QAnon: YouTube yaadota sobaati ykn shiraati jedhurratti tarkaanfii fudhachuu eegale

YouTube dhaabbilee hawaasaa dhiyeenya kana yaadrimeewwan dhokataa tahan facaasan QAnon jedhamu haquuf tarkaanfii fudhatan keessaati.

Kaampaanichi akka ibsetti, maxxansaalee namootaafi gareerratti xiyyeeffachuun tiyooriiwwan shiraan (conspiracy theory) namoota haleeluurratti xiyyeeffatan akka ugguru beeksiseera - keessumaa QAnon.

Twitter fi Facebook tarkaanfiiwwan QAnon ugguruu amma dura fudhataniiru.

Sochiin QAnon waan jedhu: Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp, garee dhoksaa Seexana waaqeffataniifi ijoollee haleelan wajjin waldhaansoorra jiru.

Bara dabre keessa FBI ''mankaraaristoota biyya keessaa tiyooriwwan sobaa facaasan'' irratti akeekkachiisa baaseera. Kanaanis sochii QAnon, finxaaleyyii biyya keessaa balaa geessisuu danda'u jechuun labseera.

YouTube maal jedhe?

Barreeffama guyyaa Kamisaa maxxanfameen, YouTube ''maxxansaalee QAnon kuma kudhanitti lakka'aman haqneerra. Chaanaalota dhibbatti lakka'amanis cufneerra,'' jedha. Kunis seera dhaabbatichaa hordofuun akka tahes ibseera.

Danqaawwan isaan mudatan ibsuunis, qabiyyeewwan yeroo yeroon jijjiiramanis akka rakkoo itti tahe dubbatan. Kanaafis jibbaafi qoccollaa ittisuuf tarkaanfiwwan biroo fudhachuun barbaachisaadha jedheera.

''Hardha imaammata keenya jibbaafi qoccollaa keessatti, qabiyyeewwan tiyooriiwwan hin mirkanaa'initti fayyadamuun namootaafi gareerratti haleellaa geessisuu deeggaran haquuf itti daballeerra.''

Fakkeenya tokkos wayita kaasan, ''viidiyoon tokko, yoo namni tokko yaadota kana deeggara jechuun miidhuuf sodaachisa taanaan ni haqama.''

Seerri haasaa jibbaa YouTube haarayaan kun, erga QAnon yeroo jalqabaaf as bahe waggaa sadi booda hojiirra oole.

QAnon maali?

QAnon tiyooriiwwan yookaan yaadota hin mirkanoofne garagaraa yogguu tahan, Pireezidant Tiraamp ''garee dhokataa'' wajjin wal'aansoorra jira kan jedhudha.

Gareen kunis namoota siyaasaa, bizinasii, miidiyaa fi artistoota bebbeekamoo of keessaa qaba kan jedhamu yoo tahu, yeroo hedduu jarri kun Seexana waaqeffatu, akkasumas daa'imman seeraan alaan daddabarsu jedhanii amanu kanneen sochii kana keessa jiran.

QAnon Onkololeessa bara 2017 keessa iddoo onlaayiniirratti maqaa dhoksanii itti haasawan 4chan jedhamurratti eegale.

Fayyadamaan maqaan isaanii hin beekamne tokkos, garee qorannoo icciitii Tiraampiin hoogganamu keessatti hirmaachuu barreeffamoota hedduun barreessan.

Akka barreeffama kanaatti namni kun heeyyama nageenyaa mootummaa Ameerikaa olaanaa ''Q clearance'' jedhamu akka qabanis dubbatan - kanaafis QAnon jedhame.

Ergaan nama kanaas ''Q drops'' jedhamuun kan beekaman yogguu tahu, afaan daran walxaxaa tahe kan fayyadamuufi waan Tiraamp deeggaru barreessu.

QAnon dura yaadni akkasii bara 2016 tureera - ''pizzaagate'' jedhama ture.

Kunis Demokraatonni daddabarsa daa'immanii irratti akka hirmaataniifi kanas kan godhan mana nyaataa piizaa Waashingitan keessatti argamu irraati kan jedhu ture. QAnon sana bakka bu'uun as bahe.