Waraana Yukireen: Lammiileen Itoophiyaa Raashiyaaf loluu feena jedhan Embasii Finfinnee jiru fuuldura hiriiran

Waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante deeggaruun lammiileen Itoophiyaa hedduu Raashiyaa bira dhaabbannee loluu feena jedhan guyyaa Wiixataarraa eegalee Embasii Finfinnee jiru dura hiriiranii mul'ataniiru.

Gaazexeessitoonni BBC iddichatti argamuun ilaalaniifi suuraalee kaasan, dargaggoonni hedduun ragaalee adda addaa qabachuun, fuuldura embaasichaa walitti qabamanii mul'atu.

Kanneen keessaa haala hunda jedhamuu danda'amuun dhiiroota akka tahanis hubachuu dandeenyeerra.

Guyyaa Wiixataa namni ijaan argeefi BBC'n dubbise namoonni hedduu jedhan ''qacaramanii loluuf'' galmaa'uuf Embasii Raashiyaa magaalaa Finfinnee naannawa Qabbannaa argamu fuuldura arguu himaniiru.

Akka nama ijaan arge jedhan kanaatti kaleessa eegalee hiriira dhedheeraa arganiiru.

Haa ta'u malee, Embasiin Raashiyaa Finfinnee keessatti argamu loltoota Itoophiyaa Raashiyaaf lolan galmeessuuf karoora akka hin qabne BBC'f ibseera.

Embasii Yukireen Finfinnee jiru gamasaan ibsa Wiixata baaseen, ''namuu Raashiyaan akka sobdu beeka,'' jedhe.

Dabaluunis: ''Wayita dargaggoota Itoophiyaa qacaruuf yaalan kanatti, hanga Ebla 18, 2022tti weerartoonni Raashiyaa 20,000 tahan du'uu isaanii hin himani,'' jechuun biyyattii qeeqxe.

Dhimma kana irratti aangawoonni Itoophiyaa waan jedhan hin qabani.

Embasiin Raashiyaa maal jedhe?

Waraana Yukireenitti eegaleen walqabatee Itoophiyaan ejjennoo hin baabsine waan fakkaatu hordofaa jirti jedhu xiinxaltoonni.

Kana dura Embaasiin Raashiyaafi Jarman Finfinnee jiran dhimmuma waraana Yukireen keessa adeemaa jiruun ifatti wal komataa turan.

Dhimma namoonni waraanaaf galmaa'uuf hiriiran irratti Dubbii Himtuun Embasii Raashiyaa Finfinnee jirtu Maariyaa Zaakaarovaa BBC'f deebii kennaniiru.

Lammiilee Itophiyaa lakkoofsaan hedduu ta'aniifi ''kaaraa barbaachisaa ta'e hundaan'' Raashiyaa bira dhaabbanna jedhan gara Embasii isaanii dhufaa akka jiran BBC'f himaniiru.

Haa ta'u malee, Embasiin Raashiyaa Finfinnee jiru ammatti karoora loltoota qacaruu akka hin qabne gama dubbii himaa isaa himeera.

Maariyaa Zakaarovaa ''nuyi eejansii loltoota filu miti. Sababa kanaaf loltoota hin fillu,'' jechuun BBC'tti dubbataniiru.

''Baay'een isaanii lakkoofsa Embasii waan hin beekneef yookiin intarneeta waan hin qabneef ta'u danda'a. Haa ta'u malee, gara Embasii keenya dhufanii deeggarsa isaanii kennaa jiru,'' jechuun himan.

Embasiin Raashiyaa Finfinnee jiru yeroo ammaa tajaajila idilee malee galmee loltootaa adeemsisaa akka hin jirre himeera.

Ejjennoo Itoophiyaa

Waraanni ijoo dubbii addunyaa ta'e kuni ji'oota muraasa erga eegalee addunyaa goolaa jira.

Kana dura Ministerri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) rakkoo Yukireen keessatti dhalateef qaamoleen hundumtuu akka of-qusataniif waamicha dhiyeessanii turan.

Raashiyaa balaaleeffachuuf yaa'ii waliigalaa UN taasise irratti Itoophiyaan sagalee hin kenniin hafteetti.

Booda kanammoo Raashiyaatiin Mana Maree Mirgoota Namoomaa UN keessaa baasuuf yaada dhihaaterratti Itoophiyaan mormitee turte.

Waraana Kaaba Itoophiyaan walqabatee Itoophiyaan dubbii ijoo Mana Maree Nageenyaa UN yeroo turte Raashiyaan mirga sagalee fashaleessuu qabduun Itoophiyaa bira dhaabbataa turte.

Erga Raashiyaan Yukireen weerarte booda keessumaa giddugala Bahaa irraa loltoota lolchiisuuf galmeessaa jirti jechuun biyyoonni Lixaa himataa turan.

Kana dura Embasiin Yukireen Senegaal argamu loltoota isaaf lolan galmeessuuf beeksisa baaseera erga jedhamee booda mootummaan Senegaal dheekkamee ture.

Biyyoota Afrikaa biroottimmoo kanneen Yukireeniif lolu fedhan yaada ibsataa turan. Ta'ullee, mootummoonni Afrikaa akka biyyaa bahan akka hin eeyyamneefi ibsaniiru.