Konkolaachisaa taaksii doolaara 50,000 lafaa argate deebisuun jireenyisaa geeddarame

Emaanu'el daree barnootaa keessa ta'e

Dargaggoo waggaa 19 kan ta'ee Emaanu'el Tolp'ii doolaara Ameerikaa kuma shantama lafatti kufee argate, erga abbaa maallaqichaaf deebiiseen booda kallattiin jireenyaa isaa geeddarameera.

Seenaan isaas akkana.

Emaanu'eel haala jireenya ulfaataa jiraatu irra kan ka'ee barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa osoo hin xumuriin addaan kute ture.

Har'a garuu barnoota isaatti deebii'uun ijoollee yoo xinnaate waggaa jahaan isaa gadi ta'an waliin barataa jira.

Dargaggoonni kunis guyyaa tokko osoo motara konkolaachisaa tajaajila geejiba taaksii kennaa jiru, taateen jireenya isaa gaariitti geeddare kan isa mudate.

Emaanu'eel osoo motoraan deemaa jiru doolaara 50,000 feesitaalaan maramee lafatti kufee argate.

Maallaqni kunis dargaggoo iyyummaan jiraatu kanaaf waan gudda ture. Osoo itti fayyadamees kan jireenya isaa geedaru danda'udha. Haata'u malee Emaanu'eel maallaqicha abbaa qabeenyaaf deebiisu murteesse.

Hanga abbaan isaa baruuttis adaadaan isaa akka olkeessuuf adaraa jedhe bira olkaaye.

Namni maallaqicha gatees karaa raadiyootiin beeksiise wayita himsiisetti Emaanu'eel dolaaricha qabate asi bahe.

Emaanu'eel amanamummaan maallaqicha abbaatti deebiisu isaatiif namoonni baayyeen itti qoosaa turan. Kaanis ''iyyummaan jiraattee iyyummaan duuta'' jedhaniin.

Ta'us kanneen amanamummaa Emaanu'eeliin dinqisiifatanis hin dhabamne ture. Manni barnootaa beekamaan Riiksi jedhamus bilisaanan si barsiisa jedheen.

Akkasumas pirezidaantiin Laayibeeriyaa Joorji Wiihaa doolaara 10,000 badhaasan. Abbaan qabeenyaa midiyaa tokkoos dhaggeeffattoota irraa maallaqa walitti qabuun Emaanu'eeliif galateefannaaf maallaqa kenneef.

Namtichi maallaqni deebiifameefis wantoota doolaara 1,500 baasan bituun Emaanu'eeliif haala kennaatiin arjomeef.

Kana malees, koolleejjiin biyya Ameerikaatti argamu tokkoos Emaanu'eel akkuma barnoota sadarkaa lammaaffaa isaa xumureen carra barnootaa (scholarship) akka kennuuf ifa taasise.

barataa dareen ala ta'ee waa barreessaa jiruu

Gammachu barnootaatti deebii'uu

"Gara barnootaatti deebii'u kiyyatti baayyeen gammade. Manni Barnootichaa Riiski waan ta'ee osoo hin taane, sirnisaafi barnoonni baayyee gammachiisaadha,'' jedha Emaanu'eel.

Emaanu'eel erga maatiin isaa irra du'anii booda, reefu osoo mucaa waggaa 9 jiruu ture kan ofiisaafi maatii saa gargaaruuf jecha barnoota isaa dhaabe.

Galii argachuuf jecha daa'ima ta'e motara oofuu eegale.

Emaanu'eel yeroo dheeraaf barnoota irraa waan fagaateef deeggarsa cimaa barbaachisa ture.

Daree keessatti sagaleensaa hin dhagahamu. xiyyeeffannaa kennee waan hordofuuf yeroodhaa gara yerootti fooyya'insaa olaanaa argamsiiseera jechuun ture barsiisaan isaa BBCtti kan himan.

'Amanamaa ta'un gaariidha'

Emaanu'eel wayita inni maallaqicha sana abbaaf deebisetti itti qoosuu yaadachuun, ''tarii osoon itti fayyadamee yeroodhaaf jijjirama jireenya kiyyarratti fiduu ni danda'a ta'a. Garuu ammoo waanan amma argadhe argachu hin danda'u ture,'' jedha.

Emaanu'een waan raawwateef oolmaa gaarii kan kenneef Waaqaa galateeffachuun, ''Maatiin kiyyas amanamaa akkan ta'uuf waan na barsiisaniif isaanan galateefadha,'' jedhe.

"Akkasumas dargaggootaan waana jedhuun qaba, amanamaa ta'un baayyee gaariidha. Waan keessan hin taane hin fudhatiinaa,'' jechuun ergaa dabarse.

Barsiiftonni mana barnootaa isaas Emaanu'eel waan isaan biratti barateef gammadoo ta'uu himan.