Miidiyaan hawaasaa hedduun jalaa kan cufame Donaald Tiraamp marsariiti haaraa banatan

Pirezidaantiin duraanii US Donaald Tiraamp marsariitii koominikeeshinii qabiyyee ‘kallattiin teessoo isaa’ irraa maxxanfamu banatan.

Doonaald erga hokkora Amajjii keessa Kaapitol Hiliitti gaggeeffameen booda ture kan Tiwiitarii, Feesbuukiifi Youtube irraa uggurame.

Ergasiin boodas pireezidantiin duraanii kun ibsawwan kennuun ture kan isaan ergaa dabarfatan – ammaan booda marsariitiin haaraa kana fayyadamu jechuu beeksiisan.

Fayyadamtoonni waan maxxanfame ‘like’ gochuufi Tiwiitarii fi Feesbuukii irratti qooduu ni danda’u. Murtoon marsariitii kana qopheessuu kan dhufe erga Feesbuukiin haala dhaabbataa taheen isaan uggureen booda dha.

Gorsaan Tirmaap gameessi Jaasan Miilar kana dura wal-tajjiin haaraa ni banama jechaa ture. ‘’Waltajjii banamuuf jiru guddaa ni taha,’’ jedheera baatii Bitootessaa keessa.

Miilar gaafa Kibxataa marsariitichi miidiyaa hawaasaa akka hin taane himeera.

‘’Dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa dhiyootti ni dhiyeessina,’’ jedhe. Marsariitichi dhaabbat tajaajila dijitaalaa hogganaa duulaa Tiraamp Biraad Paarskeeliin kan hundaa’e dha.

Maxxansoonni marsariiticha irratti bahan filannoon bara darbee waliin dhahamuusaa dubbatu.

Boordiin Feesbuukiin Tiraampiidhaan hanga dhumaatti ugguruuf ykn deebisuuf murteessuu sa’atii muraasa keessatti beeksisa jedhamee eegama.

Yoo Tiraamp Feesbuukiitti deebi’u taheef akkaawuntii isaanii banuuf guyyaa torba fudhata. YouTube’n Tiraampiin gara waltajjii keenyaatti kan deebisnu yaaddoon ‘hokkara uumuu’ karaa isaa dhufu yoo hir’ate dha jedheera.

Tiwiitariin pireezidantii duraanii hordoftoota miiliyoona 88 qaban deebi’uu akka hin dandeenyetti uggure.