Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojii fi guddina barbaadnu argachuuf attamiin of haa ibsinu?
Yeroo baayyee waa'ee ofii dubbachuu namatti hin tolu. Hogganaa ofii duratti hafee hirriyaa biratti illeen yoo ta'ee ''of tuulummaa'' fakkaachu danda'a.
Keessattuu bakka namoonni waliitti qabamaniitti of jajjuun kan baramee miti. Haalli kunis lammiilee Itoophiyaa biratti qofa osoo hintaane faranjoonnilleen xiqqoo of qabu.
Kanneen waa'ee ofiisaanii dubbachu eegalanii jidduutti sagalee cicite, kan harkiisaanii dafqaan guutame, kanneen jechu afaanii badee hedduudha.
Isteefaanii Siwoord Wiiliiyaamsi garuu ''kun oggummaa irra deebiin yaadamuu qabuufi hundi qabaachu qabu'' jetti.
Isteefaanii dhimma haalaan of ibsuu danda'urratti kitaaba barreessite hedduun dubbifame qabdi.
Hojii hojjataniifi bu'aa argatanitti boonuun, of tuuluun akka gochaa gaariitti ilaalamu qaba jetti. Waan qaanii akka hintaanees cimsite dubbatti.
Addunyaa dorgommiin itti baayyate kana keessatti ogummaa qabdan ibsuun eddoo hojiitti fiixaan bahuummaaf hagee olaalaa qaba.
Bakka hojiitti guddina argachuuf, hojii haaraa geeddarachuuf, ija hogganaa keetii keessa galuufi guddina argachuuf waa'ee ofii sodaa tokko malee dubbachuun barbaachisaadha.
Yeroo ammaa wayita eddoo qaxaccarii tokkoof namoonni dhibbaan iyyata galfatan kanatti, ragaa barnootaa qabdaniin alatti haalaan dandeettii ofii ibsuun dandeettii barbaachisaadha.
Kun ammoo dubartoota ija laafaniifi of ibsuuf rakkatanii ogummaa barbaachisaadha.
Kanneen hojiisaanii manaa hoojjata, sababii Coviditiin carraan wayita hir'ate kanatti, dorgomiin wayita cimee kanatti filmaanni jiru waa'ee milkaa'ina keenyaa, waa'ee tajaajilaafi dandeettii keessaanii haalaan bareechitanii of ibsuu danda'uudha.
''Yoo dendeettiiwwan keenya mul'isuuf yeroo kan hin fudhannee ta'e, carraa akka barbaadamaatti ilaalamu keenyarratti karra cufaa jirra'' jechuun ibsiti Siwordi Wiiliiyaamsi.
"Waa'ee qabxiilee ittiin beekamnuu ifa taasisuun, eenyummaa keenya agarsiisuun seenaa keenya himutu nu barbaachisa,'' jetti. Waa'ee keenya warri kaan akka nuuf himan eeguun sirrii miti jetti.
Of beeksiisuu jechuun haala salphaatti hojiifii milkaa'in keenyaaf xiyyeeffannaa argamsiisuudha jechuudha.
Waa'ee ofii keessanii odeeffannoon isin miidiyaalee hawaasaa irra keessan, yoo jiraate ammoo marii hogganaa ykn namoota murteessoo ta'an waliin taasiiftan irratti qabxiilee waa'ee keessan kaaftan irratti surraa isiiniif dabaluurratti gahee olaanaa qabaata.
Dirree irratti bobbaatan keessatti guddachuufi eenyummaafi dandeettii keessan haala barbaachisuun beeksiisuun barbaachisaadha.
Damee ittatti bobbaataniin hanga sadarkaa guddinaa dhumaa qaqabuuf kan barbaaddan yoo ta'e, haala kan isiiniif mijeessu ta'a.
Addunyaan kun kan warra dhiiraati
Akka qorannoowwan addunyaa hojii irratti gaggeeffaman ibsaniitti yoo ta'e, waa'ee ofii dubbachuuf dubartoota irra dhiirootatu ija jabaata.
Akaadaamiin Ameerikaatti buu'ureeffate tokkoo qorannoo bara 2019tti ifa taasiseen, gama of ibsuutiin ''hanqiina sirna koornayaa olaanaatu mul'ata.''
Qorattoonni hirmaattoota qorannichaatiif akka qorannoo hereegaafi saayinsii fudhatanii dandeettii ofiisaanii ofumaan akka madaalan taasisan.
Hirmaattoonni qorannichaas qabxiin ofiisaaniif kennan hoggantoota isaanitiin eenyuun mindeessuu fi hangam kanfalu akka qabaatan murteessuu akka danda'an akka beekan akka taasifaman itti hmameera.
Qorannichaan dubartoonniifi dhiiroonni qabxii wal fakkaataa kan fidan ta'ulleen, dhiiroonni garuu jidduugalaan %61 yoo ofii kennan dubartoonni ammoo %46 ofii kennan.
Barreessituun kitaaba 'Dubartoonni Maaliif Dhiiroota Caalaa hiyyooman' (Whya Women Are Poorer Than Men) jedhuu, Anaabeelaa Wiiliiyaamsi, ''qorannooleen biraa hedduun akka mul'isaniitti dhiiroonni waa'ee milkaa'insaanii yoo gaafataman, 'ofiisaanii gurguruurratti' milkaa'oodha. Faallaa sanaa ammoo dubartoonni garuu dandeettiifi bu'aasaanii gadi buusanii yoo dhiyeessan argamu,'' jetti.
Dubartoonni ijoolluusaanii kaasanii yoo of ol qaban adabamaa guddatu. Maqaawwan dubatii of jajjuuf kennamu adda addaa jiraachullee ibsiti.
''Haata'u malee dhiira amala walfakkaatuu qabu ammoo akka dandeettii ofiitti amanuufi hoggansaa qabuutti lakkaa'ama'' jechuun ibsiti.
Wiiliiyaamis gamasheetiin dubartoonni hoggansa olaanaarratti argamaniifi fakkeenya ta'an waa'ee ofiisaanii dubbachuufi milkaa'insaanii jajjachuun barbaachisaa ta'u yoo dubbatan hin argaman jetti.
Bu'aan kunis dubartoonni carraa hojii tokkoof dhiiroota caalaa akka carraaqan taasisa.
Dhiiroonni ija laafanis ammoo jiru. Akkasumas dubartoonni umamaan waa'ee ofiisaanii ibsuufi waa'ee hojiisaanii dubbachurratti rakkoo hinqabnees jiru.
Qorannoo dhiheenya kana taasafame tokkoonis shamarran dubartoota jaaran caalaa waa'ee ofii ija jabiinaa akka dubbatan ifa taasiseera.
Waa'ee ofii dubbachuun kunis yoo eddoon hin filatamneef ammoo iyya duwwaafi geerarsaan adda akka hintaane oggeessoonni ni dubbatu.
Mindeessaafi hogganaa hawwachuurra carran itti isaan aarsu jiraachu danda'a.
Waa'ee ofii keenyaa laphee guutuun dubachuuf maaltu barbaachisa?
Waa'ee ofii ija jabaatanii ofitti amanamummaan dubbachuuf shaalatu barbaachisa.
Keessatti waajjira keessatti, teessuma keessan irratti tullaa waraqaa jidduutti ykn kompitara duuba taa'uun hojii idilee keessan kan raawwatan yoo ta'e carraa hubannoofi sammuu namootaan ala itti taatan guddaadha.
Osoo muuxannoofi dandeettii qabdanu kaan isin bira darbuun muudamuun badhaafamu.
Isin osoo sadarkaadhuma mindaa irra jirtanii qabattanii turtanu, kaan guddina sadarkaafi faayidaalee argatu.
Kanaafuu waa'ee ofii haalaan ibsuun, milkaa'ina keessan haala gaarii ta'een sammuu hogganaa keessanii keessatti katabuun akka dandeessaniif shakkii tokko malee shaakallii taasisaa.
Hoggantoonni hojiiwwan hojjatan, milkaa'insaanii fi gummaachasaanii kan isaan yaadachiisu barbaadu.
Dhaabbaticha keessa yeroo dheeraaf mindeeffamu kan hojjataa turtan yoo ta'elleen waa'ee ofii keessanii kan hin dubbannee yoo ta'e carraan dagatamu olaanaadha.
Kanaafuu akkuma ogummaa haaraatti laphee guutuun of ibsuu barachuufi shaakaluu barbaachisaadha.
''Karooraafi fedhii hojii yeroo dheeraa keessan hogganaa keessaniitti himaa,'' kan jettu Haariit Miintariidha.
Haariit Miintar damee kanarratti kitaaba baayyee dubbifame kan barreessite yoo ta'u, ''amma yeroosaa miti hin jedhiinaa. Isarra gumaachawwan dhaabbatichaaf argamsiiftan ilaaluun gaaffiiwwan keessan kaasaa,'' jechuun gorsiti.
Miilar waa'ee milkaa'inshee waahila hojiishee fi hogganaa isheetti beeksuuf emailiin dandii tokko ta'u kaafti.
Odeeffannoowwan imeelii kana keessatti hammachu barbaadan galchuu, haala barbaadamuun ibsuu keessaniifi yoo xinaate amala torbaniitti al tokko erguu qabaadhaa. Tokkicha jalqabnaan ssalphachaa adeema,'' jechuun gorsiti Miilar.
Kanaan alatti ammoo wayita mindeeffamtoonni haaraan dhufaniitti muxannoofi dandeettii keessan ibsuufi gorsuun shaakkaluuf dursaan dhiyaadhaa.
Namoota haaraa qaxaramaniif muxanno fi dandeettii qabdan qooduun warra kaaniitti agarsiisuuf carraa gaariidha.
Bara dijitaalaa kanatti facebook, Tiwitarii akkasumas LinkedIn irratti odeeffannoowwna waa'ee ofii keessanii qooddan irratti of eeggannoo taasisaa.
Kan yeroo yerootti haaromfamaniifi muxannoo qabdan kan haalaan ibsan ta'u hubadhaa. Isaan booda waa'ee ofii keessanii dubbachuun akkuma nama seenaa himuutti isniif salphata.