Hojjetaan dhaabbata Tiwiitarii tokko tiwiitarii Doonaald Tiraamp jalaa cufe

Tiwiitariin Pireezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp guyyaa Kamisaa yeroo gabaabaaf cufamee kan ture ta'uyyuu deebi'ee akka hojjetu taasifameera, jedha kaampaniin miidiyaa hawaasaa kun.

Akkaawuntiin @realdonaldtrump ''akka hin hojjenne'' kan godhame hojjettootaan ture. Sababni isaas guyyaan sun hojjetichaaf guyyaa hojii dhumaa waan ta'eefi, jechuun dubataniiru.

Tiwiitariin Tiraamp daqiiqaa 11'f cufamee kan ture wayita ta'u yeroo ammaatti banamee jira, dhabbati tiwiitariis dhimmicha qorataa jira.

Tiraamp - nama tiwiitarii haalaan fayyadamuu fi duuka-buutota Mil. 41.7 qabu dha - dhimma kana ilaalchise hanga ammaatti yaada hin laanne.

Kamisa galgala battala tiwiitariin isaanii addaan citee ture sanatti namoonni fuula tiwiitarii Tiraamp daawwatan ''Dhiifama, fuulli kun hin jiru!'' kan jedhu akka dubbisan dubbatu.

Erga akkaawuntiin kun deebi'ee hojii egalee booda, Tiraamp paartiin riippabliikaa biyyattii gibira gad cabsuu ilaalchisee karoora qabu tiwiit godhaniiru.

@POTUS, akkawuntii beekama Pirezidaantii Ameerikaa garuu rakkoon irra hin geenye ture.

Dhimma kana qorataa akka jiruufi rakkoon akkanaa lamuu akka hin mudanneefis tarkaanfii barbaachisaa fudhachaa akka jiru kaampaniin tiwiitarii beeksiiseera.

Tiraamp tiwiitarii fayyadamuu kan jalqaban Bitootessa bara 2009 ture.

Miidiyaa haawaasaa kana haalaan kan gargaaraman Tiraamp, bara 2016 wayita pireezidaantummaaf dorgomanis ta'e erga Pireezidaantii ta'anii booda imaammata isaanii ittiin beeksiisuu fi mormitoota siyaasaa qaban ittiin haleeluuf itti fayyadamu.