Raashiyaa-Yukireen: Miidhaa Nuukileerri fidu maali?

    • Barreessaa, Gordon Koreraa
    • Gahee, Gabaasaa dhimma nageenyaa, BBC News

Putin Dilbata darbe humna waaraana isaani cimaa jedhamu meeshaalee nuukileeraatii hanga ''humna ergama addaa raawwatuutti'' akka qophaa'an ajaja dabarsan.

Garuu kana jechuun dhugumati maal jechuudha?

Xinxaltootni Lixaa maal jechuu akka barbaade guutummmaatti ifa miti jedhan. Qondaalonni UK dubbii Putin dubbate sadarkaa qophii meeshaalee nuukileeraa Raashiyaa waliin wal hin gitu jedhan.

Gariin isaanii Putin qophii gadi bu'aa duraan ture ''isa dhaabbataa'' irraa gara sadarkaa qophii itti aanuu ''isa ol ka'aatti'' [balaa waraanaa qabuutti] akka ce'aniif ajaje garuu ammas kun amansiisaa miti jedhu.

Kaan ammoo mallattoo isaa uummatatti beeksisumaaf malee meeshaalee waraanaa kanneen fayyadamuuf miti, sababni isaa yoo nuukileera fayyadamu biyyoota Lixaa irraa haleellaan deebii akka isa mudatu beeka jedhu.

Kana jechuun miidhaa hin qabu jechuu miti. Haalichi itti dhiyeenyaan hordofamaa jira.

Akeekkachiisa haaraadhaa?

Torban darbe Putin irra caalaa dubbii mallattoon guutameen yoo biyyootni kaan karoora Raashiyaa galan ''miidhaa kana dura arganii hin beeknetu isaan eeggata" jechuun akeekkachiisan.

Kun irra caalaan isaa humni NATO waraanaan akka gidduu hin seenne akeekkachiisuuf kana dubbate jedhan.

NATOn yeroo kamiyyuu akka kana hin raawwanne ifa godheera. Sababni isaa ammoo Raashiyaa waliin gara waraanaatti galchuun nuukilera fayyadamuu akka fidu waan beekuuf.

Akeekkachiisni Dilbata darbee garuu ifatti kan dubbatamee fi uummataafis ibsamedha.

Maaliif akeekkachiisni haaraan barbaachise?

Putin sochiin kun deebii ''ibsa hammaataa'' kennameeti jedhan. Gaafa Wiixata Kireemliin tarkaanfiin kun deebii ibsa biyyootni Lixaa, dubbii Ministira Dhimma Alaa UK, Liiz Tiraas dabalatee kaanis NATO waliinis tahu waraanni jiraachuu akka malu himaniiti jette.

Qondaalonni biyyoota Llixaa akka jedhanitti, akeekkachiisa haaraa kana kan dabarse Putin dhimma Yukireen irratti herrega dogogoraa hojjeteeti jedhan.

Dirree waraanaa Yukireen irratti diddaan hamma kana na mudata jedhee hin eegne ture. Qoqqobbii jajjabaa akkasii Raashiyaa irratti dabarsuuf biyyootni Lixaa hamma kana tokkummaan dhaabbatu jedhees hin eegne.

Kun ammoo akka filannoo haaraa isa haftee fi marii cimaa tokko ilaalu isa gooteetti.

"Kun mallattoo aarii, gaddaa fi rifachuu'' akka tahe jeneraalli waraanaa UK soorama bahan tokko himan.

UNtti Ambaasadara US kan taate Liindaa Toomaas Giriinfiildi dubbiin Puutin waraanni Yuukireen sirrii tahuu ittiin amansiisuuf kan fayyadamaa jirudha. Kun weerara osoo hin taane sodaa jala galuun ofirraa ittisuuf tarkaanfii fudhataa jiru fakkeessuun himata jette.

Haala kanaan qophiin nuukileeraa ammoo ergicha uummata isaaf cimsuuf kan itti fayyadamaa jirudha. Kan biraan ammoo isa biyyootni Lixaa meeshaa waraanaa Yukireeniif dhiyeessan baay'ee sodaateera. Kanaaf akak dhaabaniif akeekkachisuuf jechadha jette.

Kan biraan ammooo qoqqobbii irrati darbeen akkaan yaaddaheera, kunis biyya keessatti hookkara kaasuun akka inni aangoo irraa ka'u gochuu danda'a jedhee sodaachuunidha.

Garuu ergaan isaa kallattiin NATO'f yoo tahu kallattiin yoo waraanicha keessa gale haalici jijjiramuu akka malu himuuf.

Miidhaa akkamii qabaata?

Dubbiin Putin kun akeekkachiisuuf malee amma meeshaa nuukileeraa kana fayyadamuuf miti, garuu yeroo hundumaa qaamni tokko herrega dogogoraa hojjetee itti seennaan haalotni harka namaa irraa bahuu danda'u.

Yaaddoon jiru Putin qofaatti hafeera, gorsitoota isaa muraasatu dhugaa saa itti himuuf fedha qaba.Gariin ammoo murtoon isaa wal fakkaataa miti jedhanii sodaatu.

Gariin ammoo yoo inni kanarra baay'ee kan deemu tahe kan gara jalaa jiran ajaja isaa fudhachuu dhiisuu malu jedhama.

Miidhaan walitti bu'insa nuukileeraa suutaan ol ka'uu danda'a, amma garuu xiqqaadha.

Warri Lixaa akkamiin qophaa'an?

Hanga ammaatti mootummootni lixaa haalicha kana caalaa hammeessuu irra jechuun of qusataa jiru.

Humni waraanaa US, qophii ittisaa guddaa 'Defcon'' jedhu irra jira. Barressituun Waayit Haawus amma qophii addaa nuukileeraa isaanii ''sababni itti jijjiiru hin jiru'' jette.

UK'n ammoo humna waraanaa galaanaa keessaa meeshaa nuukileeraa kan hidhatan qaba. Waanti jiru dubbii Raashiyaa kanas dhugumatti fudhatanii dubbii hammeessanii Raashiyaan akka gara tarkaanfiitti galtu gochuurra haalicha tasgabbeessuutti xiyyeeffatan.

Kun wal dhabdee dhimma nuukileeraa miti; sanas tahuu hin danda'u qondaalota biyyoota Lixaa.

Warri Lixaa waan Raashiyaan gochaa jirtu beekuu?

umni Ittisaa UK, Been Waalaac BBCtti akka himanitti meeshaalee nuukileeraa Raashiyaa irratti homaa jijjiirama hin argine. Itti dhiyeenyaan hordofamaa jiraachuu maddeen basaasaa himaniiru.

Yeroo Waraana Ololaa biyyoota Lixaa keessatti maashinootni Nuukileera Raashiyaa basaasuuf oolan heduun kalaqamaniiru. Satalaayitii, meeshaalee quunnamtii cabsanii galanii fi kaan xiinxalamuun sochiin jiru jijjiiramuuf dhabii ilaalamaa jira. Meeshaalee waraanaa nuukilera qopheessuu, garee boombicha dhukaasa qopheessuu fa'a jiraanaan meeshaaleen kunneen akeekkachiisa kennu.

Baay'een isaa akkuma duraatti kan jiru tahee warri Lixaa haala Raashiyaa kana itti dhiyeenyaan hordofaa jiru. Ammatti mallattoon mul'ateerus hin jiru.