Afgaanistaan: Taalibaan yeroo jalqabaaf biyyoota lixaa waliin marii taasisuufi

hogganoota Taalibaan

Madda suuraa, EPA

Miseensonni Taalibaan erga Afgaanistaanitti aangoo qabatanii as yeroo jalqabaaf qondaalota biyyoota lixaa waliin mari’achuufi.

Mariin kunis guyyoota sadiif kan turu yoo tahu mirgoota namoomaa fi rakkooo namoomaa biyyattii keessa jiru irratti xiyyeefata.

Akka UN jedhutti lammiileen Afgaanistaan harki 95 nyaata gahaa hin qaban.

Marii Taalibaan waliin taasifamu kana mormuun Awurooppaa biyyoota garagaraa keessatti mormiin taasifameera.

Gaafa Dilbataa miseensonni Taalibaan rogeessota mirgoota namoomaa waliin wal arganillee mariin isaanii maal irratti akka xiyyeefate waanti ifa bahe hin turre.

Falmituun mirga dubartootaa tokko, Jamilaa Afgaaniin, kara Taalibaan ‘fedhiin gaarii jira’ jechuun ibsiteetti.

‘’Egaa gochi isaanii akka jecha isaan taha yoo taheef ilaallas’’ jetteetti.

Guyyaan Wiixata har’aa guyyaa murteessaa Taalibaan qondaalota biyyoota lixaa waliin marii taasisu dha.Gareen kuni qarshii biiliyoonaan lakkaa’amu kan baankii US keessa jiru argachuu akka danda’uuf ni gaafata.

Afgaanistaan keessa hojii dhabdummaa fi gatiin nyaataa dabalaa kan jiru yoo tahu gatiin qarshii biyyattii immoo hir’isaa jira. Baankonni hamma qarshii namni baankiidhaa baafatu daangessaniiru.

Mootummoonni Gamtoomanii uummanni biyyattii harka 55 beela’uu danda’a jechuun akeekkachiiseera.

‘’Qabeenya Afgaan baankii jiru akka gadhiisan gaafachaa jirra. Sababii siyaasaan lammiileen Afgaan kaan dhiibamuu hin qaban,’’ jechuun bakka bu’aan Taalibaan Shaafullaa Azam miidiyaa AP’tti himeera.

‘’Beelaaa fi qorra hamaa nama fixaa jiru ilaalanii hawaasni addunyaa lammiilee Afgaanistaan deeggaruu malee wal-dhabdee siyaasaaf adabuu hin qaban,’’ jedhan

Bakka buutonni biyyoota lixaa mirgoota namoomaafi mootummaa Taalibaan hunda hirmaachisaa taherratti akka mariyatan eegama.

Taalibaan erga aangootti dhufe hojjettoonni dubartootaa mana akka taa’an itti himeera. Manni barnootaa sadarkaa lammataas bartootaa fi barsiisota dhiiraaf qofa banaa dha.

Dubartootni baayyee dhimma kanarratti dubbachuu isaaniin Taalibaan yaaddoo isaanirratti uumeera. Gariin immoo achi buuteen isaanii hin beekamu jedhamus Taalibaan kana ni waakkata.

Rogeessotaa mirgoota namoomaa fi gaazexeessitoonni illee erga Taalibaan kanneen rakkoo keessa galan keessaati

Yeroo ammaa biyyi addunyaa mootummaa Afgaaniif beekamtii kennite hin jirtu.

Ministirri Hajaa Alaa Noorweey Aniiken Huutfeed, Taalibaan wajjin wal-arguun,’’beekamtii kennuu ykn seera-qabeessa taasisuu miti,’’ jedhan.

‘’Tahus qondaalota biyyattii dirqama haasofsiisuu qabna,’’ jedhaniiru.

Lammiileen Afgaanistaan marii biyyooti lixaa Taalibaan waliin taasisaa jiran irratti yaada hiramaa qabu. Kaan mariin kuni barbaachisaa dha yoo jedhan, gariin immoo otoo gareen kuni otoo mirgoota namoomaa sarbaa jiru carraan kuni laatamuufi hin qabu jechaa jiru.

Sanbattan irra biyyoota Awurooppaa garagaraa keessatti mormiin taasifamaa jira.

Namni mormiitti bahe tokko AFPtti akka himetti ‘’lammiilee Afgaan miseensota maati isaanii dhabanitti kolfuu dha,’’ jedhaniiru.

‘’Shororkeessaatti marii taasisuu hin qabdu,’’ jedhaniiru.