Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaan lolaa Afrikaa Kibbaatti namoota 250 ol galaafate jedhan aanga'oonni
Afrikaa Kibbaa bulchiinsa KwaaZuuluu-Nataal keessatti balaa lolaa seenaa biyyattii keessatti isa hammaataadha jedhameen namootni 250 ol du'uu isaanii aanga'oonni dubbatan.
Kutaalee bulchiinsichaa gariin keessatti roobni ji'atti eegamu takkaatti bu'uun lolaa hamaa dhalatee miidhaa guddoo sababa geessiseef labsiin yeroo balaa akka labsamu aanga'oonni kutaalee bulchiinsaa gaaffii dhiyeessaniiru.
''Seenaa biyya keenyaa keessatti balaa qilleensaa isa hammaataadha'' jedhan aanga'oonni.
Sababa lolaan sigigni mudates gamoowwan keessatti namoota hedduu danqeera. Lolaan kun itti fufa tilmaamni jedhus jira.
Helikooptaroonni namota bakka nagaa qabu qubsiisuuf yeroo duulaa jiranitti haalli qilleensaa ammallee rakkisaa jira jedhameera.
BBC Kibxata darbe duula lubbuu daa'ima ganna 10 maatii isaa afur waliin lolaan fudhatame baraaruuf godhame taajjabaa ture.
Hawaasni naannoo wanta lolaan haree dabarsu keessaa lubbuu namaa baraaruuf waan qabaniin tattaafachaa turan.
Daandiin saffisaa Darbaaniifi bulchiinsa Ga'uteeng walqunnamsiisuus cufameera.
Pireezidantiin biyyattii Ramafoosaan naannicha daawwatanii gargaarsi akka godhamu dubbatanii turan.
''Onneen keessan dhukkubsatus, nuti isiniif jirra'' jechuun dubbachuu isaanii Rooyitarsi gabaaseera.
Balaa kanaan humna uumamaati jedhanii ibsaniis gariin yaada isaanii kanatti walii hin galle. Sirna balfiifi bishaan keessa yaa'u akka ta'utti kan hin tolfamne ta'uun duuti akka dabalu sababa jedhu.
Kantiibaan Darbaan Mxolisi Kaunda sirni dhabamsiisa balfaafi bishaanii sababa balaa kanaa miti jechuun hangi lolaa mudatee kan eegamuun ol ta'uu dubbatan.
Konkolaattotni lolaan fudhatamuu, muktiifi wanti kaan irra kufee manca'uun mudateera.
Paastarii naannoo Tongaat kan ta'an Ron Naidoo halkan guutuu wayita hangi lolaa ol adeemaa deemuuf poolisiin konkolaataa lolaan fudhate keessaa reeffa yeroo baasu arguu BBC'tti himan.
''Yeroo jalqabaaf lagni hanga kana guutee arguu keenyaa bir'annaan jiru guddaadha'' jedhan.
Balaa kanaan qabeenyi raandii biyyattii biiliyoonaan lakkaawamu manca'uu bulchaan KwaaZuluu-Nataal ibsaniiru.
Sirni ibsaa, bishaaniifi kominikeeshiniis miidhameera. Kana keessa hanniifi saamichis hammaateera. Aanga'oonni kun carraa gaarii ta'eefi saamichi akka babal'atu akka hin hayyamne himaa jiru.