Kooriyaa Kibbaa hirriba dhabuun hirriba dhowwaa jiru

Dachee kanarratti namoota hirriba dhabuun rakkachaa jiran keessaa lammilee Kooriyaa Kibbaatiin kan qixxaatu hin jiru. Kooriyaan Kibbaa biyya hirriba hin qabnedha jedhamti.

Namoonni hirriba rafuun abjuu itti ta'e hirriba argachuuf kan isaan hin goone hin jiru. Kaan kininii hirribaa fayyadamuun yaalu, kaan ammoo dhugaatii alkooliin of badadu. Kun martinuu garuu furmaata caalaa dhibee dabalataa qabatee dhufa.

Kun lammilee isheerratti miidhaa guddaa qaqqabsiiseera.

Jii-Iyyuun rakkoon hirriba rafuu dhabuu kan ishee jalqabe sa'aatiin hojiishee baayyee dhiphisaa erga ta'een booda ture.

Boodarra hanga bashannanuu dadhabuurra ishee geessise. Yeroo baayyee ganama sa'aatii 1:00 irraa kaastee hanga halkan keessaa sa'aatii 4:00tti hojiirratti dabarsiti. Sa'aatiin hojii dubartii kanaa kun giddu-galeessa kan jedhamudha.

Yeroo hojiin baay'atu ammoo...?

Dubartiin umuriin ishee waggaa 29 ta'e kun ogummaan ishee sabaa-himtuu yoo taatu, hojiin yeroo baay'atutti hanga halkan keessaa sa'aatii 9:00tti biiroo keessa oliifi gadi osoo fiigduu of barti.

Yeroo hedduus itti-gaafatamaan ishee halkan walakkaallee itti bilbilee hojiin atattamaan dhumuu qabu jira jedhee ajaja.

"Akkamitti akka bashannanuun anarra jiru akkan dagadhettillee anatti dhaga'amaa jira," jetti dubartiin kun.

Mandarri Gaanginaam jedhamu magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa, Se'ul keessatti argamtu baayyee ho'ituudha.

Ganda kana keessatti ammoo kilinika Diriim Siliip jedhamu tokko jira. Dr. Jii-Iyyoon ammoo kilinika kana keessatti hakiima sirna-sammuu hirribaati.

Maamiltoonni guyyaa tokkotti kininii hirribaa hanga 20 fudhatan hedduudha jedhu.

"Yeroo hedduu rafuudhaaf yeroo barbaachisa. Lammileen Kooriyaa Kibbaa ammoo akkuma cinaachi isaanii sireerra gaheen akka hirribni isaan fudhatu barbaadu. Kanaafidhas kan isaan kininii fudhatanis," jedhu.

Qorichi hirribaas araada namootatti ta'uun weerara biyyaalessaa ta'uu danda'eera. Lammileen Kooriyaa Kibbaa 100,000 ta'an araada kininii hiribbaan akka rakkachaa jiran ni tilmaamama. Lakkoofsi kun garuu odeeffannoo seera-qabeessa miti.

Lakkoofsi namoota kininii fudhataniillee hirriba hin qabne guddaadha. Kanaaf ammoo furmaata kan jedhan kininii hirribaa sana irratti alkoolii dabaluudha. Kun ammoo cittoo irraatti fanxoo isa jedhan ta'a.

Tokko tokko ammoo osoodhuma rafaa jiranii bakkaa bakkatti sosocho'u. Gara firiijii deemaniis waan hedduu nyaatu. Yeroo tokko tokko ammoo nyaata hin bilchaatiinillee ni nyaatu.

Kun hunduu yeroo ta'u mara of hin beekan. Namoonni osoo hirriba keessa jiranii ykn of hin bariin konkolaataa oofanis hedduudha. Sii'ul keessatti namoota osoo hirriba keessa jiranii konkolaachisaniin balaan konkolaataa hedduun qaqqabeera," jedhu doktor Liin.

Dr. Liin namoota dhibee Hypoarousal jedhamuun beekamuun rakkatan wallaanaa jiru.

Hypoarousal- rakkoo fayyaa humnaa ol dammaquudha.

Kanarraa kan ka'een namoonni rakkoon hirriba dhabuu itti cime heddumaataa jiru. Wallaanamtoonni isaa tokko tokko halkan sa'aatii muraasa kan rafan waggoota kudhanii ol akka darbellee irra deebiin doktora kanatti himaniiru. Dhibee kana yeroo yaadatanii dubbatan ni boo'u jedhu.

"Yeroo as dhufan abdii godhaniitidha. Haalli isaa nama gaddisiisa," jedhu. Kooriyaa Kibbaa keessatti namoonni dadhabbiirraa kan ka'e mudhukan/adoodan, dhiphinni itti baayyateefi hirriba dhabuun dadhaban arguun baramaadha.

Biyyoota guddatan keessaa of ajjeesuun lakkoofsa baayyee galmeessite.

Akkasumas, dhugaatii alkoolii cimaa dhuguunis ni beekamu. Namoonni baayyee ammoo qoricha farra- dhiphinaa fudhachuun jireenyasaanii itti fufu.

Kanaafis ragaalee seena qabeessatu jira.

Biyyattiin biyyoota baayyee iyyeettii jedhamurraa ka'uun sadarkaa biyyoota teeknolojiin beekaman irra geesse. Kun ammoo kan ta'ee waggoota kurnan muraasa keessatti.

Biyyoonni akka Sawudii Arabiyaafi Yunaayitid Arab Emrieetis qabeenya umamaasaanitti fayyadamuu ni danda'u. Kooriyaan garuu qabeenyaa akkasii hin qabdu.

Kanaaf, guddachuuf daandii tokkichi hojii qofaadha. Ummannis ciminaan dafqasaa dhangalaasuun kutatee hojjachuun ofiisaa jijjireera. Kun ammoo wantoota hedduu hordofsiise.

Tokkooffaa, ummanni garmalee hojiirratti akka dabarsu, akka dhiphatuufi hirriiba akka dhabu taasiseera. Sababii kanaatiin hanga industiriin namoota hirriiba dhabaniif furmaata barbaadu uumamuu qaqqabeera.

Inustirichis bara 2019tti qofaa doolaara biiliyoona 2.5 irra gahuutu tilmaamama. Sababii Indusitirii hirriibaa Sii'ul kanaan walqabatees, wantoota addaa addaa baayyee qabdi.

Suuqiin meeshaalee mana cisiichaa guutuu ni argama. Ansoolaa kaasee hanga boraatii filatamaatti jira.

Faarmaasiiwwan hedduuttis qorichooni hirribaa ni gurguramu. Teeknoloojiin Insomniyaa (rakkina hirriiba dhabuu) gumaata mataasaa gochaa jira.

Waa'ee taatee waggoota lamaan dura mudatee tokko isinitti haa himnu.

Daani'eel Tudor dargaggoota Kooriyaa dhiphinaan rakkatan gargaaruuf appii tokko beeksiisa. Appichis Mookiir kan jedhamu yoo ta'u, qalbii sassaabbachuu ykn callisa keessa ta'anii qalbiin kadhachuuf (meditation) gargaara.

Kooriyaan seenaadhaan biyya amantaa Budihisiti hordoftudha. Dargaggoonni ammoo kadhannaan kan jaarroleeti jedhu. Ittaansee waajjiraalee Sii'ul keessatti waanti akkasii kan hin yaadamne jedhanii yaadu.

Daan'eel qalbii dargaggootaa hawwachuuf jecha kadhannaan kan warra lixaa fakkeessuun dhiyeessuu ibsa. Dhaabbileen amantaa hedduunis kana keessatti hirmaataniiru. Heeyiraang Suuniim monoksee Budihaati.

Karaa bahiinsa Sii'ul irratti bataskaana namoota hirriiba dhabaniif barnoota Budihaa keennu hogganu. Kanaan dura barnotiifi kadhannaan akkasii jaarroolii qofaaf kannama ture.

Amma garuu dargaggoota Kooriyaa hojiirratti argaman ta'eera. Heeyiraang Suuniim, ''dhugaatti namoota hojiirra jiraniif yaaddoowwan jiru. Garuu yaaddoowwan caalaa bu'aansaa kan caalu natti fakkaata,'' jedhan.

Karaa aadaatiin yoo ilaalame dargaggoon barnoota Budihaa barbaadanii dhaqan arguun baayyee xiqqaadha jedhu. Kanaaf, gara bakka kadhannaa dhaqusaaniitti waan hedduu argataa jirus jedhan.

Barbaachisummaa jijjirama bu'uuraa kan taatee, Lii Haay-rii dhiibbaa baayyina hojiitiin irra gahuun gara bakka kadhannaan Budihaa kun itti gaggeeffamu dhaquu yaadachuun, booda dhiphina isheetiif itti-gaafatamummaa fudhachuu akka barte dubbatti.

''Wanti hunduu anumarraa eegala. Rakkooleen hundis anumarraa eegalu. Kanan baradhees kanuma.

Namoonni tokko tokkoos kadhannaa (meditation) ykn bashanannaa akka qorannoo yerootti kan ilaalan jiru. Furmaanni dhugaa dhufuu kan danda'u yoo jijjiramni bu'uuraa hawaasa irratti taasifame qofaadha jedhu.

Jii-Iyuun hirriiba dhabuufi dhiphataa waan turteef booda keessa hojiishee ofumaan dhaabde. Ammaan tanas yeroodhaaf sa'aatiiwwan muraasaaf qofa hojjatti.

Sababii weerara Covid-19n manasheetii hojjataa turte. Rakkoo hirriba dhabuu ishees hakiima irraa deeggarsa ogeessaa argataa jirti.

''Cimanii hojjachuun akka biyyaatti raawwataa jirru amma gatii maal baasa? Ofis eeguu danda'u qabna,'' jetti.