Odola Zimiinyi'tti loltootni Yukireen gootummaan dhumuun gabaafame 'lubbuun jiru' jedhame

Egdoonni daangaa Yukireen kan odola xiqqashuu Zimiinyi jedhamtu dabarsinee hin laannu jechuun ajjeefaman jedhu sirrii akka hin taaneefi hunduu lubbuun jiraachuu mootummaan Yukireen beeksise.

Guyyoota jalqabaa loltootni Raashiyaa Yukireeniin weeraranitti dubbiin odola xiqqashuu harka Yukireen jirtu Zimiinyi ykn Odola Bofaa jedhamtu dubbii ijoo miidiyaalee addunyaa taatee ture.

Mootummaan Yukireen loltoota 13 odola xiqqashuu kana eegaa turan harka loltoota Raashiyaatti hin laannu jedhanii boombiin dhumuu beeksisuun galateeffachuuf akka jiru hime.

Yukireen odolawwan qabdu keessa odolli Zimiinyi(odola bofaa) odola xiqqashuu yeroo taatu, Raashiyaan Yuukireen irratti weerara erga raawwattee humnootni Raashiyaa lafa to'atan keessaa tokko.

Yukireen loltootni 13 odola sanirraa qabdu hundi harka keenya hin laannu jedhanii gootummaan boombiin dhumuu gabaaste.

Aarsaa birmadummaa biyya isaaniif kaffalaniifis erga namni du'ee kabaja isa guddaa akka biyyaatti kennamu ni kanninaafis jdhe mootummaan Kiyeev jiru.

Dubbiin loltoota kanaa erga assunyaa waliin gahee booda amma mootummaan Yukireen yaada warri Raashiyaa durumaa jechaa turan dhugaa ta'auu ''lakki loltootni kun lubbuun jiru'' gabaasa jedhu baaseera.

Amma humna galaanaa Yukireentu ''obboloonni keenya loltoota ta'an lubbuun, nagaadhaan jiru'' jedhe.

Humni Galaanaa Yukireen ibsa baase keessatti miseensonni humna galaanaafi eegdonni daangaa gootummaa isaanii dabaluun humnoota Raashiyaa lafa to'achuu dhufan faccisaniiru. Booda garuu rasaasa waan fixaniif loluu itti fufuu hin dandeenye'' jedha.

Raashiyaan dhimma kana ilaalchisee deebii kenniteen humnootni Yukireen daangaa eegaa turan hunduu nagaan harka kennataniiru kan ajjeefame hin jiru jettee ture.

Odola Zmiinyi irratti wanti ta'e maali?

Humnoonni galaanaa Raashiyaa odolittii gahanii harka kennadhaa jedhanii ergaa yoo dabarsan loltootni kun sagalee tokkon abadan jedhanii jedha mootummaan Yukireen.

Ergasii humna galaanaafi qilleensaan boombii itti dhukaafameen dhumanii jedha mootumman.

Raashiyaan gama isheen wanti Yuukireen jettu dhugaa miti jechuun loltootni hundi harka kennatanii jiru, hin ajjeefamnee jetti.

Odeeffannoo kana ilaalchisee qaamni walaba ta'e mirkaneeffateeru hin jiru.

Odolli xiqqashuun kun galaana gurraacha(Black Sea) irratti naannoo Odeessaa jedhamurraa fageenya km 142 irratti argamti.

Sagalee waraabame kan mootummaan Yukireen gadhiise irratti loltootni dhumaniiru jedhaman kun humna galaanaa Raashiyaa waliin yoo dudubbatan ni dhagaahama ture.

''Kuni humna galaanaa Raashiyaati'' jedha sagaleen tokko. '' Dhangala'uu dhiigaa hanqisuufi miidhama xiqqeessuuf hidhannoo keessan akka lafa keessaniin yaad isinii dhiyeessa. Yoo diddan boombiin isin fixna''

Sagalee dhugummaa isaa BBC'n hin mirkaneeffanne kana irratti loltootni Yukireen walitti erga dudubbatanii booda walii galanii ''kanuma'' jedhu.

Achii booda deebii ''humna galaanaa Raashiyaa gaannama bu'aa'' jedhu kennu.

Akka mootummaan Yukireen jedhutti kunniin jechoota dhumaa Raashiyaan haleeluu ishee dura warra odolittii eeganirraa dhagaahamaniidha.

Pireezidantiin Yukireen Voolodimiir Zeleneskii ''odola keenya Zmiinyi irratti, eegdonni daangaa hunduu hanga dhumaatti falmatanii gootummaan du'aniiru'' jedhan.

''Haaa'u malee, harka hin laanne. Hundi isaanii kennaa gootota Yukireen ni fudhatu. Yaadannoo barabaraa warra Yukireeniif lubbuu kenneef.''

Mooskoon gama isheen loltootni odolittii 82 fedhaan harka kennachuu malee waayee miidhaa qaqqabees ta'e haleellaa raawwatamee hin ibsine.