Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hariiroon Raashiyaafi Itoophiyaa duudhaa hiriyyummaa fi wal-kabajuu irratti hundaa'a'- Putiin
''Hariiroon Raashiyaafi Itoophiyaa duudhaa hiriyyummaa fi walkkabajuu irratti hundaa'aa,'' jedhan Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin.
Puutiin kana kan jedhan erga baga gammaddee Ministira Muummee Abiyyiif mudama dhiheenyaa ilaalchisuun ergan keessatti ta'uu maxxansi eembasiin Raashiyaa Finfinneetti argamu fuula miidiyaa hawaasaarratti baase ni agarsiisa.
''Irra deebiin Ministira Muummee taatee filatamuu keef hawwii baga gammaddee onneekoorraa madde adaraa simadhu,'' jedha xalayaan Puutiin MM Abiyyiif ergan.
Dhaabni MM Badhaadhinni filannoo Waxabajjii darbee injifachuu isaa hordofee Wiixata darbe MM Abiy paarlaamaa Itoophiyaan kan filataman yoo ta'u, filatamuu isaanii hordofee sirna qophaa'ee ture irratti hooggantootni biyyoota ollaafi lixa Afrikaa argamanii turan.
MM Abiy US fi biyyoota Gamtaa Awurooppaa hedduu waliin hariiroon isaanii rakkoo keessa wayita gale kanatti, keessumaa Raashiyaafi Chaayinaan Mana Maree Nageenyaa UN keessatti Itoophiyaa irratti dhiibbaan hin malle akka hin godhamne mormuutti jiru.
Manni Maree nageenyaa UN erga waraanni Tigraay ji'oota 10 dura eegalee si'a 10 dhimma Itoophiyaarratti walgahuun yaada murtee (resolution) dabarsuuf walgahuus Raashiyaafi Chaayinaarraa deeggarsa dhabuu isaatiin osoo hin milkaahiin hafeera.
Itoophiyaan hoogganoota deeggarsa namoomaa UN torba Itoophiyaa keessaa hojjetan dhimma keessoo biyyaatti bu'an jechuun biyyaa ari'achuun ammoo biyyoota Lixaa dheekkamsiiseera.
Haalli hariiroo alaa Itoophiyaa qormaata akkasi keessa wayita jirutti Putiin hariiroon Itoophiyaa waliin qaban bara bulchiinsaa MM Abiy akka jabaatu abdii qaban ibsaniiru.
''Hojiin akka hoogganaa mootummaatti dalagdu waldeeggarsa biyyoota lamaan keenyaa gama hundaan kan guddisu akka ta'u nan amana,'' jedhan Putiin.
Hariiroon isaanii fayidaa uummatoota lamaaniifi nageenyaafi tasgabbii aardii Afrikaa akka ta'us ibsan.