Tiwiitariin dubbii Tiraamp waa’ee sagalee kennuu barreessan jalaa dhokse

Dhaabbanni Tiwiitarii sagaleen filannoo Ameerikaa kennamuuf sa’aatiin muraasa osoo hafuu barreeffama Tiraamp waa’ee sagalee kennuu barreessan duraa dhokse.

Obbo Tiraamp poostaann bulchinsa Pensalveeniyaa akka dhaqqabuuf Manni Murtii Waliigalaa yeroo dabalataa kennuun ‘‘baay’ee hamaadha’’ jedhanii barreessan.

Kunis, ‘‘hanna hin sakatta’amneefi bal’aa’’ ta’ef saaxila jedhan. Haa ta’u malee, yaadi isaanii waa’ee filannoo postaan kennuurratti dubbatan kan mirkanaa’e hin turre.

Fesbuukiinis ergaa pirezidantichaa qorachuun akeekkachiisa kenneera.

Barreeffamni Tiraamp tiwiitara irratti akka hin mul’anne ta’eera. Qabiiyyee barreeffamichaas ‘‘dogongorsiisuu danda’a’’ jedheera.

Tiwiitariin tarkaanfii walfakkaataa kana dura barreeffama Tiraamp irratti fudhateera.

Obbo Tiraamp dabalataan murteen mana murtii ‘‘hookkara’’ uuma jechuun ‘‘wanti tokko dalagamuu qaba’’ jedhan.

Fesbuukiin garuu akka tiwiitaraa barreeffama Tiraamp hin dhoksine ykn akka hin mul’anne hin goone. Garuu, akeekkachiisa jalatti barreesse.

‘‘Filannoon poostaas ta’e qaamaan inni filatan biyya US keessatti waggaa dheeraaf amanamummaa qaba. Kana gidduu waliin dhahuun mudata jechuun baay’ee rakkisa’’ jedhe.

Dorgomaan Tiraamp, Jooy Baayidan sa’aatii muraasa osoo sagalee kennuun hin eegaliin dura namoonni akka filatan yaadachiisaa oolan.

Filannoo Ameerikaan hanga ammaa namoonni hedduu sagalee kennaniiru. Hedduun isaaniis poostaadhaan sagalee kennan.

Haa ta’u malee, poostaan hunduu bakka itti lakkaa’amutti yeroon hin dhaqqabu isa jedhuurratti yaaddoofi waldhibdeetu jira.

Manni murtii Waliigalaa US guyyaa sagalee poostaadhaan kenname fudhachuuf guyyoonni muraasaa akka dabalamu murteesse.

Tiraamp irra – deddeebiin haala sagalee filannoo poostaadhaan kennamu ‘waliin dhahuuf tola’ jechuun qeeqaa turan. Garuu kuni waan mikanaa’e miti.