Twitter aangoo dabarsuusaaniin dura hordoftoota Tiraamp haquuf

Jaarmiyaan miidiyaa hawaasummaa guddichi 'twitter' akkaawuntiin pirezidaantii aangoo dabarsaa jiranii Doonaald Tiraamp qulqullaayee, hordoftoonni hundi erga haqamanii booda gara pirezidaantii haaraa filatamanitti dabarfama jedhe.

Hordoftoota miiliyoona 88 caalan kan qaban Doonaald Tiraamp, waggaa afur dura wayita aangoo qabatan hordoftoota Baraak Obaamaa qabatanii itti fufan.

Bulchiinsi Joo Baayidan garuu hordoftoota Tiraamp qabatee akka itti fufu twitter hin ayyamne.

Gareen Joo Baayidan karoora twitter kana dura dhaabbatanii falamaniiru, dhaabbatihi garuu murteen kun kan hundi irratti walta'e waan ta'eef hin jijjiiramu jedheera.

Dhaabbati kun wayita bara 2016 gareen Tiraamp gaaffii walfakkaataa dhiyeessan tole jedhee ammammoo diduunsaa karooraa fi ejjennoosaa jijjiiruu agarsiisa.

Garee Pirezidaantii haaraa filataman jalatti daarektara dhimma dijiitaalaa kan ta'an Roob Filahertii, ''Bulchiinsi Tiraamp bara 2016 hordoftoota Baraak Obaamaa hunda guurrate.'' jedhan.

Peejiin pirezidaantonni Ameerikaa ittiin twitter banatan kan bara 1890oota keessa hundeeffame @POTUS akkasumas @WhiteHouse kan jedhamaniidha.

Twitter garee Tiraamp 'Team 44' irraa gaaffii jabaa isa mudate hubachuun hordoftoota Obaamaa akka jiranitti gara Tiraampitti dabarseera jedhan qondaalli kun.

''Gadaa kana keessa garuu Joo Baayidan jalqabarraa ka'anii hordoftoota horachuu akka qaban twitter nutti himeera'' jedhan.

Kunimmoo hordoftoota akkaawuntiiwwan mootummaa kanneen akka @ @POTUS fi @FLOTUS jedhaman kanneen Amajjii dhufu gara Joo Baayidanitti darbuuf jiran irratti miidhaa guddaa qaba.

Twitter akka jedhutti kanneen pirezidaantii ammaa hordofaa jiran daataansaanii akka olkaa'amuufi akka haqamaa jiran akkasumas ammoo carraa Joo Baayidan hordofuu akka qaban ergaan isaan ga'a.

Akkaawuntiin dhuunfaa Joo Baayidan, @JoeBiden, ammatti hordoftoota miiliyoona 21.7 kan qabu yoo ta'u wayita kan kan bulchiinsa isaanii banatan hordoftoota kanneen irra miidhaan ga'u tokkollee hin jiraatu.

Pirezidaanti Tiraamp akkaawuntii twitter isaanii kan mootummaas kan dhuunfaas sirnaan itti fayyadamaa turan, keessattuu namoonni akkasaan filatan kakaasuu keessatti.

Wayita Waayit Haawus keessa turanitti yeroo kuma 50 ol tweet godhaniiru.

Marsariitiin waa'ee tweet fi akkaawuntii hordoftootaa to'atu, Factbase, akka himutti ammoo Tiraamp erga ji'a Sadaasaa darbeetii as hordoftoota 369,849 dhabaniiru.

Joo Baayidan ammoo faallaa kanaan hordoftoota 2,671,790 haaraa argataniiru.

Twitter erga hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Jaak Doorsii gameeyyii siyaasaa US kanneen akka Tiraamp, Baayidan fi Kamaalaa haariis hordofuu dhiisanii(unfollow) booda murtee kanarra ga'e.