Dubartoota Afgaanistaan: Yaaddoo fi abdii xiqqoo dubartoota Afgaan

Madda suuraa, Getty Images
Seenaa ammayyaa keessatti garee hidhattootaa sodaatamoo jedhaman keessaa inni guddichi Afgaanistaanitti aangoo kan qabate Taaliibaanidha.
Taalibaan dubartoonni akka seera Islaamaatti akka barataniifi hojjetan ni eeyyamna jedhullee, namoonni baayyee garuu egeree isaaniif ni yaadda’u.
Taalibaan waggaa digdama dura yeroo aangoo qabate, dubartootni burkaa akka uffatan diqisiisuurra darbee gorra’aafi dhakaan tumee ajjeesaa ture.
Taalibaan aangoorraa erga ari’ameen booda, dubartootnni Afgaan jijjiirama guddaa agarsiisaniiru. Ministira, kantiibaa, poolisiifi kaanillee tahaniiru.
Amma garuu egereen isaanii maal fakkaachuu danda’a kan jedhurratti shakkii qabu.
'Aarsaafi qabsoon barbaachisaadha'
Gaazexeessituun tokko qondaala mootummaa waliin af-gaaffii gochuun biyyoota addunyaa baayyee keessatti waan addaa miti.
Seenaa suukaneessaa Taalibaan dubartoota irratti raawwate nama beekuuf qondaallii olaanaa garee kanaa Mawlawi Abdulhaq Hemad gaazexeessituu Beheshta Arghand waliin af-gaaffii taasisuuf eeyyamamaa tahuun waan haaraa ture.
Taalibaan gaaffii fi deebii akkanaa kennuunis kan jalqabaati, tahus gaazexeessituu Arghand ammallee shakkii qabdi.
Taalibaan, ‘’hojii dubartootaa ni deeggarra’’ jedhus, ‘’baatii tokkoon booda seera nurratti kaa'uu waan hojjachuu barbaannu akka raawwanneef nu eeyyamu jedhee hin yaadu. Of dandeenyee socho’uu ulfaataa nutti godhu,’’ jetti.
Gareen kun waggaa 20 dura seera Shari’aatu dhorka jechuun tajaajila TV, sirbaafi siinimaan akka dhorkamu godhanii turan.
Yeroo Taalibaan biyyatti deebi’uu dhaabbileen TV tokko tokko dubartoonni oduu akka hin dubbisne yoo godhan, sagantaa marii siyaasaa immoo gara marii barsiisa Islaamaatti geeddaran.
Gareen amma uummata miiliyoona 39 bulchaa jiru dubartoonni akka seera Islaamaatti akka hojjetaniifi baratan ni eeyyamna jedha.

Madda suuraa, Farzhana Kochai
Ta'us, gaafa Kibxataa (Hagayya 17) gaazexeessituun Kadijjaa Amiin jedhamtu Taalibaan, isheefi waahillan waliin dhaabbata TV keessaa dalagan hojiirraa akka ari’e dubbatti.
Iddoo garaagaraatti hidhattoonni dubartoonni hojii akka hin deemne dhorkanillee, dubartoonni muraasni garuu sodaataniitu hojirraa hafaa jiruu jedhan.
Gaazexeessituun qondaala Taalibaan dubbiste Arghand gara bakka hojii yoo deemtu hidhattoonni Taalibaan karaatti ishee qabanii dhiirri si waliin osoo hin jiraatiin akkamiin qofaa deemta akka jedhaniin dubbatti.
‘’Haala gaarii keessa hin jirru. Dhaloota egereef jecha aarsaafi qabsoon ni barbaachisa,’’ jetti.
Hakiimni gadameessa hospitaala Kaabuul keessatti kiliinika dhuunfaa qabdu tokkoo immoo haala siyaasaa amma jiruun hojiinshee akka hin jeeqamne himti.
‘’Guyyaa sadii booda gara hojiitti deebi’eera. Haalli jiru naguma,’’ jette hakiimni maqaanshee akka dhahamu hin feene.
Hakiimni tun Taalibaan namoonni hojiitti akka deebi’an gaafatus waan haala jiru sodaataniif gara hojiitti hin deebine jette.
‘’Hakiimotaa fi deessiftoonni gara hospitaalaa hin dhufne, sababnisaas waan Taalibaan labsetti waan hin amanneef,’’ jette.
Tahus ammallee abdii akka qabdu dubbatti, Taalibaan daandii irratti na dhaabee haala uffannaa koo hin sakattaanes jette.
'Dubartoonni qaama ajandaa isaanii miti'
Paarlaamaa Afgaanistaan keessatti teessoon harka 27 dubartootaan kan qabamedha. Yeroo ammaas dubartoonni 69 miseensota paarlaamaati.
Haa tahu malee, Taalibaan caasaa isaa keessatti dubartoota hin qabu. Mootummaa hundeessuuf jedhu keessatti dubartoonni ni hirmaatuu kan jedhus ifatti waan himame hinjiru.
Miseensi paarlaamaa Farzhana Kochai Taalibaan dhimma dubartootaa irratti waan ifa tahe dubbachuu hafuun akka isaan yaaddessu himti.

Madda suuraa, Getty Images
Caasaa mootummaa dabalatee sochii hawaasaa hundumaa keessatti hirmaachuurraa dhorkamuu hin qabnu jetti.
Tahus dubartoonni yeroo ammaa sodaa irraa kan ka’e, ‘’Kaabuul keessatti burkaa baay’inaan bitaa jiru. TV irraa isaan dhabaa jirra, iddoowwan biraattis akkasuma.
''Dubartoonni garee hidhataa kana qeeqaa turan amma dhokataniitu jiru,’’ jette.
Zarifa Ghafari biyyattii keessatti kantiibaa tahuun yeroo filamtu nama ganna 26 fi ishee xiqqoo turte. Amma Taalibaan hamma ishee ajjeesutti eegaa jirti.
‘’Maatii koo waliin taa’een hamma dhufanii na ajjeesanitti eegaa jira,’’ jechuun gaazexaa Biriitiish The Independent’tti himteetti.
Rogeettiin mirga namoomaa Pashtana Durrani jedhamtu, Taalibaan waan jechaa fi gochaan agarsiisaa jiru tokko mitii jetti.
Mirgooti dubartootaa warra kamtu eeyyamamoodha kan jedhu irrattis Taalibaan ibsa akka kennu barbaaddi.
'’Dubartoonni, yunivarsiitii akka hin deemne dhorkamuun dhiirotni akka bakka bu’an godhaniiru.’’
‘’Taalibaan biyyoota irraa beekamtii argachuun mootummaa dhaabuu fedha garuu immoo hidhattoonni isaanii waan hojjetaa jiran hin beekan, beekamtii barbaadu garuu hojiittti waan agarsiisan hin qaban,’’ jette.
Durrani Taalibaan mirga dubartootaa nan kabaja yeroo jedhu maal akka tahe akka ibsu gaafatti. '‘Filachuu fi barachuu danda’uu?’’ jechuun gaafatti.
'Ani bilisummaan barbaada'
Shamarreen hojii-uumtuu magaalaa guddoo Afgaan keessa jiraattu Azada’n (maqaanshee barreefama kanaaf kan geeddarame) Taalibaan irratti amantii hin qabdu.
Maqaan koo bilisummaa jechuu dha, isa gatiin barbaaduuf Azada jechuun of waama jetti.
‘’Ani mootummaa lammiilee Afgaan hunda of keessaa barbaada. Taalibaan, gareewwan lammiilee adda addaa, fi kan amantiiwwan hunda bakka bu’an. Kuni yoo tahe biyya egeree haaraafi ifaa tahe qabdu qabaanna,’’ jetti.
Tahus dubbiin itti jabaachaa jira. Ammumallee daldalli ijaa cufameef hojiishee dhabaa jirti.
Yaadannoo Taalibaan gaarii hin taane qabdi. Yeroo jalqaba aangoo qabatan dubartoota irratti waan suukaneessaa raawwachaa turan jetti. Ammas amala addaa isaan irraa hin eegu jette.
‘’Uffataafi areeda isaanii hin geeddarre, akkamiin yaada isaanii jijjiiruu danda’u?'' jechuun haasaa isaaniitti akka hin amanne dubbatti.
Taalibaan yoo dubartoota moggaa baaseefi saboota kaan hin hirmaachisne marroo waraanaa gara biraatu itti fufa jechuun himti.















