Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaa fi UKn boba'aa Raashiyaa gara biyya isaanii galurra qoqqobbii kaa'an
Pireezidentiin US Joo Baayidan boba'aa gaaziiifi dhagaan kasalaa Raashiyaarraa Ameerikaa galu guutummaatti dhorkamuu beeksisan. UKnis faana dhoofteetti.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Loltoonni NATO 30,000 ta'an Noorweeyitti shaakala waraanaa gochuuf jiru
Mariin Raashiyaa fi Yuukireen bu'aa eegame malee xumurame
Yuukireen bakka bu'uun mariirratti kan hirmaatan Mykhailo Podolyak mariin amma biyyoota lameen gidduutti gaggeeffame ''bu'aa nuti abdannee turre hin argamsiisne,'' jechuun, kana ta'uusaattis akka mufatanii fi gaabban himan.
Garuu biyyoonni lameenuu ''yeroo dhiyootti'' marii biraa gaggeessuuf walii galaniiru jedhan.
''Wantin jechuu danda'u tokkittiin dhimmoota gargaarsa namoomaarratti bal'inaan dubbanneerra. Sababni isaas yeroo ammaa magaalonni hedduun marfamanii jiru waan ta'eef gargaarsa kennuuf rakkootu jira,'' jedhan.
Mykhailo Podolyak eegumsa lammiilee nagaaf dursa kennanii kanneen afaan meeshaa waraanaa keessatti ugguramanii jiraniif daandii banuurratti gama lamaanuu waliigalameera jedhan.
Bakkeewwan lolli jirutti soorataa fi dawaan akka qaqqabuuf gareen lameenuu waliigalaniiru jedhan qondaalli kun.
Tarii ammoo akka carraa hanga namoota bakka lolli jirutti ugguramanii jiran baasanitti waraanni dhaabbachuu danda'a jedhan.
Pireezidantiin Yukreeen Putiin kallattiin akka itti haasa’aniif gaafate
Pireezidantiin Yukreen Zelenskiin haasaa kallatti Pireezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin taasifamu qofatu,’’fala waraana kanaati,’’ jedhe.
‘’Nuti Raashiyaa haleelaa hin jirru, kana booda kana raawwachuufis karoora hin qabnu. Unurraa maal barbaaddu? Lafa keenya gadhiisaa,’’ jedhe.
‘’Ana faan gadi teenyee haa haasofnu. Akka Pireezidantii Firaans meetira 30 walirraa fagaannee otoo hin taane…’’ jechuun marii Puutiin fi Maakroon baatii darbe walirraa fagaatanii taa’uun taasisan eereera.
Gama biraan pireezidantiin kuni ibsa kenneen biyyooti lixaa xiyyaarota waraanaa akka erganiif gaafate.
‘’Daangaa samii Yukreen cufsiisuu yk akka irratti hin balali’amne hin gootan taanaan, xiyyaara naa ergaa,’’ jedhe.
‘’Unurratti yoo hin dhaabbanne, Waaqni hin godhiin malee carraan borii Laatiiviyaa, Lutiniyaa, Estooniyaa kanuma, ‘’jedhe.
Biyyooti kunneen miseensa gamtaa waraanaa ‘Nato’ dha kana jechuun Raashiyaan tokkoosaanii weerarraan lolli hunda waliin taha.
Mariin Raashiyaa fi Yuukireen gaggeeffamaa jira
Waraana Raashiyaa fi Yuukireen erga eegalamee torbee tokko guute dhaabsisuuf mariin nagaa ammas gaggeeffamaa jira.
Gorsaan Pireezidantii Yuukireen Mykhaylo Podolyak tiwiitara isaaniirratti akka barreessanitti, isaanii fi qondaaltonni kaan bakka buutota Raashiyaa waliin Beelaaruus keessatti mariirra jiru.
Waraanni hatattamaan akka dhaabbatu, meeshaa waraanaa lafa kaa'uu, namoota miidhamaniif ulaan gargaarsaa akka banamu kanneen jedhan ajandaa mariiti jedhan qondaalli kun.
Pireezdantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniskii ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin mootummaan Raashiyaa fedhiisaa qofa osoo hin taane fedhii uummataa dhagahuu qaba jedhan.
Uummati Yuukireen dhumaa jira kan jedhan pireezdantichi, hambaa seenaa fi biyyasaanii weerara jalaa ittisuuf cimanii akka dhaabbatan ibsan.
Hawaasi addunyaa deeggarsa isaa akka cimsus gaafatan.
MM Abiy rakkoo Yukireen jiruuf qaamoleen hunduu akka of-qusatan waamicha dhiyeessan
Dho'insi gurguddaan magaalaa Kiyeev keessatti dhaga'uun itti fufeera
Waraanni Raashiyaan Yukireen irratti bante har'a guyyaa saddetteffaa isaa qabateera.
Mariin nagaa buusuu jalaqabus waraanichi garuu daran hammaachaa jira.
Halkan edaa namni magaalaa Kiyeev keessaa hirriba malee bule, dhukaasa gurguddaa wal walirratti dhaga'amuun.
Diidaa yeroo samii ilaalanis, halluu diimaa arraba ibiddaatu argama.
Miidyaa hawaasummaa irratti ammoo konkolaataawwan waraanaa Raashiyaa kumaatamaan lakkaa'aman Kiyeev seenuuf marsan akkuma danqamanitti toora galanii mul'atu.
Dhaabbata Basaasa UK: Raashiyaan gara Kiyeevitti imalli taasiftu harkifateera
Hordoffii Basaasni Waraanaa Biritiish gaggeesse akka agarsiisutti, guyyoota sadan darbanitti konkolaattonni humnoota Raashiyaa gara Kiyeevitti dhiyaatanii turan hanga xiqqoo qofa gara fuulduraatti adeeman jedhe.
Qaamni waraanaa ijoon hiriiran magaalicha karaa Kaabatti dhiyaate’’ lammilee Yukireen kutannoon ofirraa qolataniin, rakkoowwan sochii dhorkan isaan mudachuufi garmalee walitti heddumachuun karaa walitti cufuurra kan ka'e wirtuu magaalicharraa km30 qaqqaban achuma dhaabbatanii hafan,’’.
Ministeerri Ittisaa odeeffannoon haaraa baase akka agarsiisutti, magaalonni akka Karkiiv, Chernihiv fi Mariyapool ammas to’annoo Yukireen jala jiru. Lakkoofsa loltoota Raashiyaa miidhamanii ibsame ilaalchise UK’n lakkoofsi miidhamtoota qabatamatti sanaa ol ta’uu raagdetti.
Mooskoon loltoonni 498 ajjeefamuu fi 1,597 madaa’u beeksiftetti.
Roomaan Abiraamoovich maaliif kilaba isaa Cheelsii gurguruuf murteesse?
Waraana Yukireen keessatti deemaa jiru ilaalchisee maaltu haaraadha?
·Humnoonni Raashiyaa magaalaa buufata doonii gara Kibbaa Kersan jedhamtu qabachuu qondaaltoonni mootummaa naannicha himan.
Erga weerarri Raashiyaa eegalamee asitti magaalaa guddoo Yukireen si’a duraatiif to’atamte.
· Sa’aatiiwwan muraasa darban Kiveev dabalatee magaalota kaanitti dho’iinsi gurguddaatu dhaga’amaa ture.
Viidiyoon battala sanatti waraabamani ibiddi dhoo’insa sanaan uumame samii magaalaa guddoo Yuukireen ibsuu mul’ise.
· Taatullee qondaalli waraana Ameerikaa tokko akka jedhutti, konkolaattooni Raashiyaahedduun handaaraa magaaalaa Kiyeevitti kan ‘’danqaman’’haqina boba’aafi soorataa mudateerra madde jedhan.
· Pirezedantiin Yukireen Voloodimiir Zeleneskii halkan qixxee viidiyoo gadhiisanirratti lammileen biyyasaanii kutannoo biyyasaaniirraa weerara qolchuuf qabaniif galateeffatan.
· Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa Heegitti argamu Yukireen keessatti yakkii waraana raawwatamuu mala jedhe qorachuu eegale.
· Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii erga waraanni Yukireenitti eegalamee namoonni miliyoonni tokko biyyattiirraa baqachuufi, lakkoofsi baqattootaa saffisaan dabalaa jiraachuu ibse.
· Raashiyaan yeroo jalqabaatiif wayita Yukireen haleeltu miidhaan waraana isheeerra qaqqabu amante, loltoonni 498 ajjeefamuun 1597 madaa’u amanteetti.
US Putiin 'dhiiga dhangalaasuu atattamaan akka dhaabuuf' gaafatte
Ministeerri Dhimma Alaa US Pireziantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin 'dhiiga dhangalaasuu atattamaan dhaabee' loltoota isaa daangaa Yukireen keessaa akka baasuuf gaafate.
Ministeerri Dhimma Alaa US kun ibsa baase kanaan, gocha Raashiyaan sabaa himaaleen walabaa odeeffannoo akka hin arganneefi waraanicha ilaalchisee waan lafarra jiru akka hin gabaasneef ugguruun "walabummaa miidiyaa ukkaamsuufi haqa dhoksuu irratti" hojjettus himateera.
Kana malees, Raashiyaan miidiyaaleen hawaasummaa akka Tiwiitaraa, Feesbuuk fi Instagram ukkaamsiteetti jechuun komatti US.
Raashiyaa keessatti namoonni miliyoonaan lakkaa'aman odeeffannoo walaba ta'e argachuuf, akkasumas addunyaan wal qunnamuuf miidiaayaalee hawaasummaatti fayyadamu.
Ibsi US kun kan bahe erga Raashiyaan tarkaanfii magaalota Yukireen keessatti baballisuu hordofee lammileen nagaan hedduu ajjeefamaniifi miliyoona tokkoo ol kan ta'an ammoo biyyaa baqataniiti.
Loltootni Raashiyaa magaalota murteessoo Yukireen qabatan
Roomaan Abiraahimoviich kilaba Cheelsii gurguruufi
Abbaan qabeenyaa kilaba Cheelsii Roomaan Abiraahimoviich kilabicha gurguruuf karoorse.
Marsariitii kilaba Pirimiyeer liigii kanarratti abbaan qabeenyaa Abiraahimovich akkas jedhan:’’Murtoo baayyee cimaan na dhukkubseen murteesse,’’ jedhan.
Raashiyaan maallaqni liqeeffatame kamiyyuu akka kaffalamu hin gaafattu,’’maallaqni gurgurtaa kilabichaarraa argamu namoota waraanaan miidhamaniif gumaachama jedhe.
Raashiyaan Yukireen weeraruu hordofee Abiraahimovich Sambata darbe dhaabbilee tola-ooltummaa Cheelsiin bulchuuf eegumsa akka godhan dubbatan. Kunis Roomaan Abiraamoviich liqaa Paawundii biliyoona 1.5 ol liqieeffachuu hin oolle, kanaaf Cheelsii gurgurtaaf dhiyeesse tilmaama jedhu kaase.
Biliyeenarri 'Hansjorg Wyss' jedhamu gaazexaa Siwis Blik jedhamutti Roobii darbe akka himetti, carraa kilabicha bitachuu argateera.
Inni akka jedhutti, paarlamaa keessatti yaaddoon qoqqobbiin walqabatu erga dhiyaatee booda Abiraamoviich saffisaan Cheelsirra bilisa ba’u barbaade.
Konkolaataawwan waraanaa kumaatamaan magaalaa Kiyeev marsanii turan eessa gahan?
Konkolaataawwan kumaatamaan lakkaa'aman magaalaa Yukireen guddittii, Kiyeen seenuuf turan yeroo ammaa kana "karaa irratti danqamanii dhaabbataniiru" akka dubbi himaan Qajeelcha Humna Ittisaa US Joon Kirbii jedhutti.
“Akka nuti tilmaamnetti sa'aatiiwwan darban 24 hanga 36 darban keessa fuulduratti siquu hin dandeenye jedhan dubbii himaan kun ibsa Roobii Pentaagon irraa kennaniin.
Aanga'aan US kun akka jedhanitti, duubatti harkifannaan kun sababa humnoonni kunneen, "irra deebiyanii of gurmeessuufi daandii isaanii gamaggamaa wan deemaniif".
"Rakkoon loojistikiifi kan ittiin turan, akkasumas dura dhaabbannaa Yukireen irraa isaan muatus sababoota biraati," jechuun itti dabaluun ibsan.
Gabaasaaleen hin mirkanoofne akka mul'isanitti loltoonni Raashiyaa kana hanqinni boba'aafi nyaataa isaan mudateera. Aanga'oonni naannolee harka loltoota Raashiyaa kana jala galan akka himanitti, loltoonni Raashiyaa waan isaan barbaachisu dhabanii supparmaarkeetii saamaa jiru jedhan. Kana malees, nyaata isaan harkaa qabanis kan guyyaan isaa itti arbedha jedhu.
Hanga ammaatti namoonni miliyoona tokko Yukireen irraa baqaataniiru- UN
Dhaabbani Mootummoota Gamtoomanii (UN) akka jedhutti, namoonni miliyoona tokko biyyoota olla Yukireennitti baqatan.
Namoonni jumlaan baqachuun kun torban tokko keessatti qaqqabe. Weerarri Raashiyaa Kamisa torban har’aa kana eeegale.
Akka gabaasaan BBC Leewis Guudal jedhutti ‘’bara 2015 namoota miliyoona 1.3 tu baqate ture.
Torban tokko keessatti lakkoofsi namoota Yukireen irraa baqatanii sana caalutti dhiyaatera,’’ jedhe.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Komishinarri Olaanaan Baqattootaa Filippoo Giraandii dhukaasni qawwee dhaabatee, gargaarsi namoomaa lubbu-baraarsaaf namoota miliyoonaan lakkaa’aman biyyattii keessatti hafan akka qaqqabu waamicha dhiyeeessan.
Ejensichi akka jedhutti, lolli kun namoota miliyoona 12 biyyuma keessatti qe’eesaanirraa akka isaan buqqisu fi gargaarsi namoomaa akka isaan barbaachisu beeksise.
Jumlaan hidhuun jiraatullee hiriirri waraana mormuu Raashiyaatti itti fufeera
Jumlaan namoota hidhuun itti fufus Raashiyaa magaalaa St. Piitersiberg keessatti hiriirri waraana mormuu gaggeeffamaa jira.
Lammileen Raashiyaa bakka dhaloota Pirezidant Vilaadmiir Putiin, sodaa tokko malee waraana biyyattiin Yukireen irratti gaggeessaa jirtu mormuun daandiitti bahanii jiru.
Akkuma kanaan duraa poolisoonni hedduun irratti bobbaafamanii gariin bittinsuu, kaan ammoo guuranii hidhuun itti fufeera. Ta'us garuu hiriirtonni mormii isaanii dhaabuu hin dandeenye.
Mormiin kun akka haaraatti kan cimaa dhufe erga dursaan paartii mormituu Aleksii Naaviliin mana hidhaa Kireemiliin irraa guyyaa guyyaan hiriirri mormii gaggeeffamuu qaba jedhee dhaameen boodadha.
Tamsaasi keenya kallattii eegaleera
Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?
Waraana Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessaa jirtu ilaalchisuun odeeffannoo kallattiin isin biraan gahuu itti fufneerra.
Lafarratti maaltu ta'aa jira? Mariin araaraa jalqabame ammoo eessa gaheera? Biyyoonni addunyaa maal gochaa jiru.
Raashiyaa keessatti ammoo maaltu deemaa jira?
Hunda isaa tamsaasa kallattii kanaan argattu.
Putiin Yukireeniin waraanuu eegaluun herrega dogoggoraati
Raashiyaan Yukireen haleeluun walqabatee biyyoonni murteessoon eenyuun deeggaru?
UN weerara balaaleffate, loltoonni akka ba'an gaafate
Yaa'iin Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii galgala kana gaggeeffame weerara Raashiyaan Yuukireen irratti gaggeessite balaaleffachuun, Raashiyaan loltootashee Yuukireen keessaa akka baastu gaafate.
Wiixineen seeraa weerara kana balaaleffatu kun sagalee deeggarsaa 141, mormii 35 fi callisa 5niin raggaasifameera.
Wiixineen kun miseensota UN 193 keessaa harka lama sadaffaa oliin ragga'e.
Yaa'ii kanarratti sagaleen kennamuun dura UNtti Ambaasaaddarri Yuukireen Ambaasaaddar Sergiy Kyslytsya ''Raashiyaan mirga lubbuun jiraachuu lammiilee Yuukireen sarbuuf weerara eegalte,'' jechuun himatan.
Ambaasaaddarri Raashiyaa Vassily Nebenzia gamasaaniin Raashiyaan adda baatota karaa lixa Yuukireen waraana banan dhaabsisuu feeti jedhan.
Warri lixaa miseensota sodaachisuun wiixineen kun akka ragga'u godhan jechuun himatan.