajaajila kana yoo fayyadamne achumaan eenyummaa keenya dhabuu malla,'' jedha.
Google hanga ammaatti afaanota hiiku 133 kan qabu yoo ta'u, barana ammoo afaanota 24 dabalaa jiraachuu ibseera.
















