Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa gabaasa meeshaalee waraanaa geejiba jedhu kufaa godhe
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa gabaasaalee miidiyaaleen idila addunyaa dhaabbatichi meeshaa waraanaa geejiba jedhuun baasan kufaa godhe.
Miidiyaan Idila addunyaa kan US, CNN maddeen daandii xiyyaaraa Itoophiyaa keessa jiran waabeffadhe jedhee baase kana miidiyaaleen hedduun wal harkaa fuudhuun gabaasaa jiru.
CNN daandiin xiyyaaraa dhiyeenya, daandii Xiyyaaraa guddicha Afrikaa jedhamuun beekamtii argate kanaan erga waraanni Tigraay eegalee meeshaalee waraanaa biyya Eertiraatti geejibaa jiraachuuf ragaa sanadaa argachuu gabaase.
Daandiin xiyyaaraaa Itoophiyaa gama isaan meeshaa waraanaa hin geejibne jechuun gabaasa CNN gad jabeessee kan balaaleffate yeroo ta'u, gabaasa sirreefamaa akka hojjetus gaafate.
''Daandiin xiyyaaraa kun xiyyaarota isaa kamiiinuu biyya kamittuu meeshaa waraanaa kamuu hin geejibne'' jedheera daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa ibsa baaseen.
Tajaajila kennuun beekamtiiwwan idila addunyaa injfachaa akka jiru kan eeru ibsi dhaabbatichaa, seera waldaa tiraafika qilleensaa idila addunyaa dabalatee seerota biyyaalessaa, kan ardiifi idila addunyaa kabajuun hojjechaa akka jiru beeksiseera.
Itti dabaluunis himannaa amma dura hojjettoota sabaan qoodee ariyateera jedhuuf deebii kenneen eenyummaa isaaniirratti hundaa'uun hojiirraa kan ittifaman ykn ari'aman hin jiran jedheera.
Dhimma kana qamni kamuu waajira isaa humna namaa irraa qulqulleeffachuu akka danda'u beeksise.
Gabaasni CNN bahuu booda fuulli miidiyaa hawaasaa daandii qilleensaa kanaa to'annoo isaanii ala ta'ee akka tureefi maxxansi bahee turees beekamtii isaanii alaa akka ta'e ibseera.
Wayita miidiyaan hawaasaa isaa butamee ture maxxansa gadhiifameen ''odeeffannoo icitawaa akkasii hojjettoota baasan irratti qorannoo gaggeessuuf koreen hundaa'uu hoji gaggeessan dhaabbatichaa himaniiru'' kan jedhu keessatti argama.
Dhaabbatichi ibsa isaa keessatti odeeffannoon akka waan hoji gaggeessaan dhaabbatichaa dubbataniitti gadhiifame kijiba jedheera.
Fuulli feesbuukii dhaabbatichaa butamee ture amma to'annoo isaatti deebi'uus ibseera.
Ragaan CNN argate maali?
CNN gabaasa waayee daandiin qilleensaa Itoophiyaa Roobii darbe baase keessatti mootummaan Itoophiyaa daandii qilleensaa Itoophiyaatti fayyadamee magaalota Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti meeshaa waraanaa geejibuu isaa mirkaneeffadheera jedha.
Namootni meeshaa waraanaa yeroo xiyyaaratti fe'an suurri agarsiisu kan kaafame xiyyaara daandii qilleensaa Itoophiyaa irratti ta'uu mirkaneeffadheera jedhe.
Dabalataan daandiin qilleensaa kun meeshaa waraanaa geejibeef Ministeera Ittisaa Itoophiyaa xalayaan kanfaltii itti gaafate, haala fe'isaa fi bakka fe'isi itti buufame sanada agarsiisu dhiyeesseera CNN.
Ogeeyyiin Miidiyaa kanaaf yaada kennan daandiin qilleensaa kun meeshaa waraanaa geejibuun seera aaviyeeshinii kan sarbu akka ta'e dubbatan.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa waraana Tigraayiin walqabatee maqaan isaa yeroo dhahamu kun isa jalqabaa miti.
Amma dura meeshaalee waraanaafi loltoota gara Tigraayitti fe'aa jira jedhamuun miidiyaa hawaasaa gubbaatti maqaan isaa ka'aa ture. Ta'us himannaa kanaaniis bu'uura kan hin qabnbe jechuun kufaa godhe.
Ibsa tibba san baasee tureen zooniin balalii qilleensaa naannoo Tigraay dhorkamee yeroo turetti garasitti balali'ee hin beekus jedheera.
''Maqaa keenya balleessuuf suuraalee adda addaa qindeessuun , suurota duriifi kan waliin hin deemnu walitti makuuniirus'' jedhee ture. Dhugaan lafarra jiru akka beekamtii daandii xiyyaarichaa balleessuuf akka namootni tokko tokko jedhan mitis jedheera.