Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pireezidant Putiin humna nikuleeraa Raashiyaa sakatta'uuf yaalii godhamu hoogganuufi
Muddamni Raashiyaa, Yukireeniifi biyyoota Lixaa wayita hammaachaa jirutti Raashiyaan humna Niikuleeraa ishee sakatta'uuf yaalii misaayelaa Sanbata gaggeessitu pireezidant Putiin akka hoogganan gabaafame.
Pireezidant Vilaadmiir Puutiin Sanbata xiqqaa kana shaakala waraanaa guddicha biyyattiin gaggeessitu akka hoogganan Raashiyaan beeksiste.
Shaakalliiwwan waraanaa kun misaayeloota baalistikiifi kiruus jedhaman furguggisuun gahuumsa meeshaa waraanaa Niikuleeraa sakatta'uuf akka ta'e ibsameera.
Raashiyaan sagantaan kun muddama Yukireen waliin jiru hammeessuu osoo hin taane sagantaa idilee ta'uu beeksifte.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ammaan tana daangaa Yukireen waliin jiru irratti loltootni, qaamoleen humna qilleensaafi kan galaanaa walumatti 149,000 qubatanii jiraachuu beeksieera.
Raashiyaan yaalii dhukaasa misaayelootaaf qophaayaa kan jirtu hoogganooni addunyaa Jimaata har'aa koonfireensii nageenyaa Jarman magaalaa Muuniikitti wayita gaggeessaa jiranittidha.
Raashiyaan erga bara 1999 yeroo duraaf konfiransii kana irratti osoo hin argamiin hafte.
Kun kanaan osoo jiru ibsa mootummaan Raashiyaa loltoota isaa naannoo daangaarraa baasaa jira jedhuuf US ragaan hin jiru jetteetti.
Ergamaan addaa US ammaan tana Raashiyaan daangaa Yukireen irratti loltoota hanaga 190,000 qubachiisuu dubbatan.
Awurooppaatti Amaasaaddara nageenyaafi waltumsuu kan ta'an Maayikil Kaarpentar loltootni Raashiyaa amma daangaarra jiran 169,000-190,000 ta'uu jedhan.
Hanga Amajjii 30'tti lakkoofsi loltoota Raashiyaa daangaarra jiranii 100,000 hin caalu ture.
Dippiloomatiin kun Raashiyaan Yukireeniin weeraruuf sababa barbaadaa jirti jedhan.
Yaa'ii Muunikitti eegalame irratti haasaa kan taasisan barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez muddamni jiru hammaatee gara waraanaattii yoo galame ''balaan isaa hamaadha'' jedhan.
''Loltootni Raashiyaa daangaa Yukireen irratti baayyachuun ani akkaan yaaddaheen jira. muddamniifi tilmaamni jiru waraanni Awurooppaa keessatti dhalachuu akka malu'' jedhan Gutareez.
Waraanni jalqabnaan dippiloomasiif carraan waan hin jiraanneef dubbiin hamaa ta'a jechuun akeekkachiisan.