WHOn qorichaafi meeshaalee wal'aansaa xiyyaaraan Tigraay geessuu eegale

Qorichi Tigraay wayita seeneetti

Madda suuraa, WHO ETHIOPIA TWITTER PAGE

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n qorichootaa fi meeshaalee wal'aansaa barbaachisaadha jedhaman Guraandhala 11, 2022 irraa kaasee gara Tigraayitti xiyyaaraan geessuu eegaluu beeksise.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waajjirrisaa Itoophiyaa ibsa Jimaata fuula midiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, qorichaafi meeshaalee wallaansaa meetirik toonii 33.5 xiyyaaraan gara naannootti galchuudhaaf karoora qabaachuu barreesseera.

Mootummoota Gamtoomaniitti tajaajilli qilleensaa namoomaa balaliinsa lamaan kan jalqabaa guyyaa guyyaan akka gahu kan yaadame meetiriik toonii 10 gahu biirichi ibseera.

Balaliinsawwan walitti fufiinsaan taasifamaniin qorichootaafi meeshaaleen wallaansaa guyyoota ittaanan akka qaqqaban himeera.

Koreen Fannoo Diimaa idil-addunyaas baatiiwwan shaniin booda yeroo jalqabaatiif meeshaalee wallaansaa lubbuu baraarsaaf oolan qaqqabsiisuu eegaluu torban lamaan dura ibsee ture.

Dhaabbatichi meeshaalee kanneen gara naannichaa galchu kan danda'e qilleensarraan yoo ta'u balaliiwwan dabalaa akka jiraatan himee ture.

Kana malees torban darbe keessa dhaabbata idil-addunyaa tokkoon qorichoonni meetirik toonii 14 ol karaa qilleensaaatiin naannicha seenuu biiroon qindeessaa dhimmoota namoomaa (UN OCHA) ibsa Jimaata baaseen beeksiseera.

Haata'u malee kan qaqqabaa jiru baayyee kan barbaadamuun gadi jedheera.

Kanaan duras WHOn naannoo Tigraay waraanaan baayyee miidhamteetti walakkeessa Adooleessa bara darbee irraa kaasee meeshaalee wallaansaa galchuuf heeyyama dhabuu beeksisee ture.

Daareektarri Olaanaan dhaabbatichaa Dr Teediroos Adihaanoom dhaabbannisaanii meeshaalee wallaansaa Tigraay galchuuf irra deddeebiin gaafatulleen heeyyama argachuu akka hin dandeenye ibsuunsaanii ni yaadatama.

Ta'ulleen naannoo Amaaraa waraanaan miidhameef meeshaalee wallaansaa meetirik toonii 70 akkasumas Affaariif meetirik toonii 14 qaqqabsiisuu ibseera.

Sochiilee dhaabbatasaanii biyyoota waraana hamaa keessa turan kan akka Yemaniifi Sooriyaattillee haala hin daangeeffamneen hojjataa turuu kaasuun, Itoophiyaatti garuu haala hanga ammaatti hin baramneen dhorkaan akka irra kaa'amu kaasanii turan.

Naannoo Tigraayiitti daa'imman dabalatee dhukkubsattoonni hanqina qorichaa hamaa irraa kan ka'ee du'aa jiraachuu ogeeyyiin fayyaa ibsa baasaniifi akka BBCtti himaniin ibsuunsaanii ni yaadatama.

Kanaaf ammoo sababii olaanaan dhorkaa kaa'amee waliin walqabatee qorichaafi meeshaalee lubbuu baraaruuf oolan kan biraa gara hospitaalootaa dhiyeessuun waan hindanda'amneef ta'uu himan.

Dubbi Himaan Mootummaa Itoophiyaa Dr Laggasa Tulluu mootummaan dhorkaa kamuu akka hin keenyeefi rakkina yeroo sanatti umameef ittigaafatamaan TPLF jedhaniiru.

Hakiimoonni hospitaaloota Magaalaa Maqaleetti argaman akka dubbataniitti, qorichoonni tibba wallaansa baqaqsanii wallaanuutti isaan barbaachisan dhabuurraa kan ka'e wallaansicha kennuu akka dadhaban himan.

Hojjattoonni Hospitaala Riifaraalii Ayidar ibsa baasaniin ibsaan irra deddeebiin waan ciccituufi dhiyeessii oksijiinii dhabanuun dhukkubsataan du'aa jiraachuu dubbatan.

Tigraayitti namoonni miiliyoona shanii ol deeggarsa nyaataafi meeshaalee bu'uuraa biraa kan barbaachisu ta'ulleen konkolaataan deggarsa gara naannichaa galchuun adda cituu OCHAN hime.

Walumaagalatti naannichatti deeggarsi namoomaa adda cite ykn haala olaanaadhaan hir'ateera kan jedhe OCHAn kanaafis rakkoo boba'aa, maallaqaa fi deeggarsa akka sababaatti kaaseera.

Waraanni naannoo Tigraay keessatti Sadaasa 2020 keessaa eegalee naannoo Amaaraa fi Affaar keessatti babal'achuun kumaatamni sababiisaatiin lubbuusaanii akka dhaban himama.

Haaluma walfakkaatuunis Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii (UN) ibsa dhiyeenya kana baaseen, Tigraayitti namoonni harka 40 ta'an hir'ina nyaataa cimaaf saaxilamuun rakkataa jiraachuu ibsuun isaa ni yaadatama.