Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Waraana Kaaba Itoophiyaan Amaaraafi Affaaritti yoo xiqqaate namootni siiviilii 700 ol ajjeefamaniiru’- KMNI
Waraana Kaaba Itoophiyaatti tureen walqabatee naannolee Amaaraafi Affaar keessatti lammiileen nagaa 700 ol ajjeefamuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa qorannoo har'a baaseen himeera.
Komishinichi gabaasa sarbamawwan mirgoota namoomaa waraana Kaaba Itoophiyaan walqabatee naannoolee Amaaraafi Affaar keessatti raawwatamaniiru jedhe dhiyeesseera.
Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Dr. Daani'el Baqqala, Fulbaanaa hanga Mudde bara 2014tti qorannoo bal'aa ji'oota afuriif ture taasisuu himan.
Naannoolee Amaaraafii Affaariin dabalataan komishinichi haleellaa qilleensarraa naannoo Tigraay godina Kibba Bahaa aanaa Indartaa keessatti raawwatame irrattis qorannoo adeemsisuu isaa himameera.
Qaamoleen waraana naannolee lamaan keessa turerratti hirmaachaa turanis, "humnootii Tigraayfi milishoota isaan walin hidhata qaban, Waraana Bilisummaa Oromoo (kan mootummaan Shanee jechuun waamu), Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa, humnootii nageenyaa naannolee Amaaraafii Affaar, akkasumas milishootni isaanin hidhata qaban hirmaachuu isaanii komishinarichi himaniiru.
Ajjeechaa namoota siiviilii…
Naannolee Amaaraafi Affaar keessatti lammiilee nagaa ta'e jedhamee karaa seeraan alaatiin ajjeefamaniin alatti yoo xiqqaate namootni nagaa 403 waqtii waraanaatti ajjeefamuu Komishinarri Olaanaan Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Dr. Daani'el Baqqala himaniiru.
Dabalataan "namootni siiviilii 309 immoo miidhaa qaamaa salphaafii cimaaf saaxilamaniiru" jedhan.
"Qaamoleen waraanicharratti hirmaatan namoota siiviilii akka dawootti fayyadamuun manneen jireenyaafii magaalota keessatti waraana adeemsisuun namoota siiviilii irratti duuti, miidhaan qaamaafii mancaatiin qabeenyaa akka qaqqabu taasisaniiru" jedha gabaasni KMNI.
Gama biraatiin naannoolee Amaaraafii Affaar komishinichi qorannoo itti taasisetti lammiileen waraannicha keessattti hirmaachaa hin turre qaamolee waraannicharratti hirmaataniin adda durumaan immoo humnootii Tigraayin yoo xiqqaate namootni siiviiliin 346 karaa seeraan alaatin ajjeefamuu komishinichi himeera.
Akka fakkeenyaattis Hagayya 24 - 29 bara 2013tti humnootiin Tigraay naannoo Amaaraa godina Kaaba Walloo aanaa Daabaat keessatti namoota siiviilii yoo xiqqaate namoota 47 ajjeesuu isaanii gabaasni KMNI agarsiisa.
"Gama biraatiin loltootni Raayyaa Ittisaa ji'a Mudde 2014 naannoo Amaaraa godina bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Dawwaa Caffaa iddoo addaa Intolii jedhamutti namoota lakkoofsi isaanii 30tti siiqu jumlaan rasaasaan dhahanii ajjeesaniiru" jedheera komishinichi.
Haleellaawwan saalaafii sarbamawwan mirgoota namoomaa biroo…
"Humnootiin Tigraay wayita iddoowwan naannolee Amaaraafii Affaar keessatti argaman to'atanii turanitti dubartoota, dubartoota daa'immanfii dubartoota maanguddoo ta'an irratti haleellaa dirqisiisanii gudeeduu bal'aa, hammeenyaan guutamefii malaan raawwatame dhuunfaafii gareen raawwataniiru" jedha gabaasni KMNI.
Dabalataan "hidhattootni ABO Shanee naannoo Amaaraa magaala Kamisee keessatti haleellaa dirqisiisanii gudeeduu raawwataniiru" jedheera.
Haleellaawwan saalaa humnootii Tigraayin naannolee Amaaraafii Affaar keessatti raawwataman kabaja namoomaa miidhamtootaafii kutaalee hawaasaa haleellichi akeeke miidhuuf kan raawwataman akka ta'es gabaasni KMNI hima.
Kanaafis humnootiin Tigraay haleellaa saalaa dubartoota irratti raawwatan kaayyoo waraanaaf akka oolchan gabaasichi himeera.
"Sarbamni mirgoota namoomaa kunneenis dirree waraanaa keessatti kan raawwataman ta'usaaniitin yakka waraanaa ta'uu kan danda'anidha" jedheera Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.
Dabalataan komishinichi humnootiin Tigraay naannolee Amaaraafii Affaar to'atanii turan keessaa qabeenya dhaabbilee mootummaafii tajaajila ummataa kunneen akka dhaabilee fayyaafii manneen barnootaa keessaa saamicha bal'aa raawwachuu isaanii himeera.
"Dabalataan iddoowwan tokko tokkotti diigamuu seerafii sirnaa hordofee jiraattootni naannoos gochaa saamichaa irratti hirmaataniiru" jedheera.
Yaada Komishinichaa…
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qaamoleen waraannicharratti hirmaatan sarbama mirgoota namoomaa miseensotni isaanii raawwataniif itti gaafatama akka fudhatanfii haalduree tokko malee dhukaasa dhaabuun waraanichaaf furmaata karaa nagaa akka barbaadan dhaamera.
Kunneen haleellaa saalaa raawwatan dabalatee namootnifii gareeleen sarbama mirgoota namoomaafi namummaa raawwatan seeraan akka gaafatamaniif adeemsi qorannoo yakkaafii himannaa wallaba, amanamaafii ulaagaa mirgoota namoomaa guutu hatattamaan akka eegalus gaafateera.
Hojiin namootafii iddoowwan waraannichaan miidhaman deebisanii dhaabuu xiyyeeffannoo addaatin akka hojjetamus komishinichi gaafateera.