Afgaanistaan: Mucaan baatii lamaa tibba baqannaatti maatii jalaa badee ture attamiin argame?

Madda suuraa, Reuters
Mucaan Afgaanistaan tibba muddama baqannaa loltoota Ameerikaatiin deegaramee baatii Hagayyaa keessa baasfamee, achumaan badee ture amma maatiisaa waliin walitti makame.
Baatii Hagayyaa keessa wayita Taalibaanoonni biyyattii to'ataniitti lammiileen biyyattii hedduun baqachaa akka turan ni yaadatama.
Dhalattuun baatii lamaa Sohaa'il Ahmadis yeroodhuma baqannaa sanatti buufata xiyyaaraa Kaabuul keessaa namoonni kumaatamaan lakkaa'aman wal dhiibaa waan turaniif akka miidhaan irra hin qaqabne jechuuf maatiin dallaa irraan loltuu Ameerikaa achi turetti kennan.
Haata'u malee maatiin dhiibbachuun erga dallaa keessa seenaniin booda mucaasaanii argachuu hin dandeenye.
Barbaacha danda'amuuf hunda erga taasisaniin boodas abbaan mucaa Mirzaa Ali Ahmad, kan Imbaasii Ameerikaatti waardiyyummaan hojjataa turaniifi haati warraa isaanii Suraayaa akkasumas daa'imtisaanii kan waggaa afurii xiyyaara USn bahan.
Isaan boodas baatiiwwaniif waa'ee eessa buutee mucaasaanii wanti beekan hin turre.

Madda suuraa, Reuters
Haata'u malee Muddee keessa erga Rooyitarsi irratti maatiin Soha'il barbaachaa jiraachuun dhagahameen booda, mucaan kunis mana konkolaachisaa taaksii Haamid Saafii jiraachuun barame.
Aab Saafiin Sohaa'il buufata xiyyaaraatii lafarra ciisee qofaasaa osoo boo'uu arguun akka kaase madda odduu Rooritarsiitti hime.
Erga maatii mucichaa barbaachuuf yaaleen boodas argachuu waan dadhabeefu fudhatee haadha warraafi ijoollee isaatti geessuun akka mucaa ofiisaatti guddisuuf murteessuu hime.
Maqaa dhalattuu kanaas Mohaammad Abed jechuun moggaasuun ijoollee isaa hunda waliin toora facebook Aab Saafii irratti maxxansan.
Erg mucaan kun eessa akka jiru adda baheen booda garuu akaakkayyuun isaa Mohaammad Qaasem Raazaawii, kan ollaa Baadaakhshaan kaaba- bahatti argamtu jiraatan gara Magaalaa Kaabuuliitti imala dheeraa taasisuun daa'ima kana akka kennuuf gaafatan.
Haata'u malee Aab Saafiin mucicha kennuuf diduun innifi maatiinsaa mucicha waliin gara UStti akka baafamaniif gaafachu Rooyitarsi gabaaseera.

Madda suuraa, Reuters
Erga mariin torbanoota torbaaf taasifamuun akkasumas Aab Saafii yeroo muraasaaf hidhameen booda, poolisoonni Taalibaan maatii lamaan jidduutti waliigalteen akka taasifamu gochuun akaakaan mucichaa Sanbata kaleessaa Soha'il fudhachun gabaafame.
Maatiiwwan isaas erga Soha'il maatiisaatti makamuu isaa karaa viidiyootiin dowwataniin booda baayyee gammadu himan.
''Gammachuu, shubbisaafi faarsaatu jira,'' jedhan Aab Raazaawiin. ''Huggaattis akkuma waan gaa'illi raawwatameeti.''
Maatiinis atattamaan Soha'il US bulchiinsa Michigaan bakka isaan jiraataa jiraniitti isaan waliin waliitti makuuf haalli akka mijaa'uuf abdataa jirus.















