Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp to’annoo TikTok fi WeChat irratti ajaja mallatteesse
Pirezdaantiin US Doonaald tiraamp dhaabbata app TikTok uume ByteDance waliin haariiroon akka hin jiraanne jechuun ajaja mallatteesse.
TikTok malee appilikeeshiniin biyya Chaayinaa guddaadha jedhamu inni biraa - WeChat jedhamus ajaja kana keessatti maqaan dhawameera.
Ajajni kun US “nageenya biyyaaleessaa eeguuf abbootii qabeenyaa TikTok irratti tarkaanfii cimaa fudhachuu qabdi,” jedha.
Ajaja kana jalatti guyyaa 45 boodarra eegalee, hariiroon US fi ByteDance kamuu ni dhorkama.
TikTok himannaa abbaan qabeenyummaasaa mootummaa Chaayinaadha jedhuufi mootummichaafis akka odeeffannoo qoodaa jedhu haaleera.
Kamisa galgala Pireezdaantiin US dabalataan appilication WeChat jedhamuu abbaa qabeenyummaan isaa dhaabbata Chaayinaa keessa jiru Tencent jedhamu ta’e irratti ajaja walfakkaataa dabarseera.
Tiraamp Maal jedhe?
Ajaja lamaan irratti Tiraamp “teeknoolojii kominikeeshiiniifi odeffannoo akkasumas dhabbilee tajajilaan wal qabatee nageenyaa biyyaa irratti tarkaanfiwwan dabalataa fudhatamuu qabu,” jechuun hima.
Dabalataanis “Tatamsa’inni applikeesinoota Chaayinaan hojjatamaniifi dhuunfatamanii nageenyaa biyyaalessaa, imaammata biyya alaafi dinaagdee US irratti rakkoo uumuu mala,” jedha.
Aplikeeshinoonni lamaan “yaaddoodha’ jedha. Ajajni lamaanu hariiroon abbootii qabeenya appii kunnees ta’e waayiloota isaanii adda hin baafamne kamuu “dhorkamaadha” jedha.
Ajaji Tiraamp baasu kun galmeen odeeffannoo TikTok mootummaan Chaayinaa hojjattoota mootummaa US akka hordooftuufi odeeffannoo dhuunfaa isaanii fudhachuun akka dorsistuu ykn dhaabbilee irraa miidhaa akka geessisu gochuu danda’a jedha.
Dhaabbileen Tika Biyyaalessaa, Nageenya Geejjibaafi Waraanni US, bilbila mootummaa irraa TikTok dhorkanii jiran.
Ammatti Dhaabbileen ByteDance fi Tencent yaada hin kennine.
TikTok maali?
Appilikeeshiniin kun waggoota muraasaa as akkaan jaalatamaa dhufe, keessumaa dargaggootaan.
Gara caalu aappiin kun viidiyoowwan gaggabaabduu muuziqaa waliin dabaalamanii hojjetamuu danda'an sekoondi 15 dheeratan maxxansuuf oola.
Viidiyoowwan gaggabaabduu kana gulaaluufis sirna salphaafi mijaawaa qaba.
Wanti namni tokko akkaawuntii isaarratti maxxansu hunduu, namoota isaan hordofaniinis ta'ee kanneen isaan hin hordofneen mul'achuu danda'a.
TikTok ergaawwan hiriyyoota gidduutti erguufis ni oola
Harki caalaam maamiltoota aappii kana warra Indiyaa ta'aniis, biyyattiin aappii kana uggurteetti. biyyii Huawei fi ZTE uggurte Awustiraaliyaaniis aappii kana ugguruuf jetti.