Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Federaaliizimiin amma jiru akka itti fufu feena' - Paartii Ummata Affaar
Paartiin Uummata Affaari (PUA) akkuma dhaaba siyaasaa ABO fi Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen fa’i baqaaf saaxilamee ture. Shororkeessaas jedhamee ture. Booda akkuma dhaabbilee siyaasaa kan biroo erga MM Itoophiyaa Abiy Ahimad gara aangootti dhufanii booda gara biyyaatti deebi’e.
Amma Paartiin Ummata Affaar kun dhaaba siyaasaa naannoo Affaar keessa sochoo’an keessaa isa tokkoha.
BBCn dura taa’aa paartichaa Obbo Muusaa Adam waliin turtii taasiseera.
BBC: Mee paartiileen siyaasaa waan baay’ataniif kan keessan gabaabsaa nuuf himaa.
Obbo Muusaa: Bara 2000’tti kan hundaa’e, sana booda seera qabeessa ta’uu hin dandeenye. Kan asitti hundaa’e diigamee, paartichis shororkeessaa jedhame. Miseensonnis bittinnaa’anii, dhoksaan sochoo’uutti kaanee achiis baqanne.
BBC: Loltoota hagamii qabdu ture?
Obbo Muusaa: Loltoota 3,000 kan hidhatan qabna ture, Ertiraa keessa turan.
BBC: Amma loltoonni keessan eessa jiru?
Obbo Muusaa: Jijjiiramicha booda suuta suuta isaan galchineerra, asitti jireenya isaanii akka ijaaran gooneerra. Gartuun waraanaa keenya yeroo kanatti guutummaatti hin jiru.
BBC: Miseensota hagamii qabdu?
Obbo Muusaa: Namoonni dhaabbiidhaan kaffaltii ji’aa kaffalan kuma 250 ni ta’u.
BBC: ‘‘Ginboot 7 warra Affaar’’ maaliif isiniin jedhu?
Obbo Muusaa: Har’uma kana gaazexeessaan tokko kanuma na gaafachaa ture. ‘Ginboot 7 waliin walitti dhufeenya qabdu jedhama’ naan jedhe.
Anis ‘Ginboot 7 jiraan?’ ittiin jedhe.
Obbo Muusaa: Tarii afurasaa IZEMAtu wareerse ta’uu mala jennee haaqabannuuti, gaaffii itti haafufnu. Maaliif maqaan masoo kun isiniif ba’e? Ergamtoota Ginboot 7 kan isiniin jedhanis turan.
Obbo Muusaa: Paartiin Ummata Affaar hundeeffamarraa kaasee yaada warra kaan qollifatu hin qabu. Adeemsa siyaasaa giddu-galaa hordofa.
Ginboot 7 paartii miiltoo keenya kan waliin ari’amnedha. Ertiraa osoo jirruus hariiroo gaarii qabna turre. Biyya alaa osoo jirruus Sochii Biyyaalessaa Itoophiyaa waan jedhamu qabna turre. Sana keessas Leencoo Baatii dabalatee, Warraaqsi Bilisummaa Sidaamaa fi Ginboot 7 akkasumas nutillee keessa turre.
Amma Ginboot 7 diigamee nutis akka haaraatti gurmoofneerra.
Amma Iizeemaatu jira, Iizeemaa waliinis hariiroo gaarii qabna. Kun waan dhoksaa qabu miti.
Ilaalcha siyaasaa keenyaatiin garuu tokkodha jechuu miti.
BBC: Adda addummaan keessan bu’uuraa maalidha?
Obbo Muusaa: Fakkeenyaaf, nuti sirni federaalaa amma jiru kun rakkoo hin qabu, itti haafufu jenna.
BBC: Sirni federaalaa afaan bu’uureffate sirriidha jettanii amantuu?
Obbo Muusaa: Eeyyeen! Sirnichi rakkoo qaba jennee hin amannu. Akkaataa hojiirra itti ooleefi akka hin taanetti micciirameetu rakkoo hamaa ture.
Summaa’aa qofa osoo hin taane, ummattoonni eenyummaa isaanii qabatanii waliin akka hin jiraanne kan godedha jennee amanna.
IZEMAn gama isaatiin federaaliizimii teessuma lafaa irratti hundaa’etu wayya jedha, keenya waliin baay’ee walirraa fagaata.
BBC: Paartiin keessan dubartootaaf iddoo qabaa, fakkeenyaaf meeqatu hoggansarra jira?
Obbo Muusaa: Nuti dhimma dubartootaa laayyootti hin ilaallu. Dubartoonni hirmaannaa siyaasaa daangaa hin qabne akka qabaatan falmanna.
Dubartiin Affaar akka warra naannoo biraa jiranii haalonni kan mijateef miti. Isaaniin gara siyaasaatti fiduun hojii salphaa akka sitti hin fakkaanne.
Haata’u malee, miseensota dubartootaa hedduu qabna. Dubartoonni dargaggeeyyiin bal’inaan akka hirmaatan ni goona.
BBC: Mee lakkoofsaan natti himaa, miseensa meeqatu hoji raawwachiiftuudha?
Hoji-raawwachiiftuu 11 keessaa afur dubartoota. Itti gaafatamummaa cimaa ta’es qabu.
Koree giddu-galeessaa 45 keessaa 15 dubartootadha. Lakkoofsa xiqqaa ta’uu ni beekna. Garuu cimnee hojjechaa jirra.
Nuti paartilee siyaasaa biyyattii keessa jiran keessaa hirmaannaa dubartootaan adda dureedha. Boordiin filannoo qorannoo taasise qaba.
Nu bira miseensota jiran keessaa %34 kan ta’an dubartoota, xiqqaa fakkaatus akka biyyaalessaatti inni guddaan %38 dha.
Dubartiin Affaar itti gaafatamummaa hedduu qabdi, siyaasaaf yeroo hin qabdu, lakkoofsa kanarrayyuu kan geenye haalaan waan irratti hojjenneef.
BBC: Yoo filatamtan paarlaamaa keessan bakka lamatti qooduuf yaaddaniittu, shengoo jaarsoliin aadaa bakka itti bu’an ni jiraata, kuni maaliif barbaachise?
Obbo Muusaa: Tole! Akka naannoottis ta’e akka biyyaatti wanti nu rakkisaa jiru jira. Yookaan ammayaawaa hin taane, yookaan aadaa keenya keessa taanee siyaasa amayyaawaa hin uumne. Gidduurra bololi’aa jirra. Burjaajofneerra.
Fallisaas ofitti deebi’uudha. Nuti mana-maree lama qabaanna. Sadaffaan ammoo mana-maree gorsaa jedhama.
Manni maree inni jalqabaa bakka bu’oota ummataan filatamaniin kan guutamudha.
Inni lammeessoon dhaabbilee aadaa garagaraa, keessumaa, abbootii amantaafi aadaa akkasumas jaalleewwan bubbulan irraa kan walitti ba’an ta’a.
Jaarsoliin Affaar paartii kam keessayyuu haajiraatan, ummataafi biyya keenyaaf gatii kaffalaniiru. Kufanii ka’aniiru, hedduus arganiiru.
Jaarsoliin kunneen muuxannoofi beekumsa guddaa waan qabaniif iddoo isaaniif malu kennuufii qabna.
Mootummaan bulchiinsa aadaafi kan jabanaa wal-simsiisee deemuu qaba jennee amanna.
Manni-maree lama kan barbaachise kanaafi. Gidduurra manni-maree gorsaan ni jiraata.
Manni-maree gorsaan kun dhalattoota beektota Affaar kutaalee addunyaa garagaraarra kan jiran hammata. Mana-maree aadaafi bakka bu’oota ummataa gidduu riqicha ta’uun walitti fida.
BBC: Ummanni Affaar jaalala biyyaa guddaa qaba jedhama, akka jedhamutti seenaa keessatti iddoon guddaan kennameeraaf jettanii yaadduu?
Obbo Muusaa: Ummanni Affaar osoo ummattoota Itoophiyaa kaan irraa gargaarsa hin argatin, waraana hedduu irratti bobba’ee daangaa biyyaa kabchiiseera.
Kanaaf, bakkeewwan waraanaa hedduutu ragaadha, dhimma biyyaa irratti qaama kaanirraa beekamtii waan hin feeneef na galateeffadhaa hin jedhu.
Beektonniifi barreessitoonni seenaa garana osoo dhufanii gaafatanii seenaa hin beekamne hedduu baasuu danda’u.
BBC: Bakka bu’iinsa ummata Affaar sadarkaa federaalaatti jiru akkamiin ilaaltu?
Obbo Muusaa: Bakka bu’iinsi federaalatti qabnu zeeroo jedhamuu danda’a. Ministira tokkittii qabna. Sanarra darbee ministeerotaafi eejansiiwwan 20 ol jiran keessa sadarkaa daayirektaraarra namni jiru tokkollee hin jiru.
BBC: Maaliif isinitti fakkaata?
Obbo Muusaa: Dur nama barate hin qabdan nuun jedhu ture. Sirrii turani, barachuu baannaan hoji raawwachiisaa mootummaa ta’uu hin dandeessu.
Amma garuu gosa barnootaa hundaan kan barate guuteera, loogiidhuma qindaa’aa ganna 50f ummata keenyarra ga’aa turetu ammas itti fufee jira.
Ummanni Affaar guddina biyyaa keessatti akka hirmaatuuf carraan kennameefii hin beeku.
Qabeenya uumamaa qabu irraa fayyadamee hin beeku.
BBC: Loogiin nurratti raawwataa ture jechaa jirtu, garuu naannoleen biroos akkasuma jedhuum…
Obbo Muusaa: Maal seete…Nuti birmadummaa Itoophiyaa irratti qoosaa hin beeknu, tasumayyuu.
Ta’us akka Affaaritti Itoophiyaa keessatti kabajamnee qabeenyas horannee jiraachuu feena.
Dubartoonni keenya miixuun isaan qabee bakka biraa deemanii akka da’an hin feenu. Namni kaan anatu siif beeka akka jedhu hin feenu.
Eertaalleefi Daalool qabeenya tuuristii akka malee qalbii hawwatanidha, isaanirraa fayyadamuu feena. Luusiin magaalaa Adaar keessaa argamte, isheenis muuziyeemiin guddaan ijaaramee asitti deebitee akka daawwatamtu feena.
Dubtii osoo agartee magaalaa akka malee ho’ituu fi maallaqni guddaan keessa sochoo’udha, garuu manni gaariin tokko keessa hin jiru. Nyaattee gammaddee hin baatu. Manneen qorqorrodhaan kan guutamteefi kaampii waraanaa kan fakkaattudha.
Daldaltotaan maaliif mana gaarii hin ijaartan jettee yoo gaafattuun, gibira akka malee ol nutti kaasu siin jedhu. Suni dhaabbachuu qaba. Anga’oonni konkolaachisaa erganii daldaaltotaan qarshii ergi jechuun dhaabbachuu qaba.
BBC: ‘Jijjiirama’ booda naannoo keessanitti jijjiiramni jiraa?
Obbo Muusaa: Dhugaa dubbachuuf hoggansa naannoo jiruuf kabaja guddaa qabna. Duuchaadhaan busheessuun adeemsa keenya miti.
Pirezidantiin naannoos ta’e anga’oonni biroon paartii keenya waliin hariiroo gaarii qabu. Haala naannolee biroo keessatti hin baramneen waliin hojjennna.
Rakkoon kan jiru gajjallaadha. Kan muummicha ministiraattis himeen jira. Finfinneerraa baatee gara gadii yoo deemtu jijjiiramichi badaa deema. Hoggansi gooda jiru jijjiiramicha hin beeku jedheeraan.
Fakkeenyaaf, kaadhimamtoota keenya hojiirraa ari’u. Gaafa duula taasifnu ummanni yaa’ee yoo dhufu anga’oonni aanolee ni na’u. Wanti akkasii naannoo keenyatti ta’ee hin beeku. Baay’ee rifatu.
Namoonni kun nu balleessuufi jedhanii waan yaadaniif danqaa nutti baay’isu.
Bakka tokko tokkotti ammoo galma seenuun, biyya keessanidha omaa hin yaadda’inaa jedhanii kaadiroonni yaada kennuun deeman ni jiru.
Yoo haalonni mijachuu baatan garuu filannoo keessaa ba’uu dandeenya jennee yaaddofna.
BBC: Dhimma horsiisee bulaa akkamiin dhimma biyyaalessaa gochuuf yaaddani?
Obbo Muusaa: Sadarkaa Itoophiyaatti imaammatoonni ba’an kan horsiisee bulaa giddu-gala godhtana akka ta’aniif qabsoofneerra. Qabsoon keenyas itti fufa. Fakkeenyaaf, seerri filannoo yoo ba’u, keewwatan jaha ta’an akka sirraa’an nutu godhe.
Fakkeenyaaf, namni tokko filachuuf bakka tokko ganna lamaaf jiraachuu qaba isa jedhu, jireenya hosrsiisee bulaa yaada keessa kan galche miti jennee jijjiirsifneerra. Kan biroos hedduun jiru.
Imaammanni horsiisee bulaa akka ba’uuf kan falmate Paartii Ummata Affaar dha. Itoophiyaan qabeenya looniitiin Afriikaarraa tokkoffaa taatee osoo jirtuu, amma yoonaa imammata kana ilaallatu hin qabdu. Amma garuu Manni-maree ministirootaa
BBC: Lakkoofsi horsiisee bulaa hagami?
Obbo Muusaa: Ummata miiliyoona 12-15 ga’udha. Bal’ina lafaa biyyattii keessaa %62 haguuga. Omishaalee biyyattiin alatti ergitu keessaa bunatti aansee kan argamu omisha looniiti.
Omisha qonnaa waliigalaa biyyattii keessaa, horsiiseebulaan %43 gumaata. Seektarri kun imaammataan deeggaramuu baannaan biyyi akkamiin fuulduratti deemti?
Nuti imaammata baasuudhaan, qalamaani kan falmannu. Sadarkaa federaalaatti eegalleerra, jijjiiramichas itti fufsiifna.
BBC: Walitti bu’iinsi ummata Affaar fi Somaalee gidduu jiru maaliif hiikamuu dadhabe?
Obbo Muusaa: Gabaabumatti, rakkoo mootummaati.
Abba Musxafeefi Abba Awwal wal-arganii, muummicha ministiraa waliinis wal-arganii mari’atanii, oolee osoo hin bulin namoonni dhibbaan lakkaa’aman dhumaniiru.
Rakkoon kun oduudhaan hin hiikamu. Dhugumatti fedhiin fala barbaachuu hin turre.
Rakkoon gandoota sadeen keessa jiru wal-xaxaa miti. Naannoon Affaar gandoota kunneeniif waan barbaachisu hunda gochuun waan salphumatti hiikamuu danda’udha.
Naannoon Affaar tajaajiloota kan akka barnootaa, fayyaa fi kan biroos dhiyeessuufiif dirqama qaba.
BBC: Gandoota wal-mormisiisoo sadeen keessa kan jiraatu ummata Somaaleeti mitii?Ummata Somaalee waan ta’aniif qofa bu’uuraaleen misoomaa irraa cituu qabaa?
Obbo Muusaa: Eeyyeen! Gandoonni kunneen gandoota Naannoo Affaar keessa jiraniifi ummanni Somaalee keessa jiraatanidha.
Gama sanaanis kan fudhannee kana deebisna jechuu osoo hin taane seeraan daangaa itti tolchuutu barbaachisa. Akka ummata jabanaawaatti mari’achuun hiikuutu barbaachisa.
BBC: Ummanni lameen kan adda isaan godhurra kan wal isaan fakkeessutu baay’ata. Akkamitti wal-dhabdeetti seenu?
Obbo Muusaa: Ummanni lamaanuu uumamni isaan olloomsee jireenya gadadoo obbolaa waliin dabarsanidha.
Dabalataanis ummata siyaasa Itoophiyaa keessaa dhiibamaa turanidha, rakkoo kanarratti boba’aa firfirsuun waan dabaati. Nuti mootummaa yoo tanu dursa kan kenninu kanaafidha.
BBC: Affaar keessa nagaan dhabamnaan laboobni isaa biyya gidduudhaa dhaga’ama, nageenya waaraa fiduuf maal yaaddu? Humna addaa gurmeessuu irratti waliigaltuu?
Obbo Muusaa: Humna addaa ilaalchisuun kallattiin biyyaalessaa wal-fakkaatu kaa’amuu qaba jennee amanna.
Poolisiin dhaabbiifi kan federaalaa jira. Raayyaan ittisa biyyaas jira. Gadi yoo buutus milishaan jira. Kunneen ga’aadha jennee amanna.
Poolisiin jabanaawaa, maal akka gochaa jiru beeku, lammiileef eegumsa kan godhuufi goolii uumuu akka hin qabne kan hubatu hundaa’uu qaba.
Morkiin humnoota addaa naannolee nuyaaddessa. Lamaan keessaa tokkotu ta’uu qaba. Yookaan gara biyyaatti bittinnaa’uu qabu, yookaanis humni ergama addaa qabuufi fuulaafi duubnisaa beekamutu ijaaramuu qaba.
Qaamoleen nageenyaa kan akka daldala koontiroobaandii to’ataniifi kan dhimma shororkii irratti addatti hojjetan nijiru. Isaan ergamni isaanii sirriitti ifadha. Malee kan poolisii addaa kun waan gaarii qabatee dhufa jennee hin yaadnu. Hoji-manee mootummaa isa guddaadha jennee yaadna.
BBC: Jabuutiin birmadummaa akkuma eeggattetti miira biyyummaadhaan Itoophiyaa waliin hojjechuu waan feetu sinitti fakkaataa?
Obbo Muusaa: Jalqabarratti, birmadummaa isaanii tuquu hin fedhu. Erga nagaafattee garuu waa sitti haa himu.
Dhimmi Jabuutii jabina keenya irratti kan hundaa’udha. Biyyoonni lameen hayyama isaaniitiin tokko ta’uuf waan rakkatan hin se’u. Fagoos miti. Akkamiin nama siyaasaa taatee akkas jetta naan jechuu malta, naaf gala.
Gabaabumatti yoon siif ibsu, Jabuutii kan jiran saboota Affaariif Isaadha. Qacceen maatii isaanii inni guddaan kan jiru as Affaar keessadha. Ummata asii gara Jabuutii deeme malee Jabuutiirraa as kan dhufe hin jiru.
Tokko achii, kaan ammoo gamanaa firoota qaba. Affaaris Isaasnis. Kanaafuu nuti jabaannaan biyya dinagdee tokko ijaaruun karoora yeroo dheeraadhas jennee hin yaadnu.
Sudaaniin yoo fudhanne, biyya saboota hedduu qabduufi guddoo waan taateef karaa Beenishaangul Gumuziin biyya dinagdee tokko uumna yoo jenne, yaada ta’uu hin dandeenyedha. Jabuutiin garuu obbolaakoodha.
Akkuma maatiitti qabachuunii qabna. Bishaan, elektiriikafi bu’uuraalee misoomaa dhiyeessuun nurraa eegama. Daldala gama sanaas cimsuun barbaachisaadha. Dinagdeedhaan tokkoomuun salphaadha.
Nageenyiifi tokkummaan jiraannaan karaa keenyaan waan milkaa’uu danda’udha.
Birmadummaa Jabuutii gaaffii keessa galchuukoo miti. Hayyamaafi jaalalaan hawaasa dinagdee tokko uumuun garuu hojii yeroo dheeraa godhamee yaadamuu hin qabu.
Ismaa’eel Omaar Giileen yeroo darbe ‘Laga Awaash fayyadamuu keenya ni mirkaneessina’ yaada jedhu maxxansanii ture, isaaniyyuu Awaashiin keenyadha jedhanii yaadu jenneetu kan fudhanne. Kanaaf aaruu dhiisne, kanaaf nu ajaa’ibuu dide.