Facebook sagalee pireezidantii duraanii Doonaald Tiraamp fuulasaarraa haqe

Dhaabbanni Feesbuuk viidiyoo pirezidaantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp fuula haadha warraa ilmasaanii Laaraa Tiraamp irraa haqe.

Dhaabbanni miidiyaa hawaasaa guddichi Feesbuuk, Tiraamp fuula isaa irraa kan uggure baatii Ammajjii tibba deeggartoota isaatiin hokkarri gamoo Kaappitool Hiil kan Waashingitaniitti argamutti mudatee ture booda.

Miidiyaa Fox News'f odessaalee kan gumaachitu Laaraa Tiraamp, viidiyoo gaaffiifi deebii matadureewwan garagaraa irratti Tiraamp waliin taasifte fuula isheerratti maxxansite.

Boodarra ammoo fuulli ishee dhorkamuu akka danda'u ilaalchisee akeekkachiisa Feesbuukiin ergameef suuraa kaasuun qodde.

''Haaluma qajeelfama Donaald Tiraampiin feesbuukiifi Instagraamii irraa dhorkuuf baafneetti, maxxansi sagalee Donaald Tiraamp qaban battalumatti ni kaafamu. Kana malees fuulicha irratti dhorkaan dabalataa ni taasifama,'' jedha imeeliin nama Katelyn jedhamtuun barraa'e.

Ilma Donaald Tiraamp Eriik Tiraampiitti kan herumte Laaraa Tiraamp gaaffiifi deebii Tiraamp waliin taasifte kallattiin viidiyicha qooduurra fuula show dhuunfaa ishe irratti geessituu kaa'uun qooddee turte.

"Kunoo akkas, [kitaaba Orweel keessatti kan eerame] bara 1984 fakkaatutti dhiyaachaa jirra. Ajaa'iba,'' jechuun fuula Instagiraamii ishee irratti yaada kennite.

Deeggaraan bara dheeraa Tiraampiifi dhiyeessaan TV Fox News Shoon Haanitii tarkaanfiichaan ''to'annoo qabiyyee cimaa'' jechuun tiwiitariirratti barreesse.

Feesbuukiin Tiraampiin fuula isaa irraa kan dhorke Ammajjii 7 wayita deeggartoonni isaa teessoo mana maree biyyattii kan ta'e gamoo Kaappitol Hiil galuun miidhaa qaqqabsiisaniin booda ture.

Tibba sanattis Maark Zaakarbarg murtee sana ilaalchisuun yoo dubbatu, ''Pirazidaantichi wayita kanatti tajaajila keenya akka fayyadaman hayyamuun balaa olaanaa ta'uu beekna'' jedhee ture.

Facebook alatti Tiraamp fuulawwan Twitter fi YouTube irraas haqamaniiru.