Daa’ima hammatanii of cinaa raffisuumoo kophaa raffisuutu gorfama?

Maatiin dhimma ijoolleesaanii ilaalchisee waanti isaan yaaddeessu hedduudha. Kunis biyyaa biyyatti, aadaa, sadarkaa jiruufi sababoota birootiin gargar ta’uu mala.

‘’Daa’imnikoo kutaasaa keessa jiraa?’’ gaaffiin jedhu yaada lammiilee biyyoota lixaa keessa deddebi’udha. Dhiyeenyatti dhimmi kun geeddaramaa dhufeera. Haalli daa’imman ittiin guddisanis jijjiramaa dhufeera.

Kunis biyyoota lixaa qofaa keessatti otoo hin taane, kutaalee addunyaa biroo keessattis jijjiramaa jira.

Aadaa biyyoota tokko tokkoo keessatti daa’imman wajjin kutaa tokko keessa rafuun baratamaa ta’ullee, biyyoonni lixaa garuu akkaata daa’imman isaanii itti guddisan kan ofiisaanii qabu.

Biyyonni lixaa sagantaa hirribaa karooraan deeggaramu amma leenjisuutti qaqqabaniiru.

Tarii kunneen akka daa’imman karaa jabanaafi haaraa ta’een ittiin guddisan fakkaatee mul’achuu mala.

Ameerikaafi UKtti warri ijoolleesaanii dhalatanii amma umriin isaanii ji’oota muraasa gahutti kutaa ciisichasaanii keessa akka raffisan gorfamu.

Hawaasa kutaalee addunyaa biroo keessa jiraatan birattimmoo ijoolleen yeroo dheeraaf warrasaanii wajjiin bulu.

Qo’annoon bara 2016 hojjatame tokko akka agarsiisutti, biyyoota Eeshiyaa hedduu keessatti maatiin yeroo dheeraaf ijoolleesaanii wajjin siree tokkorra bulu.

Indiyaafi Indoonezhiyaa keessatti warri %70 ta’an, akkasuma Veetinaam keessatti warri %80 ijoolleesaanii wajjin yeroo dheeraaf siree tokkorra rafu.

Afrikaatti warri daa’imman isaanii wajjiin yeroo dheeraaf siree tokkicharra rafuun hedduu baratamaa mitii jedha qorannoon kun.

Kanarraa waanti hubatamu, daa’imman wayita dhalatan warri ijoolleesaanii wajjin yoo xiqqaate siree tokkorra rafuun baratamaadha.

Deebimiitaa Dutaa Inidyaa Baangilooritti hakiimaafi gorsaa dhimma guddina daa'immanii wayita ta’u, dhiibbaan aadaa biyyoota Lixaa cimaa ta’ullee, Inidiyaa keessatti warri siree tokkorra daa’imman isaanii wajjin rafuun baratamaadha jedhu.

Mana ijoolleen itti heddumatan keessattillee otoo hin hafiin amma ji’a 12ffaasaaniitti daa’immaan warrasaanii wajjin akka rafan taasifamu.

‘’Siree tokkorra warri ijoolleesaanii wajjin rafuun fayidaan isaa halkan hirribaa akka hin kaaneefi warrasaanii akka hin jeeqnefi,'' jedhu Dr Deebimiitaa.

Itti dabaluun akka jedhanitti, ’’mucaa durbaa amma umriin ishee ganna torba guututti siree tokkorra rafna ture, harma hodhuu erga dhiifteellee nu bira rafuu jaalatti,’’ jedhan.

Ijoolleen dhalootasaaniirraa jalqabee bilisummaasaanii gonfatanii akka guddatan gochuun akka falasamaa biyyoota Lixaatti ilaalama.

Sababa kanaaf warra wajjin siree tokkicharra rafuun, ijoolleen waan fedhan akka hin raawwanne taasisa jedhamee amanama.

Dabalataan warri ijoolleesaanii wajjin rafu yoo ta’e, waan fedhasaanii otoo hin daangeffamiin guutamaaf jedhamee amanama.

Kana jechuun guddina ijoolleerratti dhiibbaa uuma jedhu warreen biyyoota Lixaa.

Dr Deebimiitaan akka jedhanittimmoo maatiin yaada kanatti hin amanan.

‘’Ofitti amanamummaa xiqqaa akka qabaataniifi bilisummaa daangaa hin qabne yoo kenniteef, yeroo fedhan maatiirraa adda bahaa adeemu, umrii guutuu warra wajjin turuus hin barbaadan,'' jedhan.

Maatiin warra biyyoota Lixaa hedduun isaanii ijoolleesaanii hirriiba akka rafuu qaban barsiisurratti xiyyeeffataniiru.

Ijoolleen yoo boo’anillee daa’imman boo’ichasaanii amma goolabaniitti eeguurra qaqqabaniiru.

Adeemsa kana keessatti ijoolleen sa’aatii dheeraa akka baranitu yaadama- warri ijoollees boqonnaa gahaa argatu jechuudha.

Mootummaan Awustiraaliyaa giddugaleessa hirriba itti barsiisaniif deeggarsa kennullee ni jira.

Warri ijoolleesaanii giddugaleessa kana qabatanii dhaqanii yeroo dheeraaf akka rafuu baran shaakalchisu.

Kanaafuu, garaa garummaan aadaa biyyoota gidduu jiru ijoolleen eessaafi yoomiif akkamitti rafuu akka qaban murteessa jechuudha.

Giddu-galeessa fayyaa Tookiyoo Beey Uraayasuu Hichikawaa jedhamu keessatti qo’annoon gaggeeffame akka agarsiisutti, daa’imman Jaappaan dhalatanii baatii sadii wayita guutan biyyoota Eeshiyaa biroo gadi hirriba argatu.

Sababni isaammoo Jaappaan keessatti hirribni akka mallattoo hojii jibbuutti waan lakkaa’amuuf ta’uutu himama.

Daa’iimman biyyoota Eeshiyaa daa’imman biyyoota Lixaa wajjin wayita madaalaman otoo hin rafiin sa’aatii dheeraa turuu danda’u.

Kunimmoo warri ijoollee iddoo hojiitii wayita deebi’an yeroo kamiyyuu ijoolleesaanii wajjin akka fedhanitti waliin dabarsuu waan barbaadanifi jedhan qorannichi.

UK keessatti warri ijoolleesaanii wajjin ciisicha tokko keessa akka rafanitu gorfama.

Sababni isaammoo, ijoolleen kophaatti rakkoo yoo isaan mudate balaan du’a daa’imman mudachuu malu xiqqeessuuf oola.

Taatullee ogeeyyiin warri ijoolleesaanii wajjiin rafuu cimsanii balaaleeffatu.

Kanaaf akka sababa ijootti kan eerame immoo ijoolleen ukkaamamanii du’uu danda’u kan jedhu.

Haata’u malee, dhimmicharratti qo’annoon bal’aan warri ijoolleesaanii wajjin siree tokkorra rafuun sirriidhamoo miti? kan jedhu ejjannoo tokkicha qabachuun rakkisadha jedhan ogeessi wal’aansa daa’immanii Dr Rashimii Diyaaz.

Dhimma kanarratti qo’annoon gaggeeffaman harki caalan isaanii biyyoota Lixaa keessaa ragaa sassaabaman bu’uureffatu. Biyyoota kana keeessatti aadaan ijoolleen warrasaanii wajjin siree tokkorra rafuu xiqqaadha.

Ijoollee hammachuun boo’uu dhorkaa?

Gama biraatiin biyyoota galii gadaanaa qaban keessatti ijoolleen warrasaanii wajjin rafuun baratamaa ta’ullee, ijoolleen hirribarratti du’an lakkoofsi isaanii xiqqaadha.

Ijoollee wajjin halkan rafuun guyyaa ijoolleen akka hin rafne gochuun warri hojiisaanii hojjataa, ijoolleesaanii wajjin yeroo gaarii akka dabarsan gargaaruu mala.

Dhimmi guddisa ijoolleen walqabate ka’u kan biraan immoo ijoollee hammachuun daai’mni boo’uu dhorkaa? dhimma jedhuudha.

Dhimma kanarratti qorannoo kan hojjatte Kiruudaa namni jedhamtu akka jettutti, warri ijoolleesaanii hammatanii baachuun ykn baachuu dhiisaniis boo’u hin hambisu.

‘’Daa’imman hammachufi boo’uu dhoowwuun hariiroo hin qabu. Dhimma kanatti hin amanu,'' jette.

Qorannoon Kuroodaa akka agarsiisutti, ijoollee hammachuun dhahannaan onneesaanii xiqqaatu kan taasisu ta’ullee boo’uusaanii wajjin hariiroo hin qabu.

Haata’u malee ijoollee hammaachuun iddoo tokkorra kan biraatti wayita dabarfaman xiyyeeffannoon isaanii waan biraarra akka ta’u wayita taasifaman boo’uu xiiqqeessuu ykn dhaabuuf carraan jira.

Ijoollee wajjiin ijaan fuulaaf fuulatti wal arguun ijoolleen waanta fedhaniidha.

Kana malees baatiiwwan jalqaba dhalataniitti ijoolleen soorata otoo waliirra hin cinne argachuutu gorfama.

Ijoolleen halkan hirribaa dammaquun kan barame, ta’ullee aadaa biyyoota Lixaatti ijoolleen halkan dammaquun akka rakkootti ilaalama.

Ijoolleen guyyaa otoo hin rafiin sa’aatii dheeraaf yoo turan, tarii halkan dammaquu dhiisuu malu jedhan.

Ijoolleen halkan rafuu akka qaban kan akeeku qo’annoo bara 1950 keessaa Awurooppaatti qo’atame bu’uura godhachuuni.

Qo’annoon sun akka jedhutti, magaalaa Landanitti daa’imman 160 keessaa %70’n dhalatanii baatii sadittii halkan guutuu rafu turan.

Haata’u malee, qo’attoonni halkan guutuu rafu kan jedhame, ijoolleen halkan warrasaanii jeequu dhabuufi sagaleen iyyasaanii dhaga’amuu dhabuu qofaadha.

Ijoolleen sun warra isaanii yoo jeequ dhabanillee yoo xiqqaate yeroo tokkoof hirriibaa dammaquun isaaanii hin hafu.

Ammattis qo’annoowwaan guddisaafi haala hirriba daa’immaniirratti gaggeeffaman hawaasa addunyaa keenya muraasa qofa giddugaleessa kan godhateedha.

Qo’annowwan hedduun kan hojjataman biyyoota Lixaa irratti qofaadha. Guddinni daa’immanii aadaa biyyoota garaa garaa bu’uura kan godhate ta’ullee, ijoolleen maatiisaaniirraa kunuunsaafi yeroo argachuu qabaatu.