'Uummatni Affaar lola isa hin ilaallanne lolaa jira kan jedhu dogongora'-Paartii Uummata Affaar

"Lolli bifa hamtuurra jira. Uummataa fi jara TPLF gidduutti lola jabaatu adeemaa jira" jechuun dura taa'aan Paartii Uummata Affaar Obbo Musaa Adam BBCti himaniiru.

Lola humnootiin TPLF Mudde 10/2014 irraa eegalee naannoo Affaar godina Kibaltii Rasuu irratti bananiin namootni kuma 300 ol qe'ee isaaniitii buqqa'uu mootummaan naannichaa beeksiseera.

Haala nageenyaa naannichaa irratti Prezidaantii naannoo Affaar Obbo Awwal Arbaa walin mari'achuu kan himan Obbo Musaa, "uummatni keenya yeroo ammaa dhimma waraana kanaan walqabatee haala hamaa keessa jira waan ta'eef uummata kana akkamitti gargaaruu akka qabnu mari'anne" jedhan.

Dabalataan "lola kanas hatattamaan akkamitti dhaabuu akka qabnu, walumaagalatti sarbamuun mirga namaa naannoo kana keessatti gaggeeffamaa jirus akkamitti sirreeffamuu akka qabu irratti haasofnee jirra" jedhan.

Waraana naannoo Affaar keessatti adeemaa jiruun humnootii TPLF lolaa kan jiru uummata horsiise bulaa naannichaafii humnootii mootummaa naannichaa akka ta'an Obbo Musaa Adam BBCti himaniiru.

'Lolli bifa hamtuurra jira'

Waajjirri Kumunikeeshinii naannoo Affaar ibsa Dilbata darbe baaseen aaanaalee shan kanneen godina Kilbatii Rasuu keessaatti argaman fi magaalaan Abaalaa humnootii TPLFn to'atamuu himeera.

Haleellaa humnootiin TPLF "meeshaalee gurguddaan deeggaramuun gaggeessaa jiran kun Sardoo qabachuun daandii guddicha gara Jabuutii geessuu to'achuufi Affaar akka lafa falmiitti fayyadamuuf'' kan kiyyeffateedha jedheera.

"Lolli bifa hamtuurra jira. Nuti ammallee garasuma jirra. Uummata fi jara TPLF gidduutti lola jabaatu adeemaa jira" kan jedhan dura taa'aan Paartii Uummata Affaar Obbo Musaa Adam Umar, lolli godina Kibaltii Rasuu keessa aanaalee afur keessatti adeemaa jiraachuu himan.

Humnootiin TPLF aanaalee Ab'aalaa fi Ebartii jedhaman to'atanii akka jiranfii aanaalee Baraahilee fi Konabaa keessattimmoo lolli cimaan akka jiru Obbo Musaan BBCti himaniiru.

"Lola akka isaan fedhanitti ta'u miti. Akka nuti feenullee kan ta'u miti. Kanaaf lubbuu ilma namaa hedduutu dhumaa jira" jedhan.

Kanaaf humnootiin TPLF naannoo Affaar keessaa bahu akka qaban, waraanni dhaabbachuu akka qabufii gargaarsi namoomaa ummata naannolee Affaar fi Tigraayif qaqqabuu akka qabu himan.

'Lafa Affaar akka qabdiitti'

Dura taa'aan TPLF Dr. Dabratsiyoon Gabra Mikaa'el gaaffiif deebii torbee tokko dura BBC newshour waliin taasisanin haleellaa gama naannoo Affaariin irratti aggaamamuu danda'u hambisuuf humnootiin isaanii gara naannichaa akka seenan himanii turan.

Haa ta'u malee dura taa'aan Paartii Uummata Affaar Obbo Musaa Adam, yaadni hogganaa TPLF sirrii akka hintaanefii yaaddoon lolaa isaan baanan gama godina Kibaltii Rasuun kan hinjirre ta'uu himu.

"Naannoo isaan amma lola itti bananitti nama lola isaanitti banu dhiisi waraanni Ittisa Biyyaa hin turre. Poolisiin addaa Affaaris achi hin turre. Ummatuma irratti lola kana banan" jedhan.

Dabaluunis "mootummaa giddugalaarratti dhiibbaa uumuudhaaf waa harkaa qabaachuu qabu waan ta'eef keessattuu naannolee Amaaraafii Affaar irraa aanaalee hanga ta'e qabachuu barbaadu" jedhan.

"Lafa sana qabatanii mootummaa giddugalaa waliin mariidhaaf gadi taa'uuf yaadaa jiru" jechuunis himan.

Humnootiin TPLF mootummaa federaalaarratti dhiibbaa uumuuf jecha lolichi akka dhaabbatuuf fedhii akka hinqabne kan himan Obbo Musaan, "uummatni Affaar gatii isaaf hinmalle kaffalaa jira" jedhan.

'Uummatni Affaar lola isa hin ilaallanne lolaa jira' kan jedhu dogongora

Obbo Musaa Adam lola naannoo Affaar keessatti adeemaa jiru ilaalchisee ilaalchi dogongoraa akka jirufii haalli qabatamaan jiru hubatamuu akka qabu himu.

"Yeroo ammaa kana uummatni ollaa keenyaa uummatni Oromoo ilaalcha dogongoraa tokko akka qaban nutti dhagahamaa jira" jedhan.

Yaadni "uummatni Affaar lola isa hin ilaallanne lolaa jira" jedhu jiraachuu kan himan Obbo Musaa, yaadichi dogongora ta'uu himan.

"Yeroo ammaa kana Affaar maqaa ofiitiin malee, biyya ofiirratti malee, dhimma ofiirratti malee maqaa uummata biraa qabatee dhimma uummata biraa bakkaan gahuudhaaf hojiin hojjetu tokkolleen hinjiru" jedhan.

"Biyya ofiirratti, lafa ofiirratti, qabeenya ofiirratti miidhamaa jirra. Kun akka nuf hubatu barbaadna" jechuunis himaniiru.

Yaadni obbo Muusaan kaasaan kun yaada roogeeyyiin miidiyaa hawaasaa Oromoo kaasaa jiran gara caalu ilaallata.

Waraanni waggaa tokko dura naannoo Tigraay ka'umsa godhate gara naannolee Amaaraafii Affaar babal'atee namafii qabeeyarratti miidhaa qaqqabsiisunsaa ni yaadatama.

Lolichaan namootni miliyoonaan lakka'aman qe'ee isaaniitii kan buqqa'an yemmu ta'u kumaan kan lakka'aman lubbuu dhabuutu gabaafama.

Waraanichi humnoonni TPLF naannolee qabatanii turan keessaa bahuu hordofee kan qabbanaa'ee fakkaatee turus akka haarawatti gama naannoo Affaariin itti fufeera.