Waldhibdee Yuukireen: Puutin Yuukireen weeraruuf murteessuu isaanii 'amaneera' jedhan Baayidan

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan gitni isaanii kan Raashiyaa Vilaadimiir Puutin weerara Yuukireen irratti banuuf murteessuu isaanii amaneera, haleellaan sun ''guyyoota muraasa keessatti eegala’’ jedhan.

Aab Baayideen kun odeeffannoo basaasaa Ameerikaarratti kan hundaa’e yoo ta’u, magaalaa guddoo Yuukireen Kiiv irratti qiyyaafachuu akeeka jedhan. Raashiyaan garuu gama isheetiin weerara banuuf karoorsuu haalte.

Biyyoonni Lixaa garuu Raashiyaan muddama dharaa Baha Yuukireenitti uumuun, muddama sana akka sababaatti lakkaa’uun haleellaa jaqabuufi jedhu.

Raashiyaan loltoota 169,000-190,000tti tilmaaman daangaa Yuukireenirrattiifi iddoo daangaatti dhiyaatu qubsiisuu Ameerikaan beeksifteetti.

Lakkoofsi loltoota kun loltoota Raashiyaan deeggaraman, kanneen Reppabilika Dontetski fi Luhaansak jedhanii Bahaa Yuukireen keessatti of waamann ni dabalata.

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan tamsaasa karaa foddaa TV tiin darbe irratti masaraa Waayit Haawus irraa; ’’Humnoonni Raashiyaa torban dhuftu, guyyoota as aanan keessa Yuukireen haleeluuf karoorsu Ameerikaan sababa hin amanneef homaa hin qabdu,’’ jedhan.

‘’Ammatti Puutin murteesseera jedheen amana,’’ jedhan itti dabaluudhaan Aab Baayidan.

Kanaan dura Pirezedantii fi qondaaltoonni isaanii olaanoon dhimma kana adda hin baafanne jechaa turan.

Baayidan, Raashiyaan ammas taanaan ‘’dippiloomasiin furuu filachuu dandeessi,'' jechuun himu.

Jimaata dabre kana hoggantoonni warreen Yuukireen irraa foxxoquu barbaadanii jiraattoonni naannicha gadhiisanii akka baqatan kan akeekkachiisan yoo ta’u, Yuukireen haleellaa banuuf karoorsaa jirti, boombiin nu haleeluu hammeessiteetti jechuun muddama hammeessan.

Yuukireen gama isheetiin irra deddeebiin haleellaa kamiyyuu banuuf karoorsaa hin jiru jette.

Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Dimeetirii Kulebaa kuni ‘’Gabaasa burjaajessaa Raashiyaan uumte’’ jedhaniitu dubbicha fudhatama dhabsiisan.

Hoogganaan Rippaabilika Ummataa Donetik Deenis Puushlin, viidiyoo Jimaata waraabame jedhurratti namoonni naannichaa bahuu beeksise.

Haata’u malee, xiinxalli BBC’n daataawaan agarsiifamaniirratti gaggeesse akka agarsiisuutti viidiyoon sun diinummaan osoo hin hammaatiin, guyyaa waraabame jedhame guyyoota lama durse waraabame.

Kireemliin akka ibsetti, Pirezedant Puutiin dawoon qubannaa daangaarratti akka dhaabamuufi ‘’’gargaarsi atattamaa namoota iddoowwan Yuukireen irrraa foxxoquu barbaadaniirra nannnichatti baqatan akka gargaaruun danda’amu ajajaniiru.''

Miidiyaan Raashiyaa akka gabaasetti, jiraattoonni naannichaa konkolaataa baasii gurguddaa hedduun gara Raashiyaatti baqatan.

Ministeerri Dhimma Alaa US garuu Mooskoon isa haleellaa banuuf humna gurmeeessaa jirtu addunyaan quba akka hin qabaanne gochuufi kana dalagdi jedhe.

Waayit Haawus akka jedhutti, namoonni naannichaa baafamuun Mooskoon burjaajii uumtee waraana banuu ka’uumsa godhachuufi jedhe.