Darsoo Mucee: 'Ijoolleen koos faana koo hordofuun otoo boochistuu tahanii natti tola'

- Barreessaa, Mohaammad Salmaan
- Gahee, BBC News Amharic irraa
Gadda Ministira Muummee duraanii Itoophiyaa Mallas Zeenaawii dabalatee taaziyaa qondaalota mootummaa beekamoo Naannoo Amaaraa: Dr Amabaachaw, Abbara Addaamuu faa kan miidhaassan boochistuu Darsoo Mucee jedhamanidha.
Maddi galii keessani boochisuudhaa? gaafa jedhaman badaa itti hin tolu.
Jiruun isaanii guyyuu uffata hodhuu akka tahe, boochisuun garuu ogummaa uummata ittiin tajaajilan tahuu cimsanii dubbatu.
Isaan hojii boochisuu kanaaf iddoo addaa kennuufi.
Obbo Darsoon waggoota 19 darbaniif dunkaana boo’ichaa namoota kumaan lakkaa’aman bareechaniiru, reeffa nama kumaa geggeessaniiru. Du’a gootaaf fokkoraniiru, miskiinaaf walaloo garaa nama nyaatuufi marartee qabuun boo’anii boochisaniiru.
Isaan gaafa namoota boochisan ofii imimmaan isaan rakkisaa laata?
‘’Mikaa’eliin siin jedha mitii, anoo gaafan nama gadde argu garaan koo hin danda’u. Imimmaan koo ofumaa dob, dob jedha.’’
Kana otoo haasa’aniiyyuu imimmaan isaan hudha.
Obbo Darsoo Mucee waliin Baahir Daar, kattaa Bezaawwit irra teenyee du’a hammannee deebi’uuf jirra. Seenaan jireenya isaanii gabaabaa kunooti.

‘’Darsoo Muceen jedhama. Goojjam, iddoo Dagaadaamoo jedhamuttin dhaladhee guddadhe. Ammallee achuman jiraadha.
Akaakkayyuu koo birattin guddadhe. Yeroon of danda’u gara Baahirdaar dhufe. Umrii koo ganna 26ttan Baahirdaar kanin dhufe.
Boochisuu kanin jalqabe garuu yeroo nama ganna 31 turedha. Isa dura fokkoruu, jeekkaruu, shallaluu malee boo’uu hin beekun ture.
Gaashe Darsoon akaakkayyuu isaanii isaan guddisaniif jaalala addaa qabu ture. Duuti silaa hin hafu akaakkayyuu isaanii jalaa fudhate. Yeroosi laata kan isaan gadda jabaarra bu’an?
Nama waggaa 19f awwaalcha namoota kumaan lakkaa’amani irratti argameef gaddisaa inni guddaan kamii jechuu dandeeessu.
‘’Akaakkayyuu koorraan dhaale. Akkamitti nama boochisa seete. Inni gaafa dulloomaa deemu, animmoo achi asan bahe. Inni duunaan ani bakkan bu’e. Waggaa torba yeroon ture na fudhatee, waggoota 13f na guddise. Haadhaafi abbaa koo caalaa isan jaaladha.
Yeroo inni du’e baayyeen gadde.’’
‘’Maaloo yaa abbaa, maali…
‘’Nyaadhee, dhuguuf malee boo’ichaaf hin dhufne
Du’eera jedhanii gudiitti akka hin baane,’’ jedheen boo’e.
Dabaleen immoo akkasin jedhe,
‘’Abbaabbaa koo, isa jabaa, yaa isa lafa qotee galfatuu,
Firii godoo keetii daanoon itti haa yaatuu?
jechaa hadheeffadheen bo’e. Akkuman siin jedhe akaakkayyuu koo baayyeen jaaladha. Yeroos baayyiseen gadde. Maaramii…’’
Gaashe Darsoon dubbiin akka malee isaan yaaddessu tokko jira. Innis ogummaan boochisuu dagatamuu isaati.
Akkasumaan badee akka hin hafne yaadda’u. Ogummaa boochisuu kanaaf mataasaa bo’i bo’i isaan godha.
Akkaan isaan yaaddessuurraan kan ka’e ijoolleen isaanii boochistuu akka tahan barbaadu.
‘’Ahaa sirriidha kaa! Waan abbootii keenyarraa dhaalle baduu hin qabu. Fokkoruunis, shallaluunis, boochisuunis baduu hin qaban. Danbii abbaa gatuu hin qabnu. Waa fedheyyuu yoo tahe. Dhaloonni bakka bu’uu qaba. Mucaan koo maal taha otoo boochistuu tahee jedhee hawwuun koo waan hin hafne dha,’’ jedhu.
‘’Ijoollee sadii qaba, isheen tokko barsiistuudha. Lamaan isaan immoo xixiqqoo dha. Dirqama waan koo haa hordofan hin jedhu garuu ogummaan kun achumaan baduu hin qabun jedha. Waan beekuu qabdu immoo anis abbaakoorraan fudhadhe..’’
Garuu mee, maaliif boonya? Boo’ichi maali? Boo’anii boochisuun hoo waan hiika namaa kennu dha? Boochistuun hoo barbaachisaadhaa?
‘’Akkam? Kana ni gaafattaaree? Boochistuun nama miidhame jajjabeessiti. Namni suni qofaa akka hin gubanneef jechuudha. Sadii, afur taanee kan boochisnu, warri gaddaa akka hin miidhamneefi. Waan kan biraaf miti. Kana dhagahi mee akkanni jajjabeessu. (Sagalee qaratanii weedisuutti ka’an)
Haatiifi gorro duubni tokko
Kennaa hin hanqatan qabaatanillee rakkoo
Haadha koo, alamii koo jedheen,
maqaashee xiqqeessee
Ji’a sagal garaatti na baattee,
Uffadheera foonshee
Haadha koo alamii, haadha koo alamii koo wayyoo!
Falaasamni isin jireenyaaf qabdan maali, Gaashe Darsoo? Du’a akkamiin ilaaluu qabna?
‘’Duuti yoo dhufe salphisuun bayeessa. Yoo kan hadheeffattu tahe gadda dabalta. Dhugaa natti himi yoo jette, namaa gadduun yeroo namni dhukkubsatuufi rakkatudha. Du’a silaa duubatti hin deebisan!''
Boo’uun maal fayyadaree?
‘’…jajjabaachuu dha maleessaa. Dunkaana teenyee maaliif kolfina seete? Maaliifi kan kaartaa taphannu? Irraanfachuufim. Yoo jabeessinee gaddine immoo isa jirus dabalanne mitiiree? Yoo du’e du’e dha. Hangam yoo gaddite ni deebi’aa? Gaddi akka malee ni deebisaawoon jedhe? Natti himikaa! Ni deebisaa?’’
Isoo hin deebisu.
‘’Maarree!’’
An kanin jedhu Gaashe Darsoo taaziyaan sooressaa fi hiyyeessaa maali garaagarummaan isaa?
‘’Boo’ichi sooressaa jala-deemtuunsaa baayyeedha. Kan hiyyeessaa garuu qeesiinillee sirnaan fitaatii hin godhuufi. Asii fi achi sardeeti, dhaqatee gata. Gaafa sooressa tahu garuu daandiirra dhaabachaa shubbisuufi. Sooressi reeffisaallee yeroo waaree oola.
Gaashe Darsoo gaaffii biraa isin gaafadhuu?
Gaafadhu, na dhibaaree?
Nama hin beekneef buddeena keessaniif jettanii bo’uun akkamiin hiika isinii kenna?
‘’Dhiisi kaa! Kuni buddeena miti. Callisnee hiyyeessa jajjabeessina jennee boochisna malee, buddeenaa miti kuni. Naannoo keessa akka tasaa namni gaafa du’u, awwaalleedhuma dhufna.
Dhugaa jettuu?
‘’Waaqayyoofuu! Ani kana buddeena koo jedhee hin qabadhu. Maaliif jedhee? Aniyyuu bor nan kufa mitii? Bessee cabduu tokko otoo hin fudhatiin guyyaa guyyaan hiyyeessa meeqadha kan awwaallee gallu. Bor anis nan deema. Dubbii kana dhiisi..!’’
Kanaaf qarshii hin fudhattanii ree?
‘’Ani qarshii naa kennaa hin jedhu. Yoo naa kennan malee!’’
Tajaajila bilisaa kennitanii beektuu?
‘’Maal jedha kuni! Gandan jiraadhu kana keessaa farankaa tokko fudhee hin beekun siin jedha mitii. Isa Waaqni beeku. Hiyyeessa taanaan eessattiyyuu qarshii hin fudhu. Boo’eema boochiseen gala malee.
‘’Jennaan immoo sittan hima! As naannoo Ayyar Haayilii irraa naa bilbilame. Nama fokkoru tokko dabalannee deemne. Haati warraa deessee guyyaa 15ffaa irratti abbaan warraashee kan du’e. Ani garuu qarshii achii fuudhe hunda isheef kenneen bahe.’’
Dhugaa keessanii?
‘’Mikaa’elii siin jedha! Anis nama bor jigu dha. Anis dachee kanaa gaditti nama ooluuf deemudha. Qarshiin maal naa godha? Ilmaan namaaf jaalalatu tahaaf. Qarshiin hiyyeessaa maal naa godha!?
Gaashe Darsoo ammas gaaffii biraa isin gaafachuuf jira, nan komattan mitii?
‘’Lakki, tasumaa hin komadhu…’’
Kan saanduuqa reeffaa gurguru hojiin qabbanaa’e jedha. Isinis tibbana ni qabbanaa’e jettu? Haqqii natti himaa?
‘’Maali obboleessa koo dhiisi. Maal naaf godha? Qarshii maal godhachuuf? Dhalli namaa haa du’u jedhee kan kadhatu jira taanaan haraama dha. Homaa isa hin fayyadu. Guyyaa Waaqni kaa’efitti du’a malee. Namni du’e nu mararee boonya malee! Akkamiin gabaan qabbanaa’e jenna?
Kanaaf akka warra saanduuqa reeffaa gurguran mitii naan jechaa jirtuu?
‘’Obboleessa koo dubbii kana dhiisi! Namni saanduqa reeffaa gurgurus, akkas jennaan saanduqicha otoo hin gurguriin ofii ittiin deemuu danda’a. Ani kanin hawwu silaa, otoo ilmoon namaa akkuma asfaaltii dheerateeti.’’

Namoonni ala tokkotti baay’inaan gaafa du’an akkamiin dursa kennitu? Yoo madaala qabaattan jedheeni.
‘’Baahirdaar keessa ana dabalatee nuti jaha. Sadeen isaanii iddoo biraatti ergina. Addaan hirannee hojjenna.’’
Taaziyaa qondaalotaa irratti argamtanii boochistaniittuu?
‘’Eeeyyee yeroo Dr Ambaachaw fa’i achin ture. Kan Tasfaayee fa’i irratti argameera. Ganama boo’aa turan. Animmoo fokkoraa fi weeddisaan ture. Isayyuu moontaarboodhaani kanan hojjedheefi.’’
Koomishinar Abbara fa’iif boochisuu qofa malee fokkoraa fi weeddisuu hin hojjenne.
Garuu imimmaan isinii bu’aa?
‘’Uu-uu-uu wayyoo! Baayyeen boo’a.
Dhugaa jettuuyii?
‘’Maaramii! Ganaa maatii warra du’aa gaafan argu imimmaan natti dhufa. Boo’icharra teessee daa’ima faa argitaa. Daa’ima argitee gaafa bojor, bojor jedhu argitee atiyyuu si dandeessisaaree? Dandeessaan jedhe?
‘’Isoo dhuguma nama hin dandeessisu’’
‘’Maarree!’’
Gadda hunda kan caalu isa kami? Kan daa’imaa? Kan haadhaa? Kan abbaa?
‘’Hunduu marartee qaba. Haadhis, abbaanis. Takka takka abbaan kee haadha kee sii caala. Ani haadha koorra, abbaan koon jaaladha. Ifattin sitti hima. Haati koo gaafa na reebdu abbaan koo immoo na sossoba. Hunduu gadda cimaa tahus garuu waan hin danda’amne hin jiru. Ilmi namaa midhaan nyaatee jennaan waan hin dandeeye hin qabu.’’
Duuti daa’imaa garuu jabaataadha mitii?
‘’Yoo maal sitti hammaate yoo rabbi fide eessa geessa? Imimmaan kee dhaqee, dhaqee qooruunsaa hin hafu.’’
Gaashe Darsoo! Jireenyi qaala’eera. Du’a namaatu rakase, isinoo gatii hin dabaltanii?
‘’Maal jennee daballa? Nama hoo jireenyi guggubeera. Qullubbii fi timaatima bituuyyuu dadhabne mitii. Ani kanin gaddu warra ciree nyaatee laaqana hin dabalanneefi. Bara hamaa…!’’
Gatii dabaltuu ture gaaffiin koo?
‘’Nuti isumaan jirra hamma yoonaa. Mikaa’elii. Birrii kuma tokkoon hojjenna.’’
Sa’atiidhaan kaffalchiistuu?
‘’Akkuma boo’ichi oole oolla nutis. Hamma saddeetii yoo gahe achuma oolla nutis. Hiyyeeyyii taanee malee qarshii otoo hin fudhannee karaa Waaqaa arganna ture silaa. Hiyyuummaa dha, maal gootaree?’’
Gaashe Darsoo!
‘’Yoo’’
Biyya alaa boo’ichaaf affeeramtanii beektuu?
‘’Naannoo kanaan ala hin deemu. Kunis hojii taheemmoo joortaa? Hin joortu. Warataa, Gondor, Binaat, Addis Zaman, Zagee, Daangilaa, Dabir-warqiifi Bichanaa fa’i ni deemna. Achii hin darbu.’’
Hamma Bichanaatti kan waamamtan Bichanaa namni boochisu hin jiruu?
‘’Nuti addadha kaa! Kan keenyi adda. Maamilli baayyee kaardii ‘’biizaa’ nuu qopheessaa nuun jedhu. Amma isa qopheessinee tamsaasuuf jirra. Kobbii godhee qabata namni. Baahirdaar keessa saddeet taanee hojjenna. Dubartiin boochistu tokkos jirti, ishee waliin sagal.
Warri sadarkaa tokkoffaa jedhamnu garuu afur. Ana, Guwaaddee, Yittaayawufi Asnaaqaw jedhamna. Moontaarboo yoo qabanne immoo biyya raasna.’’
Montaarboonis jiraayii?
‘’Maayikiidhaan sochoonaam bar. Dilbata darbe isaan boonye.’’
Gaashe Darsoo!
‘’Yookoo?’’
Boo’ichi garaa namaa gahu jiraa?
‘’Maalinni immoo? Waan akkanaa hin jiru? Gaddinaan gadduudha. Kanuma egaa.’’
Jechuun koo namni boo’e boodarra gaafa jajjabaatu, garaa nu cibsite siniin jedhee beekaa?
‘’Isallee eeyyee! Waaqni oolmaa kee haa deebisu. Ijoollee kee siif haa guddisu kan jedhan jiru.’’
Tajaajila waggaa 19n hamma yoonaa nama meeqa awwaalchiftan?
‘’Nan bade, lakkoofsa qabaaree? Maal natti fidde immoo?’’
2000? 3000? 5000?
‘’Akkasuma jechuu dandeessa. Hinuma taha. Namnoo akkauma baalaa harca’a. Yeroo tokko Koronaan galee baatii tokkotti nama 17’n hojjedhe. Ani hin nuffu. Boo’icha jedhamnaan boo’ichuma silaa. Haati warraan koos ni boochisti.’’
Akkasii? Kana yoom natti himtan ree?
‘’Isheen obboleettisheerraa barte. Haatishee duute jennaan boochisuu eegalte.’’

Jeneraal Asaamminaw Tsiggeefillee boo’eera egaa.
Jedhaa egaa Gaashe Darsoo, xumurree jirra egaa. Garuu adda bahuun dura du’a dhiyootti gatii beektaniif du’a waliin akkamiin waliigallee jiraachuu qabna jettu?
‘’Duuti homaa miti. Waa salphaa dha. Yoo Waaqni fudhate, fudhate dha. Yoo si waame, si waame dha. Torbee tokkotti naannoo Faasilootti nama torba awwaalleerra. Yaa Waaqa nutti araarami jenneerra.
‘’Yaa Waaq maaloo boquu nutti hin cabsiinii,
Ati nutti araarami nuti balleessinusii
Yaa Maaramii,
ilma keetti dheekkamii
Gaaf tokkicha kee dhabde cinqinsaa akkamii?
Kanaaf maal jechuufi, jaalalatu tola! Qorichi du’aa jaalaladha.
Gaashe Darsoo
‘’Yoo’’
Egaa du’aan otoo hin taane alamiidhaan wal-nu haa agarsiisu!
‘’Amiin mucaa koo! Amiin!














