Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Doonaaldi Tiraampi miidiyaa hawaasummaa haaraa TRUTH Social jedhamu banuuf
Pirezidaantiin duraanii US Doonaaldi Tiraampi miidiyaa hawaasummaa haaraa jalqabuuf akka jedhan ifoomsan.
Tiraampi akka jedhanitti miidiyaan ammaa kun ‘’abbaa irrummaa teeknolojii gurguddaa fuuldura dhaabbata’’.
Dhaabbanni Tiraamp Miidiyaa fi Teeknoloojii Giruupp (TMTG) kan Tiraampi hogganu tajaajila viidiyoo biraa eegaluuf akka jedhu hime.
Tiraampi miidiyaa hawaasummaa akka Tiwiitarii fi Feesbuukii irraa dhorkamaniiru yookiin yeroof ugguramaniiru.
Kunis erga deeggartootni isaanii Kaappitol Hiilitti hookkara kaasaniiti. Ergasii isaaniifi gorsitootni isaanii miidiyaa hawaasummaa haaraa morkataa tahe banuuf akka jedhan himaa turan.
Jalqaba wagga kanaatti biloogii ‘From the Desk of Doonaald J Trump’ jedhamu bananiiru.
Marsariitiin kun aduu ji’a tokkoo keessatti guutummaan cufame. Gorsaan isaanii gameessi Jeesan Miilar ‘’hojii guddaa hojjechaa jirru keessaa kun isa xiqqaadha’’ jedhan.
Miidiyaa hawaasummaa amma banuuf jedhan TRUTH Social ji’a dhufu keessummootaaf banamee ‘’guutummaa biyyaatti ni beeksifama’’ jedhe ibsi TMTG.
‘’Addunyaa taaliibaan Tiwitarii akka gaariitti fayyadamee, piezidaantiin Ameerikaa keessan isin jaalattan ammo callisiifame keessa jiraanna,’’ jechuun Tiraampi barreessan.
‘’Namni hunduu kaampaanota teeknolojii gurguddaa fuuldura waan dhaabbatu tokko maaliif hin jiraanne jedhanii na gaafataa turan. Gaariidha, Yeroo gabaabaatti ni fidna,’’ jedhan.
Xiinxala: Jeemsi Kilaaytan, Rippoortara Tekinolojii Kaaba Ameerikaa
Gareen Doonaaldi Tiraampi dhimma kana irratti waan guddaa hojjechaa jiru. Garuu miidiyaa haaraan kun ammatti hojii hin eegalle.
Miidiyaa haaraan kun ammatti fuula galmee qofadha.
Miidiyaan hawaasummaa kun Tiwiitarii fi Feesbuukii morkatu hojjeta. Garuu kun salphaatti kan milkaa’u miti.
Jalqabbii isaarraan miidiyaan kun arbeeffamuun ija siyaasaan ilaalameera. Garuu akka Tiwiitarii, Feesbuukii kan namootni hundu akka maatiitti bakka tokkotti dhufuun yaada ittiin wal jijjiiran miti.
Kan inni tahuu danda’u miidiyaa ‘yaada bilisa’ akka Parler yookaan Gab irratti wal jijjiiranidha.
Doonaaldi Tiraampi amma sagalee isaa guddisanii dhageesisuuf gara miidiyaatti deebi'uu barbaadu.
Kun jalqabbii kan isaaniif tahu yoo tahu, dhagahamuuf ammo kaampaanii teeknolojii guddaa isaan barbaachisa. Garuu kun yeroo gabaabaatti waan tahu miti.