Yeroon itti Afgaanistaanii bahuu qaban dhiyaachuun UK fi michootashee mudde

Madda suuraa, European Pressphoto Agency
US fi michootnishee loltoota isaanii Afgaanistaan keessaa baasuu hordofee biyya kan dhuunfate Taalibaan yeroo humnoonni alaa biyyattii gadhiisanii akka bahan kaahame hin dheereffamu jedhe.
Dubbii himaan Taalibaan Muhaammad Suha'iil Shaheen humnootni biyya alaa yeroo amma dura biyyittii gadhiisanii bahuuf kaahanii ture Hagayya 31'tti bahuu qabu jechuun BBC'tti himan.
UK'n yeroon kaahame akka dheeratu gaaffii dhiyeessaa, loltootni Ameerikaas akka Afgaanistaan turan watwaachaa jirti.
''Humnootni alaa yeroo amma dura kaahaanitti biyya gadhiisanii bahuu qabu. Kun ta'uu baannaan, waliigaltee kabajuu dhabuudha'' jedhan Shaheen.
Humnoonni alaa biyyattii keessaa bahuuf yeroo dabalataa kan fudhatan yoo ta'e murteen dhumaa kan hooggana garichaa akka ta'u dubbii himaan kun ibsaniiru.
Lammiileen Afgaanistaan kumaan lakkaawaman ammallee biyyaa bahuuf buufata xiyyaaraa Kaabuul cinqaa kan jiran ta'us, humnootni US buufata xiyyaaraa san gadhiisanii yoo sokkan imalli itti fufa moo adda cita kan jedhu gaaffii ta'eera.
Mootummaan UK, US buufata xiyyaaraa Kaabuul guyyoota dabalataaf to'attee akka itti fuftu dhiibbaa gochaa jira.
Ogeeyyiin Ministeera Ittisaa UK keessa jiran loltootni waan qaban walitti qabanii guutummaatti bahuuf tilmaamaan sa'aa 24-36 isaan barbaachisa.
Carraan yeroon turmaataa humnoota alaa kun ni dheereffama jedhu baayyee dhiphaadha. Taalibaanis tole waan jedhu miti.
Humnootni UK hanga waraanni US achi jirutti akka turu yeroo isaan sokkan ammoo akka sokku ibsamaa jira.
Sababni ammoo to'annoo balaliifi buufata xiyyaaraa to'atee kan jiru loltoota US ta'uudha. Dabalataanis hojiiwwan basaasaafi to'annoo nageenyaa gaggeessaa jiru.
Osoodhuma humnootni kaan hojii kana loltoota US irraa fuudhanii takka haa turan jedhamee walharkaa fuudhinsuu yeroo fi qabeenya gaafata. Kanaaf humnoota US'n alatti duulli lammiilee achiitti hafan baasuu yaaddoo keessa gala sodaan jedhu jira.
US achii baatee humnootni UK achi turuun gonkumaa yaada filannoof dhiyaatu akka hin taanes aanga'ootni UK ni himu. Afgaanistaan miti buufata xiyyaaraa Kaabulillee.
Ministirri Ittisaa UK Ben Wallace battala humnootni US buufata xiyyaaraa Kaabul gadhiisanitti kan UK's ni bahuu jedhan.
Ministirri Muummee UK Booris Joonsan yaa'ii biyyoota G7 bor gaggeefamu irratti US guyyaa dhumaa Hagayya 31 booda yeroo murtaaheef loltoota ishee Afgaan keessa akka tursiiftu amansiisuuf ni yaalu jedhan aanga'aan kun ibsa miidiyaaleef kennan irratt.
''Yunaatiid Isteetsiin duuba Afgaanistaan keessa turuun waan waan ta'u natti hin fakkaatu'' jedhan.
''Amma guyyaa lakkaahuurraa gara sa'aatii lakkaa'uutti ceeneerra. Daqiiqaa hunda akka ta'utti fayyadamuun namoota achii baasuu qabna'' jedhan hoogganaan waraana UK.
UK namoota Afgaanistaanitti hafan biyyatti ceesisuuf, namoota dabalataa kan rammadde yeroo ta'u ambaasaaddarri biyyattii achitti hafuun hojii kana qindeessaa jiran leellifamaa jiru.
Pireezidantiin US Joo Baayidan Hagayya 31 humnoota isaanii buufata xiyyaaraa Kaabul keessaa baasuuf karoorfataniiru.












