Wiil Ismiiz waltajjii bashaasa guddichaa Oscars irratti nama waltajjii beeksisu kabale

Wiil Ismiiz nama baacoo beekamaa Kiriis Rookiin kaballaa itti cufe

Madda suuraa, Reuters

Sirna Oskaaars (Oscars) irratti erga Kiriis Rook waa’ee Jadaa Piinkeet Ismiiz dubbii qoosaa dubbateen booda, abbaan warraashee Wiil Ismiiz waltajjiitti ol ba’uun isa kabale.

Rook qoosaa waltajjicha irratti dubbateen riifeensa Jaadaa haadama irratti “Jaadaa, hanga filmiin GI Jane 2 ba’uutti eegaa jirra,” jedhe ture.

Osoo Wiil waltajjiitti ol ba’aa jiruu erga Kiriisiin kaballaa itti cufeen booda, bakka inni taa'ee jiruutti deebi’ee, “Maqaa haadha manakoo afaankee keessaa baasi” jechuun itti iyyeera.

Boodarra Wiil garuu taatee kanaan booda wayita badhaasa taatoo olaanaadha jedhamu erga fudhateen booda haasa taasiseeb imimmaaniin dhiifama gaafateera.

“Akaadamicha (koree badhaasicha qopheesseefi) taatoowwan badhaasichaaf kaadhimamtoota taatan hunda dhiifama gaafachuun fedha,” jedheera.

Jeedaan kana dura dhibee reefensa balleessu alopiishiyaa jedhamuun rakkachuu ishee himtee turte. Baacoon ykn qoosaan Kiriis fiilmii bara 1997 kan Demii Moore rifeensashee haaduun irratti hojjettedha.

Komeediyaanichi wanta uumameetti riifachuun daawwattootaan, “seenaa TV keessatti kun taatee dinqisiisaa ta'eerratti galgala kana argamneerra,” jechuun dubbateera.

Jalqaba irratti lamaanuu dursanii waliin mari’achuun kan baacoo kana qopheessan fakkaata ture.

Kiriis akka rifate sirriitti ni mul’ata ture. Kun seenaa Oskaarsi keessatti guyyaa Wiil Ismiiz waltajjii irratti Kiriis Rookiin kabale jedhame ni yaadatama.

Jeedaan wa’ee dhibee ishee kana kan jalqaba dubbatte Sagantaa ishee Feesbuukii irratti darbu Red Table Talk jedhamu irratti bara 2018 ture.

Wiil Isimiiz haadha warraa isaa Jeedaa Piinkeet waliin

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Wiil Isimiiz haadha warraa isaa Jeedaa Piinkeet waliin

“Dhibee rifeensakoo balleessuun rakkachaa tureera. Yeroo jalqaba eegale baayyee na rifaasisee ture,” jettetti.

''Rifadheen 'Wayyoo Waaqakoo molachaan jiraa?’ jedhe. Jireenyakoo keessatti kun yeroo ani jalqabaaf sodaan hoolladhedha,” jechuun ibsite.

“Kanaafan rifeenskoo muruu jelqabee, kanumaafin murachuu itti fufes.”

Akka gazeexessaan The Hollywood, Iskoot Fiyeenbergi jedhetti, erga taateen kun uumamee booda imimmaan kan qabateeni ture Wiil taatota Deenzeel Waashingitan fi Taayler peeriin bukkeetti waamame isa tasgabbeessaa turaniiru.

Akka Wajjirri Poolisii LA miidiyaa Variety’tti himetti, Kiriis taatee kana “seeraan himata poolisiitti dhiyeessuu dideeera.”

Akaadamiin sagantaa badhaasaa qopheesse gama isaatiin Suuraa socho’oo fi Saayinsii, kan sagantaa Oscars qindeessu, “hokkora gosa kaammiyyuu akka hin deeggarre,” ibseera.

Kiriis waa’ee Jaadaa irratti yemmuu baacuu kun kan jalqabaa isaa miti.