Google beeksiisawwan siyaasaa dhorkuuf

Google

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbanni Google duulawwan qabiyyee siyaasaa qaban addunyaa guutuutti nan dhorka jedhe.

Dhorkaan kunis duula na filadhaa tibba filannootti karaa Youtube fi Google tiin akka filatamaniif taasifamu akka fayyadamu hin dandeenye kan taasisuudha jedhameera.

Haata'u malee, ammas qaamooleen duula na filadhaa gaggeessan Google fayyadamuun umurii, saalaa fi eddoo barbaaduun argachuu ni danda'u.

Dhorkaan Google addunyaa gutuutti hojjiirra olchuuf karoorfate kunis torban tokko keessatti UK keessatti hojiirra erga olee booda gara biyyoota birraatti akka darbu himammeera.

Akkasumas, beeksisa siyaasaa qofa osoo hin taane, dhaabbatichi beeksiisawwan odeeffannoo burjjaajjeessoo ta'an qaban kan biraa irrattis tarkaanfii walfakkaatu akka fudhatu himeera google.

Tarkaanffiin kunis google dorgomtoota siyaasaa ykn qabiyyee beeksiisiwwan na filadhaa akka sakatta'u kan beeksiise Feesbuuk waliin walitti bu'iinsa keessa galcha jedhamee sodaatameera.

Beeksiisawwan midiyaalee hawaasaa

Bulchaan damee google Iskot Isipensar marii bal'aan damee dimokraasii ball'aa waan ta'eef eenyumtuu akka barbaaduutti yaada siyaasaa isaa, yaada faallaa kennuu akkasumas ogganuufi to'achuu hinbarbaachisu jedhu.

''Beeksisiiwwan siyaasaa tarkaanfii irratti fudhanu lakkoofsaan muraata ta'u illeen kana raawwachu hin ittuma fufiina'' jedhaniiru.