Afgaanistaan: Barattonni shamarranii barnoota irraa dhorkaman

Madda suuraa, Getty Images
Afgaanistaan keessatti wayita barattoonni mana barumsaatti deebi'an, Taalibaan shamarran daree akka hin seenne dhorke. Daree kan seenan barattootaa fi barsiisota dhiirotaa qofa.
Shamarran mana barumsaatti deebi'uu dhorkaman bulchiinsa Taalibaan irraa abdii kutachuu BBCtti himan.
Shamarreen tokko akkas jette: ''Anaan yeroo ammaa wanti hundinuu natti dukkanaa'eera.''
Ji'a darbe keessa aangoo kan qabatan Taalibaan dhimma kanarratti murtee kennuuf akka jiran ibsanii turan.
Lammiileen Afgaanistaan hedduun Taalibaan haala bulchiinsa bara 1990 keessa ture deebisuu mala jechuun sodaa qaban ibsu.
Taalibaan bara sana mirga shamarranii fi dubartootaa daangessee ture.
Erga Taalibaan deebisee biyyattii to'atee booda qondaaltonni garee kanaa akka jedhanitti dubartoonni barachuu fi waajjiraalee mootummaa keessaa hojjechuu danda'u.
Kunis akkaataa naamusa amantii Islaamaa eegeen ta'uu qaba jedha gareen kun.
Garuu dubartoonni hojii mootummaarra turan hanga haalli nageenyaa fooyya'utti akka mana turan ajajamaniiru.
Inumaa Jimaata darbemmoo Ministeera Dhimma Dubartootaa cufsiisan.
Manni barumsaa Sambata kaleessaa eegalamuu dura ibsi ba'e, ''barattoonni fi barsiisonni dhiiraa hundinuu dhaabbilee barnootaa hundatti argamuun barnootasaanii hordofuu qabu,'' jedha.
Manni barumsaa sadarkaa lammaffaa barattoota umriinsaanii waggaa 13 fi 18 gidduu jiruuf kan eeyyamamu yoo ta'u, isaanis adda qoqqoodamanii baratu.
Boodarrammoo dubbi himaan Taalibaan, ''manni barumsaa shamarranii yeroo dhihootti banama,'' jechuun dubbachuu, Ejansiin Oduu Afgaanistaan Bakhtar jedhamu gabaase.

Madda suuraa, Getty Images
Barnoota shamarranii ilaalchisuun qondaaltonni haala mijeessaa jiraachuu dubbi himaan kun BBCtti himaniiru.
Barattoonni shamarranii fi maatiin garuu booddeetti harkifachuun akka abdii isaan kutachiise himan.
Shamarrrreen ogeettii seeraa ta'uuf yaada qabaachuu himtu tokko akkas jette: ''Egereen kiyya baay'ee na yaaddessa. Abdiin koo dukkanaa'eera.''
Abbaan ishee waa'ee faayidaa barumsaa wayita ibsu: ''Haati kiyya nama hin barannedha. Kanarraa kan ka'e abbaan kiyya baayyee ishee arrabsa, salphisa ture. Intalli kiyya akka haadha kiyyaa akka taatu hin fedhu.''
Shamarreen umrii waggaa 16 kan biraan magaalaa Kaabul jiraattu ''guyyaan kun anaaf guyyaa gaddaati,'' jette.
"Baradhee doktara ta'uun barbaada. Kaayyoon koo sun karaatti hafeera. Mana barumsaatti nu deebisu jedhee hin yaadu. Mana barumsaa biyyattii keessatti deebisanii yoo bananillee akka dubartiin barattu waan fedhan miti,'' jechuun barumsarraa abdii kutachuu himte.
Torbee tokko dura Taalibaan barattoonni shamarranii fi dubartoonni mana barumsaatti deebi'uu akka danda'anii fi garuu dhiira waliin daree keessa taa'anii barachuu akka hin dandeenye ibsee ture.
Yuuniversitoonni fi manneen barnootaa biyyattii daree addatti dubartootaaf mijeessuu akka hin dandeenye osoo beekuuy, Taalibaan seera akkasii baasuunsaa karaa biraadhaan dubartoota mana barumsaarraa dhowuudha jechuun kanneen qeeqan turan.
Erga Taalibaan bara 2001 aangoorraa gussamee as sirni barnootaa Afgaanistaan, keessattuu dubartoota ilaalchisee, akkaan fooyya'ee ture.
Lakkoofsi shamarran manneen barnootaa sadarkaa jalqabaa keessatti zeeroo irraa ka'ee miiliyoona 2.5 ga'eera, waliigalatti shamarran biyyattii dhibbeentaa 30 ta'an barataniiru.















