Afgaanistaan: Taaliban shamarran barnootatti akka deebi'an erga hayyamee booda deebisee dhorke

Barattoonni shamarranii osoo mana barumsaarraa hin dhorkamin dura wayita gara daree deeman, Bitootessa 23, 2022

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Barattoonni shamarranii osoo mana barumsaarraa hin dhorkamin dura wayita gara daree deeman

Taaliban shamarran mana barnootaatti akka deebi'an erga hayyamee booda, uffata dambii ykn yuunifoormii uffachuu qaban ilaalchisee murteen ni barbaachisa jechuun deebisee dhorke.

Hagayya darbe Taalibaan aangoo Afgaanistaan erga to'atee booda guutummaa biyyattii keessatti shamarran barnootarraa dhorkamanii turan.

Ji'ootaaf shamarran barnootatti akka deebi'an wayita eegamaa jirutti, ministeerri barnootaa biyyattii manneen barnootaa shamarraniif cufamanii akka turan hubachiise.

Ijoolleen shamarranii hedduun murtee yeroo dhumaatti dhagaahame kanatti gadduun yoo booyan, maatii fi barsiisotni dheekkamsaa fi mufii qabaachuun gabaafameera.

Murteen kun erga ministeerri barnootaa manneen barnootaa shamarran dabalatee barattoota hundaaf Roobii irraa eegalee akka banamu ifa godhee torban tokko booda dhagaahame.

"Manneen barnootaa sadarkaa lammataa shamarranii akkasumas manneen barnootaa barattoota shamarranii kutaa jahaa olii qaban hundi hanga ajajni biraa kennamuutti cufamanii akka turan beeksifna" jedha ibsi ministeera barnootaa Afgaanistaan.

Ibsichi akkaataa "seera Shari'aa fi aadaa Afgaanistaanitti" uffannaan dambii ykn yuunifoormiin shamarran uffachuu qaban erga murtaa'ee booda manneen barnootaa akka banaman dabaluun eereera.

Taaliban hanga dhumaattuu barnoota shamarranii dhorkuu mala yaaddoon jedhu Hagayya darberraa eegalee dhagaahamaa ture.

Bara 1996 hanga 2001 wayita aangoorra turan shamarran barnoota idilee akka hin baranne guutummmaatti dhorkanii turan.

Hawaasni idil-addunyaa Taalibaan osoo gargaarsa alaa akka argatu hin hayyamamiiniif dura barnoota shamarranii fi dubartootaa akka hayyamu dhiibbaa gochaa turan.

Murteen miilanaa kun maatii barattoota shamarranii biratti aarii uumeera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Namni maqaan isaa akka hin dhahamiin gaafate tokko intalli isaa ganama kana akka mana barnootaa hin seenne erga dhorkamtee rifaatuu keessa jirti, imimmaan irraa hin qoorre jedhe.

"Mucaan koo waan tokko taanaan, Taalibaaniif araarama hin qabu," jedhe.