Dargaggoo Oromoo meetira 2.25 dheeratu Nagawoo Jimaan walbaraa

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa magaalaa Maqiitti dhalatee kan guddatee fi ammas achuman kan jiraatu Nagawoo Jimaa, sababa dheerina hojjaasaa rakkoo hawaasummaaf saaxilamuu hima.

Dargaggeessi umurii waggaa 24 kun hojjaansaa meetira 2.25 ta'uufi ammallee dabalaa deemaa jiraachuu dubbata.

Kanarraa kan ka'e uffataafi kophee argachuuf akka rakkatu akkasumas geejjibaan imaluuf baasii dachaaf saaxilamaa akka jiru hima.

Dargaggoon kun yeroo of danda'ee jiraachuu qabutti sababa hojjaasaa hojii hojjechuu dadhabuun harka namaa eeggatee jiraachuuf dirqamuu turtii addatti BBC waliin taasiseen ibseera.

Turtiin dargaggoo Nagawoo Jimaa waliin taasisne akkanatti dhiyaata. Ijoollummaasaa akkuma nama kaanii maatii gargaaraa barnootasaa hordofaa guddate.

Mana barumsaatti maaltu ture?

ALI bara 1998 barnoota eegaluu kan hime Jimaa Nagawoo, ''Yeroon barnoota jalqabu hojjaan kiyya hagas mara hinturre,'' jedhe.

''Garuu dhawaatumaan ijoollee hiriyoota koo biraa baayyeen dheerachaa dhufe.

Yeroo jalqabaaf dheerachuu kanan bare bara 2005 irraa eegaleeti, baroota lamaan sadan itti aanan hojjaan koo baayyee dabale. Bara 2005 keessa hojjaan kiyya meetira 1.8 caalee argame.''

Dargaggoo Nagawoo Jimaa akkuma umriin isaa dabaluun hojjaan isaallee dabalaa deemuu hima.

''Yeroo ammaa umriin kiyya 24 yoo ta'u dheerinni kiyyammoo meetira 2.25 ta'eera. Erga hojjaan kiyya kan hiriyoota kiyyaa caaluu baree guyyaa guyyaan inuman of safara. Dheerinni kiyya umuriima kiyya waliin dabalaa jira.''

Ilaalcha namootaa…

Akka dargaggoo Nagawoo Jimaa jedhutti jalqabuma wayita hojjaansaa namoota kaanirraa adda ta'ee mul'achuu jalqabetti xiyyeeffannoo namootaa keessa gale.

''Wayita hojjaan kiyya adda ta'ee mul'achuu eegalu ijji namaallee narra buufate. Sababa kanaaf anillee waggoota muraasaaf saalfii keessan ture,'' jechuun dhiibbaa dheerinni kun irraan ga'e hima.

Bakka namni jirufaa dheessee kophaa filachaa akka ture kan himu Nagawoon, irra caalaa jechi namootaa akka isa miidhe hima.

''Jechoonni namoonni naan jechaa turan akkan gadi ba'ee hiriyoota koo waliin hin oolle akkasumas hawaasa keessa akkan hin deemne na dirqamsiisan.''

Ilaalchi mana barumsaatti tures akkanuma na miidheera kan jedhu dargaggoon kun, boodarra dhukkubsatee kutaa saddeetitti barnootasaa adda kutuuf akka dirqame hima.

Dhibee sammuufi deemsa dadhabuu

Dargaggoo Jimaa Nagawoo ALI 2008 osooma mana barumsaa keessa jiruu sammuusaa keessatti waa biqiluun dhibeen dhukkubbii iitaa isa mudachuu hima.

''Dhibeen sun akka malee na miidhee deemsallee waan na dhorkeef bara 2010 mana yaalaa deemeen waggaa lamaaf yaalamaa ture.''

Hospitaala seenuusaa dura wagga lamaaf dhukkubsataa akka ture kan himu dargaggoon kun barnootasaa akka adda kutu kan dirqamsiise dhibee kana malee hojjaasaa akka hin taane hime.

''Deemsan dadhabe, ulee qabadheen deemuu eegale. Inumaa ulee qabadheelleen sadarkaan deemuu dadhaberran ga'e,'' jechuun mana barumsaa dhiisee manatti galuuf akka dirqame himeera.

Hakiimonni hospitaalaa dhibeen sammuu kiyya mudate hidda miilla kiyyaarratti dhiibbaa uumuu natti himuurraan kan hafe sababa hojjaa kiyyaa kun na mudachuu natti hin himne.

Ergan waggaa lama turee hospitaala Xiqur Anbassaatii ba'ee amma fayyeera, deemsallee nan danda'a jedhe dargaggoo Nagawoo Jimaa.

Miirri jijjiirame jiraa?

Wayita hojjaansaa dheerachuu jalqabe namootaan waldhabuu fi aaruun akka ture kan himu Nagawoon, amma sun geeddarameera jedhe.

''Ergan hospitalatti yaalamee ba'ee as kanan duraan saalfachaa turee na dhiiseera, ofitti amanamummaa horadheera. Bakka namoonni jiran dheessuu fi saalfachuu dhiiseera,'' jedhe.

Nagawoon dabaluun jijjiirama amalaa ofirratti arge wayita ibsu,'' jalqaba wayitan dheerachuu jalqabe nama loluu, aaruu fi jeequun narratti mul'ataa ture. Amma ergan itti baraa dhufee jiruu tasgabbaa'aa jiraachuu jalqabeera,'' jedhe.

Qormaata mudate...

Dargaggoo Nagawoo Jimaa sababa dheerinasaa rakkoon hawaasummaa hedduun isa mudachuu hime.

''Sababa hojjaan kiyya humnaa ol ta'eef hojii hojjechuu hin danda'u. Hunda caalaa ammoo uffataa fi kophee argachuu hin danda'u.''

''Uffatallee safaradheen hodhisiifadha, kophee garuu biyya keessaa hin argadhu. Lakkoofsi kiyya 54 waan ta'eef biyya alaatii malee hin argadhu,'' jedha dargaggoon kun.

Sababa hojii hojjechuu hin dandeenyeef maatiirratti hirkatee jiraachuu kan himu Nagawoo Jimaa, sanarratti dabalataan uffataa fi tajaajila geejjibaa akkasumas kaan argachuuf baasii namni tokko baasu irra dachaan akka kaffalu hima.

''Uffata wayitan hodhiifadhu dachaa kaffaleen hodhisiifadha. Qomees darbee darbee malee hin argadhu. Suuqii deemee kopheen barbaade filadhee bitachuu hin danda'u. Maallaqa guddaa dhaanin alaa argadha. Konkolaataas bakka nama lamaa qabadheen imala waan ta'eef dachaan kaffala.''

Gama beekamtiin…

Namoonni dhuunfaa tokko karaa uffataa fi kophee kan na gargaaran jiru kan jedhu Nagawoo Jimaa, ''garuu qaamni mootummaa yookiin jaarmiyaan wayiitu kann na dubbise hin jiru,'' jedhe.

''Wayitan Finfinnee ture namoonni waa'ee hojjaa kiyyaa ajaayibsiifatanii na gaafachaa turan. An nama hojjaa dheeraa hedduu argeera, garuu nama na caalu tokkoyyuu hin argine.''

''Nama Itoophiyaa keessatti hojjaa dheeraa qaba jedhamu Asraat nama jedhamu ta'uu bareera, gaaffii fi deebii inni taasisellee argeera.

Inni meetira 2.22 akka dheeratu himata. Kiyyammoo meetira 2.25, ammallee hojjaan kiyya dheerataa deema.''

Karoora akkamiii qaba?

Karoorri isaa ijoon barnoota xumuruu ta'uu kan hime dargaggoon kun, yeroo ammaa barnootasaa kutaa saddeetitti adda kutetti deebi'uun sagantaa galgalaan barachaa akka jiru hime.

''Barnoota kiyya cinatti osoon beekamtii argadhee aadaa fi tuurizimii keessa seenee hojjedhee fedhiin qaba.''

''Namoonni hojjaa kiyyatti fayyadamee beeksisafaa akkan hojjedhu na jajjabeessu, garuu hanga ammaatti qaamni ha hojjeciisuuf yaale hin jiru, carraa akkasii osoon argadhee nan fedha.''

Obboloota dubaraa shan fi dhiira afur qabaachuu kan himu dargaggoo Nagawoo Jimaa, ''Isaan hunduu hojjaansaanii dhedheeroo miti. Maatii kiyya keessallee namni akka kiyya dheeratu hin jiru,'' jedha.