Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Itoophiyaa keessaa dheerinaan anatu tokkoffaadha' - Birihee Gaashuu
BBC dhiyeenyatti dargaggoo akkaan dheeraa Nagawoo Jimaa dubbisee ture. Har’ammoo waa’ee nama dheeraa biraa Birihee Gaashuu jedhamuu isinitti himna.
Nagawoon dargaggeessa ganna 24 yoo ta'u, godina Shawaa Bahaa magaalaa Maqii jiraata. Biriheen immoo umuriin isaa ganna 38, kan jiraatu naannoo Amaaraa Godina addaa sab-lammii Awwii, Aanaa Faagitaa Lakomaa ganda Annigaraf jedhamtu keessa.
Nagawoon kophee lakkoofsa 54 keewwata, Biriheen garuu erga dhalatee kophee keewwatee hin beeku.
Dheerinni Nagawoo meetira 2.25 yoo ta’u, Biriheen immoo meetira 2.50 dheerata. 'Itoophiyaa keessaa dheerinaan anatu tokkoffaadha' jedha.
Biriheen eenyu?
Ijoollummaa isaatti hiriyoota isaarra adda hin turre. Birihee dheerachaa jiraachuu kan hubate wayita umuriin isaa ganna jaha ture.
Sana booda namoonni maqaa isaatiin waamu dhiisaanii 'Zaafuu' gariin ammoo 'Zigbaawu' jedhanii waamu. Innis dheerinni isaa hawaasa naannoorraa adda ta’uu hubataa adeeme.
"Akka nama farda yaabbateettiin namoota asii gadi ilaala’’ jedhe. Adeemsa keessa rakkootu isa mudate. Hojii hojjachuu hin danda’u. Qotuuf ni rakkata, gindiifi wanjoon sangootaaf mijatu Birihee guggufsisee dugda isa kutuuf ka’a.
Dheerina isaaf akka mijatutti meeshaleen qonnaa yoo hojjatame immoo sangootaaf mijachuu didee, sangoota sochii dhorke.
Kana qofaa miti, uffata dheerina isaaf gahu waan hin arganneef wayita hodhiisiifatu hawaasa naannoo caala qarshii gudda kaffala.
"Maallaqan baasa malee uffata namni lama uffatu ogeeyyiin uffata hodhan inuma naaf hodhu," jedhe. Yeroo tokkichatti hanga birrii 1,500’n kaffala, kaffaltii nama lamaaf ta’un baasa," jedhe.
Erga dhalatee kophee hidhatee hin beeku. Lakkoofsi kophee isaaf ta’u meeqa akka ta’es hin beeku.
"Kophee sababan hin keewwanneef, dheerina miila kootii waliin kophee wal-simu waan hin arganneefi," jedha.
"Lakkoofsa kophee naaf ta’u hin beeku, hidhadhees hin beeku. Takkaa kophee hidhadhee hin beeku, sababa kanaaf miilli na babbaqaqeera" jedhe.
Dheerinni isaa m2.5 ta’uu irra deddeebiin safaramee mirkaneeffateera.
"Dheerinni kee akka hiriyootakeetii otoo ta’ee namni xiyyeefatee si hin hubatu ture," jedhanii maatiin isaa deddeebi’anii itti himaa akka turan dubbata.
Yookin dorgomee ‘waan adda ta’e’ argachuun akka irra ture itti himaa turan.
Kanarraa ka’uun "waa lama dhabduu" kan jedhamuuf. Maatiin isaa hiyyeeyyii akka turan dubbata.
Umuriin isaa ganna 9 yeroo ture irraa kaasee mana nama biraatti guddate.
"Daa’ima wayitan turetti haadhaf abbaa koon gargaara jedheen yaade malee, akkanattiin burjaaja’a jedhee yaadee hin beeku. Amma nan gadda, otoon baradhee, ofiif maatiikoon gargaara ture," jedha.
BBC: Otoon dheerachuu baadhee jettee yaaddee beektaa?
Birihee: Eeyyee
BBC: Yoom akkas jette?
Birihee: Yeroo lama kufeen caccabe, otoon dheerachuu baadhee, akkuma namaa kaaniittin kufee ka’a ture. Namoonni baay'een wayita kufanii otoo hin cabiin ka’aniin arga.
Yeroo tokko harka koo mirgaa yeroo biraammoo gateetti koo bitaatu na cabe. Sababa kanaafin Fulbaana kana dheerina kootti gadde.
Lammaffaammoo, otoon hojjachuu danda’ee, hawaaasni naannoo yeroo midhaan haamuufi animmoo akkasaanitti hojjachuu dadhabuu yoon yaadu nan gadda.
BBC: Yeroon ati bagan dheeradhe jettehoo jiraa?
Birihee: Yeroo tokko tokko waan namoonni kaan hin qaqqabne yeroon gadi fuudhu nan gammada.
Waan gara gadi jiru kaasutu na rakkisa malee waanti irra keessa jiru natti dhiyaata, kanaaf na gammachiisa. Af-gaaffiin yeroo naaf taasifamaa jiru kanatti dheerinni koo kan namoota kaniirra waan caalufi mitii? jedheen yaada, abdii qaba natti fakkaata.
Biriheen qonna fi haamaa hin danda’u. Taatullee qonnaan bulaadha. Haati warraa isaa hojii hundumaa ni hojjatti. Ollaanis qonnarratti isa gargaaru.
"Hawaasni naannoo hundi mootummaan otoo si gargaare naan jedhu. Qonnaaf haamaarratti na gargaaru, hojii misoomaa fi eegumsarrattis bakkakoo bu'anii naaf hojjetu," jedha.
Manni jireenyaa isaa akkuma kan hawaasa naannootti hojjatame. Balballi isaas walfakkaatadha. Yeroo bahuuf galuu gadi guggufa.
"Sireerra yoon ciisu qaamnikoo gartokkeen sireerra darba. Waan sanarratti ammoo meeshaan lamaan wal argannaan dhibiin hin jiru, [kolfa]."
Biriheen warroomeera. Dubartiin ilma hangafaa deesseef sin barbaadu jettee hiikte. Sana boodas irra deddeebiin nama biraa kaadhimmate, isaaniis sin barbaannu jedhaniin.
Haadha warraa isaa ishee waliin jiraataa jiru waliin ijoollee sadii horataniiru. Biriheen abbaa durba tokkoo fi ijoollee afuriiti.
‘’Dheeraadha hojjatee nun sooru, isaan kan immoo namoonni namticha dheeraa kana argitanii jedhanii waan kolfaniifi itti qoosaniif akka badiitti lakkaa’aniitu,’’ jedhe kan warri kaadhimmate isa didan.
‘’Haati warraan koo isheen waliin jiraadhu haamaan yeroo itti baay'atu, hojiin yeroo itti baay'atu darbite darbitee dheerachuu keetiin ana rakkiftee atis rakkatte, jettee yeroo gadditu jira, kanarra kan darbe wal jaalanna," jedha.
Akka Biriheetti namni dheeraan maatii isaa keessa hin jiru. "Dhaabadhee waan namooni kaan hin argineen arga," jedha.
Intalli isaa durbaa dheertu ta’uu ishee tilmaama Biriheen.
"Intallikoo akka kootti dheertu yoo ta’uu baattellee ni dheeratti. Umuriin ishee ganna 10 buusaafi quba ishee yeroon ilaalu dheertu natti fakkaatti. Firoottan koo kanneen biroo yeroon ilaalu akka kootti dheerachuun hafee, gartokkee kiyyallee hin ta’an," jedha.
"Ijoolleen koo kaan daa’imman waan ta’aniif, dheerachuufi gabaabbaachuu koo hin hubatan, garuu baay'ee na jaalatu. Daqiiqaa muraasaaf isaanirraa fagaadhee yeroon deebi’u dhufe jedhanitu gammadu," jedhe.
Mudannnoo Birihee
"Dubartiin tokko gabaa keessatti miila na qimmiidde. Garagalee yeroon ilaalu, namtichoo edaa sitti dhaga’amaa? naan jette, kana fa’aa yeroon ilaalu nan kolfa."
"Amala bareedan qaba. Dheerina kana waliin otoon hamaa ta’ee namatu jeeqama," jedha.
Yeroo tokko hojii barbaacha Finfinnee dhaqe. Mana inni keessa boqote namoonni marsanii turan. Namoonni isa ilaaluuf jecha walitti qabaman.
Gara boodarra poolisotatti bilbilame jennaan poolisoonni namoota bittimsuu hime. Hojii argatees guyyoota muraasa caala hin hojjanne. Gara iddoo dhalootaa isaatti deebi’e.
Rakkoon isa mudate kan biraan immoo geejjiba. Konkolaataa keessa qarqara taa’a, iddoo kaan taa’uuf ni rakkata.
"Gargaaraan konkolaachistootaa iddoo namoota lamaa waan qabattuuf gatii geejjiba nama lamaa kaffaluutu sirra ture naan jedhu."
Dhiyeenyattii Pireezidantiin naannoo Amaaraa Dr Yiliqaal gara Annigaraf dhaqanii turan. Keessummoonni hedduunis isaan waliin turan. Biriheenis affeeramee pireezidantii naannichaa waliin wal argee suuraa waliin ka’eera.
Biriheen nama ganna 38 yoo ta’u dheerinni isaa kana caala waan dabalu hin fakkaatu.
Gara fuulduraatti dheerina isaatiin dorgomuu barbaada. "Fuulduratti dorgomee injifachuun barbaada. Itoophiyaatti dorgomee tokkoffaa bahuun qaba. Ammas tokkoffaadha. Dorgomee injifachuun qaba kan jedhu karoorri koo."
Dheerina isaatiin beekamuu barbaada.
Biriheen "uffannaa guutuufi kophee argachuun barbaada," jedhe. Kana malees, mindaa dhaabbiin argatee ijoollee isaa deeggaruu barbaada. Dheerina isaarraan kan ka’e dhukkubsate hin beeku.
Biriheen namoota kaanirraa haala adda ta’een akka hin soorannellee kaaseera.