Muddama Raashiyaa fi Yukireen: Yukireen sa'aatii 48 gidduutti Raashiyaa waliin mari'achuuf gaafatte

Yukireen muddama waraanaa naannichatti umamaa jiru qabbaneessuuf Raashiyaafi biyyoota Gamtaa Awurooppaa ta'an waliin marii taa'uuf waamicha dhiyeessite.

Minisitirri Dhimma Alaa Yukireen Diimitiroo Kuleebaa akka jedhaniitti Raashiyaan waa'ee loltoota daangaarratti walitti qabaa jirtu irratti ifatti akka ibsituuf gaafatamtulleen deebii hin kennine.

Tarkaanfiin itti aanu sa'aatii 48 keessatti walgahii waamuudhaan Raashiyaan karoora ishee ''iftatti'' akka ibsitu gochuudha jedhan ministirichi.

Raashiyaan loltoota kuma 100 ol ta'an dhiheenya daangaa Yukireen yoo hiriirsitu, himannaa Yukireen weeraruuf jechuun irratti ka'u sobadha jechaa jirti.

Haata'u malee biyyoonni lixaa tokko tokko Raashiyaan Yukireen irratti haleellaa waraanaa raawwachuu dandeessi yoo jedhan, Ameerikaan gamasheetiin Mooskoon yeroo kamittuu haleellaa qilleensaa raawwachuu dandeessi jechuun akeekkachiifte.

Biyyoonni hedduunis lammiileensaanii Yukireen keessaa akka bahaniif waamicha taasisan. Kaan ammoo hojjattoota Imbaasii isaanii magaalaa guddittii Kiiyeev keessaa baasaa jiru.

Buufanni TV CBS jedhamu maddeen kiyya irraan hubadhe jechuun akka gabaaseetti, Ameerikaan hojjattoota Imbaasii ishee sa'aatii 48 itti aanan keessatti baasuuf qophii irratti argamti.

Ministirri Dhimma Alaa Kuleebaan akka jedhaniitti, Yukireen Raashiyaan haaluma seera Viyeenaatti ibsa akka kennituuf Jimaata gaafattee jirti.

Seerri Viyeenaa Raashiyaa dabalatee sanada waa'ee nageenya biyyoonni Awuurooppaa ibsuudha.

Haata'u malee pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelensky, tasgabbii dhabiinsa jiru komachuun, oduun Raashiyaan guyyoota ittaananitti Yukireen weeraruuf jedhu kan ragaa hinqabnedha jedhan.

Zelenskiin guyyaa Dilbataa yoo xinnaate marii sa'aatii tokkoo bilbilaan pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayidan waliin taasisan yoo ta'u, Baayidan biyyisaanii deeggarsa Yukireeniif taasiiftu cimsitee akka itti fuftu dubbataniiru jechuun kan beeksisan ammoo qondaaltoota Waayiti Hawuusitti.

Akkasumas guyyaa Sambataa marii bilbilaan kan taasisan Baayidaniifi hogganaan Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin osoo waliigaltee irra hin gahiin hafaniiru.

Warri lixaa ejjannoo Raashiyaan Yukireen miseensa Nato ta'u hin qabdu jette kuffisuun, miseensoonni haaraan seenuu qabu jedhu.

Landaniitti Ambaasaaddarri Yukireen Vaadiim Piriistaayikoon karoora Nato'tti makamuuf biyyisaanii qabdu dhiisuu akka dandeessu BBCtti himaniiru.

Furmaata nagaa fiduuf yaalaa jirra kan jedhan biyyoonni lixaa, hogganaa Raashiyaa waliin mari'achuuf yaalaa jiru.

Yaalii furmaata dippilomaasitiif ammoo Chaansilariin Jarmaan Olaaf Shoolzi Wiixata har'aa gara Kiiyeeviitti imaluun, Pirezidaanti Zeeleensikii waliin, Kibxata ammoo gara Mooskootti imaluun Puutiin waliin mari'achuuf karoora qabaachuu beeksisan.

Chaansilariin Jarman kunis Raashiyaan tarkaanfii waraanaa yoo Yukireen irratti fudhatte, qoqqobbii diinagdee olaanaan akka ishee eeggatu akeekkachisa kennanii turan.

Haata'u malee aanga'oonni Barliin tarii imalichi jijjiirama fiduu dhiisuu danda'a yaaddoo jedhu qabu.

Gama biraatiin MM UK Booriis Joonsan biyyoota Awurooppaa waliin marii taasisuudhaan Raashiyaa ''qarqara waraanaatii deebiisuuf'' qophaa'uun dhagahameera.

Gorsaan Nageenya Biyyaaleessaa Baayidan Jeek Suliivaan ''weerarichi guyyaa kamittuu eegaluu danda'a'' jechuun dhagahameera.

Raashiyaan loltoota daangaa koo keessa kanan walitti qabe, nageenya kiyyaaf yaadda'een jetti.