Dubartiin ulfi biyyi ishee Niwuu Ziilaand karra itti cufatte Taalibaanirraa gargaarsa argatte

Gaazexeessituu Kiwi, Chaarlootee Beliis aanga'oota Taalibaan waliin buufata xiyyaaraa keessa yeroo daabbachaa jirtu

Madda suuraa, Charlotte Bellis/Instagram

Charlootee Beliis jedhamti. Lammii Niiwu Ziilaand, Afgaan keessatti gabaastuu taatee hojjettudha. Ulfa waan taateef gara biyya ishee Niiwu Ziilaand deemtee achitti da'uuf garas imaluu feetus sababa dhorkaa COVID kaa'ameen hin dandeenye.

Erga gara biyya isheetti akka balali'uu hin dandeenye bartees gargaarsaaf gara Taalibaanitti deebite.

Kun ammoo Niiwu Ziilaand irratti qeequmsa kan uume yoo ta'u, biyyattiin garuu 'ejjennoon fudhadhe sirriidha' jechuun ibsiteetti.

Ministirri Dhimma Ittisa Covid-19 Kiriis Hipkiins dhimma kana ilaalchisuun akkas jedhan: Namoonni akka Chaarlotee Biliis kana "haala addaa keessa jiraniif" bakki tokko jiraaf.

Wanti dubartii ulfaa kana mudate tarkaanfii cimaa daangaa irratti Niiwu Ziiland koronaavaayirasii ittisuudhaaf fudhatte irratti gaaffii kaaseera.

Namoonni kaan ammoo dubartiin kun hariiroofi simannaa addaa Taalibaan irraa argattetu jira jechuun kaasu.

Kanaan dura Taalibaan hidhuun, gidirsuuniifi warreen rogeeyyiifi falmitoota ta'an ajjeesuun mirgoota dubartootaa haala hamaa ta'een sarbuun qeeqama.

Chaarlootee Beliis Taalibaaniin maal gaafatte turte?

Gaazexaa Niiwu Ziiland Heerlaad irratti, akka barreessiteetti Aadde Chaarootee Beliis torban darbe mootummaan Niiwu Ziilaand gaaffii isheen biyyatti galtee da'uuf diyeeffatte naaf fudhachuu dide jetti.

Yeroo ammaa Weelington (magaalaa guddoo Niiwu Ziilaand) lammileen isheefi warra dhaabbataadhaan biyyattii keessa jiraatu akka seenan ni hayyamti garuu guyyoota 10f hoteela keessatti adda of baasanii turuu qabu.

Lammileen Niiwu Ziiland baayyeen biyya isaaniitti galuu barbaadanis, fedhiin bakkawwan itti adda of baasanii turanii guddaa jiru waliin muraasti qofti waan jiruuf hala ittiin gara biyya isaaniitti galan dhabaniiru.

Chaarlooteen muuxannoo akkamitti akka warri Talibaan haala gaariin ishee kunuunsan haala yeroo biyya ishee galuufjettu ishee mudate walbira qabee madaalte.

Warra Taalibaan keessaa tokko dubbisuudhaan akka dubartii osoo hin eerumiin ulfa taate beekanii Afgaanistaan keessatti 'na simachuu danda'uu' kan jedhu gaafatte.

Aadde Chaarlooteefi jaalalleen ishee kan lammummaan isaa Beeljiyeem ta'eefi ogummaan isaa ammoo gaazexeessaa surraa ta'e waliin bara darbe yeroo loltoonni US ba'an Afgaanistaan keessaa gabaasaa turan.

Isheefi jaalalleen ishee viizaa Afgaanistaan qofa waan qaaniif biyya isaaniirraa kan hafe gara biyya birootti imaluu hin danda'an.

"Dhufuu ni dandeessa, rakkoo hin qabu. Namootatti eerumeera jedhii itti himi; ta'uu baannaan yeroo dubbiin hammaatu nuuf bilbili," jedhe jechuun aanga'aan Taalibaan maqaan isaa hin dha'amiin gaaffisheetiif deebii itti kenne himti.

"Yeroo Taalibaan ubartii ulfa, hin eerumneef bakka baqaa ta'u, haalli kee akka hin taane ta'uu isaa hubatta," jechun barreessite.

Dubartoota Afgaanistaan keessa jiran hin eerumne garuu ulfa ta'aniif maaltu akka ta'u ifa miti. Haata'u malee, haadhotiin kofaleeyyii ykn abbaa manaa hin qabne daa'imman isaanii akka dhiisaniifi mirgi guddisuu isaanii yaaddoo keessa akka galuu danda'u aanga'oota Taalibaaniin sodaachifamu, dhiibbaanis irra gaha.

Waan isheen gaazexaarratti barreessiteef deebiin maal ture?

Xalayaan Chaarlootee erga gaazexaarratti baheen booda, aanga'oonni Niiwu Ziilaand ulaagaa ittiin bakka adda of baasanii turanii, keessumaa dubartoota ulfaatiif akka sirreessaniif waamichi dhiyaataa jira.

Ministirri Dhimma Ittisa Covid-19 Kiriis Hipkiins garuu tarkaafii seeraa fudhatan sirrii akka ta'e himuun, "tarkaanfiin fudhatame "Niiwu Zilaandiin haala ajaa'ibaafi adda ta'een oolcheera, lubbuuwan baraareera , akkasumas namoonni wallaansaaf gara hospitaalaa dhufan gara malee hedummaatee sirni fayyaa keessaa akka humna isaatii ol hin taane godheera," jedhan.

Haata'u malee, Aadde Chaarloote Beliis ramaddii addaa yeroo atattamaatiin viizaaf akka iyyattuuf hafeeramteetti jedhan.

Kana malees, erga dhimma isheen waliin rakkattu ifatti baheen booda biyya maqaan hin dha'amiin tokkorraa kolu-galtummaan dhiyaateeraaf.

Haata'u malee, seenaan ishee kun taajjabdoota, rogeeyyota mirgootaafi Agaanistaanota mataa isaaniirraayyu qeequmsa hordofsiiseera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational grey line

"Seenaan kun itti fufinsa akkamitti akka warri Afgaanistaan hin taane Afgaanistaanota caalaa Taalibaaniin itti kunuunfamanidha," jechuun gaazexeessaan lammii Awustiriyaan-Afgaanistaan ta'e Emraan Ferooz tiwiit tolche.

"Gaazexeessitoonni Afgaanistaan hin taane baayyinaan yeroo sodaachifaman, reebaman, hiraarfamaniif ajjeefaman warri Afgaanistaan hin taane garuu ilaalchi addaa isaaniif taasifameetu simatamu, akkasumallee gama hundaan qananummaan qabamu," jedha itti dabaluun.

Dhiyeenyuma kanallee, dubartoota rogeeyyii mirgootaaf falman erga manni isaanii marfamee to'annoo jala oolfaman hanga ammaatti eessa akka jiran hin beekamne Taalibaan akka gadi dhiisuuf waamichi taasifamaa tureera.