Wiil Ismiiz kabballaa isaaf Kiriis Rookifi kaanis dhiifama gaafate

Madda suuraa, Reuters
Wiil Ismiiz qophii Oscars irratti Kiriis Rookiin kabaluun isaa amala ''sirrii hin taanee fi fudhatama hin qabnedha'' jechuun dhiifama gaafateera.
''Kiriis, ifatti dhiifama si gaafachuun barbaada,'' jedheera ibsa baase irratti. ''Irra darbaan godhe, dogoggoreera.''
Dhiifamni Ismiiz kan dhagaahame erga Oscars gocha Wiil Ismiiz erga balaaleffatee boodadha.
Wiil waltajjii irratti kan koomeediyaanii badhaasa kennuuf bahe Kiriisiin kan kabale erga, Kiriis riifeensa haaduu hadha warraa isaa Jaadaarratti qoosuu isaa hordofeeti.
''Amallikoo eda galgalaa wanta dogoggora ta’eee fi fudhatama hin qabnedha. Waa’eekoo baacuun wanta baramedha, garuu wa’ee rakkoo fayyaa haadha warraakoo qoosuun waan na aarseef miira keessan seene.''
''Amallikoo guyyaa kanaa imala bareedaa nuti qabaachuu qabnu ture balleessuu isaan gaabbeera,'' jechuun barreesseera.
Dhabbatti Oscars qindeessuus gocha Wiil Ismiiz akka balaaleffatu dursee ibseera.
Jeedaan kana dura dhibee reefensa fixu alopiishiyaa jedhamuun rakkachuu ishee himtee turte. Baacoon ykn qoosaan Kiriis fiilmii bara 1997 kan Demii Moore rifeensashee haaduun irratti hojjetterraa fudhatame.
Komeediyaanichi wanta uumameetti riifachuun daawwattootaan, “seenaa TV keessatti kun taatee dinqisiisaa hin dgatamne ta'a,” jechuun dubbateera.
Jalqaba irratti lamaanuu dursanii waliin mari’achuun kan baacoo kana qopheessan fakkaata ture.
Erga Kabaleen boodas teessuma isaatti deebi'ee irra deddeebiin maqaa haadhawarraakoo hin dhayiin jedhee itti iyyeera. Boodas Rook tole ittiin jedheera waltajjiirra.
Kiriis akka rifate sirriitti ni mul’ata ture. Kun seenaa Oskaarsi keessatti guyyaa Wiil Ismiiz waltajjii irratti Kiriis Rookiin kabale jedhame ni yaadatama.
Jeedaan wa’ee dhibee ishee kana kan jalqaba dubbatte Sagantaa ishee Feesbuukii irratti darbu Red Table Talk jedhamu irratti bara 2018 ture.
Galgala badhaasa guddicha addunyaa kana irratti Wiil Ismiiz taatoo cimaa jedhamuun badhaasicha injifateera. Haasaa imimmaaniin dabaalee taasiseen nama jaalalaa ta'uu isaa dubbatee ture.
Gochi kun addunyaa guutuutti yaada adda addaa kaaseera. Namootni gariin haadhawarraa isaatiif dhaabachuun sirriidha jedhanii Wiil Ismiiziin deeggaraniiru, gariin ammoo komeediyaanichi dogoggorus gochi Ismiiz darbaadha jedhu.
Boordiin jaarmiyaa badhaasa Oscars qopheessuu, Academy of Motion Picture Arts and Sciences, 'Academy's Board of Governors' Wiil Ismiiz irratti tarkaanfii fudhachuu irratti marichachuuf Roobii dhuftutti beellama qabateera.















