Waraana Yukireen: Gaazexeessituun Raashiyaa waraana mormite adabamte

Gaazexeessituun Raashiyaa sagantaa oduu gidduu mormii waraanaa agarsiiste maallaqa biyyattii ruubilii 30,000 (birrii Itoophiyaa 13,000) adabamteetti.

Murtee kana har'a mana murtii erga dhihaatte booda itti murtaa'e.

Maarinaa Ovisyaanikovaan ''sagantaa eeyyama hin arganne qindeessuun'' himatamte.

Akka gabaasa RIA'tti Maarinaan seera mormii cabsiteetti.

Miidiyaan biraa Meduzaa jedhamummoo mormiif osoo hin taane viidiyoo mormii dura miidiyaa hawaasummaa gubbaa gadhiifteef adabbiin kuni irratti darbe.

Wiixata galgala ture dubartiin Raashiyaa kutaa oduu miidiyaa Chaanaal 1 jedhamuufi mootummaadhaan to’atamutti waraqaa waraana mormu qabattee seente.

Ergaan qabattes gaazexeessituu oduu dhiyeessitu duubaan ifatti mul’ata ture: ‘’Waraana dhiisaa, waraana dhaabaa, olola odeeffamu hin amaniinaa, warri asii isin sobaa jiru,’’ waan jedhutu irraa dubbifama ture.

Oduun Russian TV mootummaadhaan akkaan kan to’atamu yoo tahu, dhimma Yukireenitti tahaa jiruun dubbii gara Raashiyaatti luucca’e gabaasa.

Eegasii poolisiin to'atamtee guyyaa har'aa mana murtiitti dhihaatte.

Yeroo oduun dubbifamaa turetti,’’ Waraana dhaabaa! Waraana kana dhaabaa! Yeroo jettu dhagahama. Gidduutti garuu daarektarri sagantaa kallattii adda kutuun, gabaasa dursee waraabame qophaa'etti dabarse.

Otoo oduun kallattiin darbuu mormii dhageessisuun dura, viidiyoo waraabdeen haala Yukreenitti geggeeffamaa jiru ‘’yakka’’ jechuun waamteetti. Olola mootummaa Kireemliiniidhaaf hojjechuu isheetti akka qaanoftu himteetti.

‘’Kara foddaa televizyiniidhaan soba himuu kootiin nan qaana’a. Raashiyaan namoota ‘du’aa’ tahanitti akka geeddaramtu eeyyamuu kootti nan qaana’a,’’ jechuun ibsiti.

Uummatni Raashiyaa waraana kana akka mormu gaafatte. ‘’Maraatummaa kana,’’ isin qofatu dhaabsisaa jette.

Battala kanaan booda eeyummaan Aadde Ovsiiyaaniikoovaa beekame. Fuula Feesbuukii isheerratti afaanota Yukireen, Raashiyaa fi Ingiliiziin gochaa isheef yaadota galateeffannaa argatteetti.

Televizyinii mootummaan to’atamu

Televizyiniin Raashiyaa Kireemliiniidhaan kan to’atamu yoo tahu, ilaalchi yaada mootummaan ala jiru yeroo baayyee hin dhiyaatu.

Haa tahu malee erga weerara Yukreenii seerri haaraan beeksifameera. Kuni immoo cirumasaa dirree miidiyaa ni hammeesse. Seerri jalqaba baatii kanaatti ragga’e gochaa waraana biyyattii ‘’weerara’’ jechuun waamuufi waa’eesaa oduu ‘sobaa’ tamsaasuun dhorkaadha jedha.

Miidiyaan Raashiyaa mootummaan to’atamu waraana kana ‘’oppireeshinii waraanaa addaa,’’ jechuun waamuun Yukreen akka weerartuutti kaa'a.

Miidiyaaleen dhuunfaa baayyee dhiibbaa mootummaa irraan kan ka’e tamsaasaafi maxxansa dhaabaniiru.

Gaazexoonni muraasa kanneen akka Novaayaa Gaazetaa gulaala oduu mootummaa jalatti otoo hin kufiin haala Yukreen keessa jiru gabaasuuf yaalaa jiru.

Raashiyaa keessatti oduu BBC argachuunis akkasuma daangeffameera.