Waraana Yuukireen: Fedhiin lammiilee Itoophiyaa Imbaasii Raashiyaa duratti hiriiranii maal ture?

Amaaran Sanbata darbe ture hiriyoota isaa waliin gara Imbaasii Raashiyaa kan deeme. "Erga barfateen deeme natti fakkaata galmee xumureerra naan jedhan," jedha.

Raashiyaaf duuluuf kan kutate Amaaran ammas abdii osoo hin kutatiin gaafa Wiixataa gara imbaasii Raashiyaa naannoo Qabbannaa jiru deeme.

Amaaran nama ganna 27 tahus hadhaa jireenyaa hin argine hin qabu. Humna Addaa Naannoo Amaaraa ta'ee Birgaader Jeneraal Asaamminoo Tsiggee jalatti leenji'eera. Waraana Kaaba Itoophiyaa irrattis hirmaateera. Baratee hojii dhabaa tahuun oliifi gadi jooraa tureera.

Gosa barnoota mummee Ikoonomiksii baratee eebbifame. Loltummaan hiriiree loleera. Amma mana intarneetii xiqqoo tokko keessatti fiilmii moobaayila namaa irratti fe'uun jireenya isaa gaggeessaa jira.

Jireenyi garuu akka malee itti ulfaannaan gara Baha Awurooppaatti duuluu yaade.

'Guyyaatti doolaara 2,000'

Namoota gaafa Wiixataa balbala Imbaasichaatti hiriiranii jiran keessaa BBC'n dargaggoo Amaara dubbiseera.

''...Ataashee namni jedhamu tokko as bahee 'dookimantii keessan dhiisaa deemaa, waan haaraan yoo jiraate isinitti himna' jedhee ol deebii'e,'' jedha.

Amaaran nama sana fagootti argeera. Kanaafuu 'loltoota galmeessaa hin jirru' jechuun Imbaasichi kan waakkate akka namoonni baayyeen hin dhaqneef.

Namootni kaan tokko tokko ammoo yoo nu waaman haa waaman yoo dhiisanis haa dhiisan jechuun ragaa barnoota isaanii dhiisanii deeman jedha.

Naannoo Imbaasii Raashiyaatti namoonni dhibbaan lakkaa'aman akkamiin takkaatti odeeffannicha arguu danda'an kan jedhu dubbii ijoo ture.

Amaaran odicha kan dhagahe namoota irraati jedhe. ''Kana dura mana loltummaatti namootan beekutu bilbilee natti hime.''

Isaan irraa osoo hin dhagahiin dura garuu miidiyaa hawwaasaa irraatti arguu isaa hima.

Miindaan waggaa lamaa dursee akka kaffalamu ture kanan dhagahe jedha.

"Dhugaa tahuu danda'a jedhee akkan amanu kan na godhe duraan miidiyaa hawwaasaa irratti oduu tamsa'aa turedha," jedhe.

Inumaayyuu oduu guyyatti doolara 2,000 kaffalama jedhutu bahaa ture.

''Yeroon oduu kana dubbisu maal taha carraan kun gara Itoophiyaa osoo dhufe yaadni jedhu natti dhufe. Hiriyyotakoo waliin irratti dudubataa turre.''

Imbaasiin Yuukireen magaalaa Finfinneetti argamu Raashiyaan Itoophiyaatii loltoota filaa jirti jechuun himatee ibsa baaseera.

''Egaa akkuma barame michuun Itoophiyaa Raashiyaadha jennee yaadna. Ani ogummaa loltummaa kanaan qaama kamiyyuu waliin hojjechuuf qophiidha. Yuukireenis tahe Raashiyaa anaaf tokkuma.''

Imbaasiin Raashiyaa maaliif waakkate?

Imbaasiin Federeshinii Raashiyaa Finfinneetti argamu ibsa Kibxata Ebla 19, 2022 baaseen, gaaffiiwwan qacarrii loltummaa kamuu hin simadhu jedhe.

Lammiilee Itoophiyaa hedduun imbaasicha fuulduratti hiriiranii mul'atan 'deeggarsa isaanii karaa barbaachisaa ta'e' hundaan Raashiyaa cinaa akka hiriiran agarsiisuuf," dhufani jedhe Imbaasichi.

Amaaran garuu ''dhugumaan beeksisa hin baasne tahuu danda'a, loltoota filaa hin jiran yoo tahe maaliif ragaa keenya nurraa fuudhaniree? jechuun gaafata.

Imbaasichi waan kana waakkachuun isaa tarii naannichatti wal dhiphisuun akka hin jiraanne, ykn loltoota filaa jiru akka hin jedhamneef ykn ammoo xiyyeeffannoo akka arganneef tahuu danda'a jedhee tilmaama.

Namoota hedduuf gaaffii kan tahe akkamitti lammiin Itoophiyaa tokko fedha isaatiin Raashiyaaf duuluu barbaadee dhaqee hiriira kan jedhudha.

"Abdii dhabuu"

Amaaran akka murteessu kan godhe sababni guddaan abdii dhabuu isaa ta'u dubbata. Innis yoo gabaabsee ibsu ''namni tokko abdii gaafa dhabu [Raashiyaaf duuluu miti] ofiyyuu ni ajjeesa'' jechuun ibse.

Sababootni kaan garuu hin jiran jechuu miti. Raashiyaan michuu Itoophiyaa gaafa rakkinaa waan taateef oolmaa ishee kaffaluuf duulla kan jedhanis jiru.

Bu'aa duula miidiyaadhaan biyyoota Lixaa fi diimokiraasii irratti gaggeeffamees tahuu danda'a.

Namni miidiyaa YouTube Yeneta jedhamu tokko irratti dhiyaachuun kan dubbate ajajaan Dhibbaa Balaay Gidaay, ''ani hojii barbaachaaf miti, doolaara barbaachas miti kaniin Raashiyaaf duulu'' jedhan.

Raafama siyaasaa addunyaa sababni tokko biyyoota Lixaa tahuu himuun, Raashiyaan garuu gidduugaltummaa akkasii keessa akka hin jirre himu.

''Raashiyaan michuu Itoophiyaati, biyyi sun anarraa waan barbaaddu yoo jiraate qophii tahuukoo agarsiisufan gara Imbasii isaanii dhufe,'' jedhe.

Miidiyaan Turkii Anadolu jedhamu waraana Itiyoo-Eertiraa irratti hirmaachuu isaanii kan ibsan ajajaa kudhanii Taarraqeny Waasee dhiyeessee ture.

Isaan ammoo Raashiyaaf jaalala addaa akka qaban himuun galii gaarii kan argamsiisu yoo tahe deemanii waraana gargaaruuf akka duubatti hin jenne himan.

Namootni hedduun naannoo Imbaasii Raashiyaatti hiriiran muuxannoo loltummaa kan qabanii fi kaan ammoo baratanii eebbifamuun hojii kan dhaban tahuu taajjabneerra.

Amaaran erga barnoota isaa xumurees humna waraanaa addaa nannoo Amaaraaf galmeen yommuu eegalamu galmaa'ee, ji'a saddeetiif leenjii fudhatee ture.

Boodarra yeroo karoorri nuti itti hundeeffamnee fi galmi keenya yeroo daandirra kaatu hundi keenya gadhiifne bane jedhe.

''Amma ani ejjennoo Raashiyaa waanan deeggaruuf miti, achittii du'uu nan danda'a garuu abdii waanan kutadheef dursanii miindaa waggaa lama nii kaffalu waan jedhameefan kana murteesse.

''Maallaqichaan maatikoo gargaaru nan danda'a, tarii ammoo namni hundi waraana irratti waan hin duuneef, tarii lubbuun oolee nagaan deebi'ee anaafis darbu danda'a.''

Itti dabaluun haala as jiruun, qaamni kallattiin dhufee si lolu hin jiru, sababa siyaasan namni tokko haala hin yaadneen sababa malee bakka hedduutti du'aa waan jiruuf, duuti eessayyu jira ilaalcha jedhutu jira malee ejjennoo Raashiyaa deeggaruu miti jedhe.

''Namni jalala biyyaaf yoo gatii irraa argatuuf jedhee waranaaf ni hiriira. Abbootiin keenya waraana Kooriyaa keessatti hirmaataniiru.

Amma haala biyya keessa jiruun gara qaama tokkootti goortee loluunkee hin oolu, kanaaf duutii kan hin oolle yoo ta'e, maatiikeef gatii wayiillee buufte yoo duute wayya.''

Amaaran amma Imbasii Raashiyaa irraa guyya guyyaan bilbila eeggachaa akka jiru hime.