Miidiyaan hawaasaa Doonaald Tiraamp tajaajila kennuu eegale

Toorri miidiyaa hawaasaa Doonaald Tiraamp ’Truth Social’ jedhamu kuuusaa aappii ykn App Store Ameerikaa qofatti hanga tokko daangeffamee tajaajila kennuu eegale.

Appilikeeshiniin kun tiwitara waliin walitti dhiyaata akka xiinxaltoonni hubachiisanitti yoo ta’e.

Aab Tiraamp miidyaalee hawaasaa akka Feesbuukii, Tiwitaraa fi YouTube irraa bara darbe dhorkamee ture.

Namoonni miidiyaa hawaasaa haaraa kanatti fayyadamuu barbaadan muraasni garuu galma’uuf rakkataniiru.

Hoggaanaan sangantaa miidiyaa hawaasa kanaa fi miseensi duraanii Kongireensii Ameerikaa Deevis Nuuniz, miidiyaan hawaasa kun xumura ji’a Bitootessaa dhuftu irraa eegalee guutummaatti tajaajila kenna jedhan.

Namoonni miidiyaa hawaasa kanarratti galmaa’uuf yaalaa turan muraasni:’’fedhiin galmaa’uuf jiru guddaa waan ta’eef eeggataarra si keenye,’’ jedhamuun itti himamu Rooyitarsi gabaase.

Miidiyaan hawaasaa kun gartuu dhaabbata teekinoloojii Tiraamp ’Trump Media & Technology’ jedhamuun hundeeffame.

Dhaabbanni kun umri waggaa tokko kan qabu wayita ta’u, miidiyaan hawaasaa kunis duraan maamiltota 500 ta’an qaba ture.

Torban darbe keessa ilmi Tiraamp, Tiraamp Juuniyeer miidiyaa hawaasaa abbaan isaa ’’Haqaa’’jedhan irratti barreeffama ‘’Qophaa’a. Pirezedantiin isin jaalaattan amma dhiyootti isin waliin wal arguuf jiru,’’ jedhee qoode.

Miidiyaan hawaasaa kun duraan marroo tokkoof ‘’dogoggorri inni qabu sirreeffamuu’’isaa‘App Store’ mul’iseera.

Tiwitarrii Pirezedantii duraanii Ameerikaa Tiraamp hokkora Amajjii 6, bara 2021 Kaapitaal Hiilitti dhalate hordofuun seera dhaabbatichaa cabsuun jeequmsa kakaase jechuun ugguree ture.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti, miidiyaan hawaasaa Tiraamp haaraan kun waa qooduuf, deebii kennuuf ‘’jaalachuu’’ kan maamiltoota dandeessiisu kan tiwitaraan walfakkaatu qaba.

Dhaabbaata teeknoloojii guddicha

Miidiyaan hawaasaa 'Truth Social’ jedhamu kun toora miidiyaa hawaasummaa haasaa iftoomina, bilisaa fi amanamaa ta’e sadarkaa addunyaattii qoodiinsa siyaasaa tokkoo malee irratti ibsachuun danda’amu ta’uu ibsa.

Aab Tiraamp miidiyaan kun "bilisummaan yaada ofii ibsachuu" jajjabeessuuniifi ‘gulaalli miidiyaaleen hawaasaa kanneen akka Feesbukiifi Tiwitarii fa’aan taasisaa jiran hambiisuu barbaadu.

Warreen Konzarvaatiif ammoo dhaabbileen miidiyaalee hawaasa maxxansaalee maalitoota ugguruufi maxxansaalee haquun bilisummaan yaadaa daangessu jedhanii amanu.

"Dhaabbilee teekinoloojii gurguddoo kamittuu hin gargaaramnu," jedhan miseensi duraanii Kongireensii Ameerikaa Deevis Nuuniz.

"Kanaaf jennee, bu’uura irraa kaanee ijaaruutti kan jirruufi," jechuun ‘Newsmax network’tti himan.

Uggura

Nuuniz akka himanitti, miidiyaan hawaasa ’Truth Social’ gulaalliirraa bilisa.

Haata’u malee, miidyaan hawaasaa ‘App Store’ fi ‘Google Play’ irra jiran qabiyyeewwan seera cabsan haquuf dirqama qaba.

Yoo hin gulaalamu ta’e garuu toorri hin gulaalamne otoo hin turiin uggurama.

Yeroo fudhatama guddaa argatanii turanitti Tiraamp Tiwitara gubbaatti hordoftoota miliyoona 88 caalan qabu turan.

Tooronni miidyaalee hawaasa kanneen bilisa ta’uu ibsatan kanneen akka ‘Gettr, Parler, Gab fi Rumble’ jedhaman dhaabbilee teekinoloojii gurguddoo waliin wal cina wayita madaalaman maamiltoota hedduu hin harkisne.

Dhaabbileen akka Tiwitaraa "turtii waggootaan lakkaa’amuuf toora isaanii guddisuun horodoftoota horatan," jedhan ogeessii olaanaan dhimma kalaqaa Inistitiyuutii Biruukingis Daaarel West.

"Akkan yaadutti, Tiraamp akka yaadeen olitti ulfaataa ta’usaa ni hubata jedheen yaada," jedheen.

"Otoo dhimmichi salphaa ta’e, ji’oota 6’n darbe keessatti miidiyaa hawaasaa isaanii hojjatanii goolabu ture," jedhe.

West yoo Tiraamp miidiyaa hawaasa isaarratti seera ittiin tajaajilli kennamu cabse kuusaa appii ykn ‘app store’ irra buufama, kuni ammoo hordoftoota isaa akka hin baayyifne dhiibbaa irratti uuma," jedha.