Maqaa-malleeyyii፡ Haakaroonni odeeffannoo hatan attamiin Puutiin dadhabsiisuuf hojjataa jiru?

Gareen maqaa-maleeyyii (Anonymous) weerara Yuukireen dhaabsiisuuf jechuun Vilaadimiir Puutiin irratti erga ''waraana saayibarii'' labsaniin booda Raashiyaa odeeffannoo haleellaa saayibariitiin muddaa jira.
Namoonni garee kana jalatti socho'aa jiran heddunis kaayyoo, malaafi karoorasaanii BBCtti himaniiru.
Erga waraanni Yuukireen eegaleen booda haleellaawwan odeeffannoo saayibarii taasifaman keessaa tokko haleellaa odeefannoo garichi TV Raashiyaa irraatti raawwate kanneen eeramu keessaa tokko.
Haleellichis viidiyoo gabaabduu irratti boombiiwwan Yuukireen irratti dhofamaniifi loltoonni waa'e dhiibbaa waraanichaa yoo dubbatan agarsiisuun sagantaaleen idilee yoo adda citan mul'isa.
Viidiyichis gara torbanoota sadiif qoodamaa kan ture yoo ta'u, marsariitii haakaroota maqaa-maleeyyii (Anonymous) kan hordooftoota miiliyoonota qabu irrattis gadhiifameera.
Kanaanis yeroo gabaabaa keessatti nammota miiliyoonotaan ilaalameera.

Taateen kunis mallattoowwan Anonymous kan qabu, haala diraamaatiin kan qophaa'efi kan salphaatti qoodamuudha. Akka haleellaa haakaroota odeeffannoo gara biraa adda baafachuuf cimaa miti.
Garee xixiqqoo Anonymous keessaa tokkos taatee haakii gochu (odeeffannoo butuu) kanaf itti gaafatamaa ta'uufi daqiiqawwan 12f tajaajilawwan TV to'achu akka danda'an dubbateera.
Namni jalqaba viidiyicha qoodes dhugaa ta'usaa mirkanneeffachuu danda'eera.
Elizaan Ameerikaa kan jiraattu yoo ta'u, abbaan ishee Raashiyaa jiraatanis yoo tamsaasni TV isaanii adda ciccituu isheef bilbila.
''Yoo taateen kun mudateetti abbaankoo naaf bilbilanii, 'Yaa Waaqaa, dhugaa nutti agarsiisaa jiru!' jedhan. Kanaafuu anis waraabachu danda'eera. Isaan boodas nan maxxanse. Innis hiriyyaansaa tokkoos arguu natti hime.''
Rostelecom dhaabbata Raashiyaa tajaajilawwan haaki taa'an bulchu yoo ta'u kanarratti yaada kennuu hin barbaadne.
Qaamooleen odeeffanoo butan kunneenis Puutiin namoota nagaa Yuukireen irratti haleellaa raawwataa jira jechuun ragaa dhiyeessan. ''Nagaa Yuukireen deebisuuf yoo homtu hin raawwatamne, haleellaa Kiremiiliin irratti raawwatamu ni cimsina,'' jechuu dhaadataniiru.
Gareen Anonymous kunis marsariitiiwwan Raashiyaa dogongorsuun alattis odeeffannoowwan mootummaas fudhadheera jedhe. Hojjattuun Dhaabbata nageenya saayibarii- Red Goat jedhamuu Liizaa Foorte akka jedhaniitti, ''haleellaawwan hanga ammaa taasifaman kan buu'aa buusu jedhamaniidha.''
Qaamoleen kunneenis haga ammaatti madda odeeffannoo sadarkaa olaanaan dhiphisaa haleellaa raawwachaa turan. Kana raawwachuun ammoo salphaa yoo ta'u, marsariitiiwwan yeroof tajaajilaan ala taasisa.
''Gochaan TV butuu garuu kalaqaa dinqisiisaasha. Cimaas natti fakkaata,'' jedhan.

Maqa-malleessi ykn Anonymous eenyu?
- Gareen roogeeyyii haakarootaa kunis yeroo jalqabaatiif kan ka'ee bara 2013 keessaa marsariitii 4chan jedhamu keessaa ture.
- Garichi hoggansa omaa kan hin qabne yoo ta'u, mallattoonsaaniis 'nuti baay'eedha'' kan jedhu.
- Namni kamuu qaama garichaati jechuufi kaayyoo barbaadan kamiifu odeeffannoo hatuu kan danda'u yoo ta'u, garuu ammoo waliigalatti isaan kan haleellaa irratti raawwatan dhaabbata aangoo haala malee fayyadameerratti.
- Mallattoon isaanis nama maaskii uffateedha.
- Gareen kunis fuulawwan miidiyaalee hawaasaa hedduu kan qabu yoo ta'u, tiwiitara qofaarratti hordooftoota miiliyoona 15.5 qaba.

Anonymous marsariitiiwwan Raashiyaa barbadeesseera. Forteen akka jedhaniitti kunis marsariitiiwwan to'achuun qabiyyeesaanii geeddaru hammata.
Hanga ammaattis haleellaawwan burjaajinaa fi salphina qaqqabsiisaniiru. Garuu ammoo ogeessoonni saayibarii roogeessummaa haakarootaa erga waraanaatii as dabalaa dhufeen baay'ee yaadda'u dubbatu.
Garichi akka tasaa neetworkii hospitaalootaa balleessuu ykn hidhatawwan komunikeeshiinii kompitarootaa murteessaa ta'anitti hidhata qaban adda kutuu danda'u jedhanii yaadda'u.
''Waan akka kanaa takkaa argee hin beeku,'' jetti Imilii Taayilar Barruu Imaammata Saayibarii irraa.
''Haleellaawwan balaa qaqabsiisuu danda'u. Haleellaawwan cimuus ni danda'u ykn namni tokko akka tasaa dhaabbata namoota nagaaf murteessaa ta'e irraan miidhaa qaqabsiisu danda'a,'' jechuun yaaddoo qabdu ibsiti.
Anonymous waggootaaf akka ammaatti si'oomee hin beeku. Roomaan lammii Yuukireen kan hojii kalaqa teknooloojii hojjatu yoo ta'u, hogganaa garee haakarootaa 'Stand For Ukraine' jedhamuuti. Hanga Raashiyaan biyyasaa weerartuutti Anonymous waliin hidhata omaatu hin qabu ture.
Inniifi gareensaas wayita marsariitii Eejansii oduu motummaa Raashiyaa -Tass jedhamu butaniitti, yeroo gabaabaaf ergaawwan farra Puutiin maxxansuufi aasxaa mallattoo gareesaan itti dabalu hima.
Romaan mana jireenyaasaa Kiviiv keessaa waraana Yuukireen deeggaruuf garee qindeessuun marsariitiiwwan, appiiwwan andiroid fi kkf uumuun yaalii lammiilee Yuukireen deeggaraa jiraachu dubbata.

Madda suuraa, Roman
"Yuukireeniif qawwee hidhachuuf qophaa'aadha. Ammaaf garuu karaa tekinooloojii kompitaraatiin bu'aa gaariin kenna. Kanaafuu teeknooloojii odeeffannoo kanatti fayyadamee haleellaa ittisuu qindeessuuf kompitaroota lammatti gargaaramuun mana keessan jira,'' jedha.
Garichi yeroo muraasaaf tajaajila tikkeettii baabuura Raashiyaa kan naannoo akka hatee ibsulleen BBCn garu madda walabaa irra hin mirkaneeffanne.
''Hanga si ykn firoota kee irratti yaaddoo uumuutti gochaawwan kunnen seeraan alaafi dongongora'' jechuunis sirrii miti jedhee falma.
Garee haakaroota biraan gama Poolaandii maqaa Squad 303 jedhuun moggaafamee ka'ees kan biraati. Moggaasni maqaasaas garee bara Waraana Addunyaa Lammaffaatti waraanaa Poolaandiitti beekameedha.
''Anonymous waliin yeroo hunda ni hojjanna. Amma akka miseensa garichaattiin of lakkaa'a'' kan jedhu ammoo garee moggaasa loltuu waraana addunyaa lammaffaa qabate kana.
Suuraan isaa akka bahu barbaaduu baatulleen miseensi garichaa kan biraa tokkoos, suuraa koffiiyyaafi maaskii Yuukireen fakkaatu ergeera. Haala keessa jiruus, ''guyyaa qawwee qabadhee oleen halkan ammoo garee Anonymous waliin maxxansaa bula'' jechuun ibse.
Garichi marsariitii hawaasni gara lakkoofsa bilbila Raashiyaatti ergaawwan dhugaa waa'ee waraanichaa akka ergan dandeessisu umeera. Kanaanis ergaawwan gabaabaa miiliyoona 20 ol fi ergaawwan WhatAspp akka ergamaniif mijeessineera jedhu.
Gareewwan lamaan kunneen akka jedhaniitti wal ta'uun hanaga ammaatti gumaacha heddu Yuukireeniif taasisan.
Gareen kunis gochaa seeraan alaa raawwachuu attamiin akka mirkaneessu gaafatamee, odeeffannoo dhunfaa kamuu akka hin hannee ykn akka hin qodne ibsuun odeeffannoodhaan waraana mo'achuuf Raashiyaatti dubbachuuf yaalaa jirra jedhe.
Guyyoota ittaananiittis hojii odeeffannoo haaki gochuu dhiibbaa olaanaa geessisan raawwachuuf karoorfataa jiraachu dubbatan.
Gareewwan Raashiyaatti argaman Yuukireen irratti haleellaa raawwataa kan jiran ta'ulleen haallisaan kan hir'ate fakkaata.
Ammajjii irraa kaasee Raashiyaarratti haleellaawwan qindaa'an sadi raawwatamaniiru. Sirnoota kompitara Yuukireen lakkoofsaa gadaanaa qaban irratti haleellaawwan cimaan ''wiper' sadii yaalameera.
Haleellaa guyyaa Roobii raawwatameen boodas viidiyoo Pireezidanti Zeleniskiin sobaan qindaa'ee buufata TV Yukireen 24 irratti mul'atee ture.












