Afgaanistaan: Taalibaan eegumsa dhiiraa malee dubartoonni daandii dheeraa akka hin deemne ajaje

Madda suuraa, Getty Images
Dubartoonni Afgaanistaan eegdoota dhiiraa malee daandii dheeraa akka hin imalleef Taalibaan ajaje.
Dubartoonni daandii dheeraa imalan tajaajila geejibaa argachuu kan danda'an yoo waardiyyaa dhiiraa of biraa qabaatan qofaadha jedhameera.
Qajeelfamni Dilbata bahe kunis erga gareen Taalibaan baatii Hagayyaa keessa aangoo qabateen booda qajeelfama haaraa dhiheenya keessa mirgoota dubartootaa irra baaseedha.
Kanaan dura ajaja baaseen manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa hedduun barattoota shamarraniif cufamaniiru, dubartoonni hedduunis hojiirraa hari'atamaniiru.
Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis Woochi (HRW), dhorkaan imala dheeraa irratti dubartoota irra kaa'amee kun ''kan dubartoota hidhamtoota taasisuudha'' jechuun qeeqeera.
Dhaabbatichatti gargaartuun daarektara damee mirga dubartootaaf falmu kan taate Heezar Baar, ''ajajni bahe kunis dubartoonni bilisummaan akka hin sochoone dhorka.
''Akkasumas mana keessatti miidhaan yoo irra qaqqabelleen akka baqatanii hin baqannee dhorka,'' jedhan.
Ministeerri biyyattii labsii kana baase akka jedhetti dubartoonni fageenya Km 72 ol imalan dhiira miseensa maatii dhihoo ta'e waliin qofaa imaluutu hayyamamaaf.
Narsiin dahumsaa Kaabuul keessa hojjattuu Faaxumaan, ''Seerri kun dhugaa na gaddisiseera. Bilisummaa kiyya na dhabsiisa. Bakka abbaan warraa kiyya mana hin jirreetti osoo daa'imti kiyya ykn ani dhukkubsadhe maaltu ta'a?'' jechuun BBCtti himte.
Itti dabalunis, ''Taalibaan gammachuufi bilisummaa keenya fudhate. Gammachuufi bilisummaa kiyya lamaanuu dhabeera,'' jetti Faaxumaan.
Kana malees seerichi, abbootiin konkolaataa dubartii hijaaba ykn uffata fuula dhoksu hin uffanne akka konkolaataa keessatti hin feneef gaafateera.
Dubartoonni Afgaanistaan duraanuu hijaaba fuula haguuguu kan ufatan yoo ta'u, seerri kun addatti maal akka jedhu adda hin baane.
Akkasumas konkolaataa keessatti muziqaa saaquun dhorkameera.
Taalibaan loltoonni Ameerikaa fi humnootii biyyoota biraa Afrigaanistaanii bahuu hordofuun erga Hagayya keessa aangoo qabatanii booda hojjattoota dubartoota ta'an hojiirraa dhorkuunsaa ni yaadatama.
Akkasumas manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa ijoollee barattootaa dhiiraafi barattoota dhiiraa qofaaf akka saaqamu taasisan.
Taalibaan dhorkaawwan kaa'ee ''kan yerooti'' jedhu. Dhorkaawwan kan ka'amaniif hanga manneen barnootaafi hojiin dubartootaaf ''nageenyummaansaanii kan eegame'' ta'uun mirkanaa'uutti jedhan.
Kana duras Taaliibaan wayita bara 1990'oota keessaa aangoo qabatee tureetti dubartoota barnootaafi hojiirra dhorkee ture.
Baatii darbe keessa ammoo dubartoonni diraamaa TV irratti akka hin mul'annee ajajeera.
Akkasumas gaazexeessitoonnii fi dhiyeessitoonni sagantaa TV hijaaba akka uffatan murteesseera.
Biyyoonni Afgaanistaaniif deeggarsa maallaqaa kan taasisan yoo mirgi dubartootaa kabajame qofaa ta'u ibsan.
Taaliibaan aangoo qabachuu hordofee deeggarsi idil-addunyaa Afgaanistaan argataa turte adda citeera.
Kunis rakkoolee namoomaa fi diinagdee hammesseera.
Odeessaalee walfakkaan:













